Gaazexeessaan beekamaa Aljeeziraa dubartoota qoccoluun himatame

Madda suuraa, BARRY IVERSON / ALAMY STOCK PHOTO
Kamaal Santamaariyaa gaazexeessaa TV gameessa oduu dhiyeessuun beekamudha.
Kamaal ganna 16 darban erga Aljeeziraa keessa hojjatee booda gadhiisuu beeksise.
Akka tasaa dhaabbaticha gadhiisuu isaaf ka'umsi qocoollaan saala raawwataa jedhamee himatame ifoomu hordofeeetu shakkiin jedhu jira.
BBC'n qorannoo ragaan hojjattoota waliin hojjataa turanirraa argateen qoccollaan saalaa qaqqabaa akka ture, dhaabbatichi garuu himannaa isarratti dhiyaataa ture bira dabraa akka ture ibsame.
Qorannoon BBC- af-gaaffii hojjattoota Aljeeziraaa duranii fi ammaa waliin gaggeessee fi himannaan hojjattootaa akka agarsiisutti, Aab Santamaariyaan qoccollaa saalaa kutaa oduu dhaabbatichaa Dohaatti argamutti raawwachuun himatame.
Namoonni kaan sirumayyuu qocollaan saalaa kun kan isaa qofaa miti jedhan jiru.
Kamaal Santamaariyaa miidiyaa Niwu Zilaanditti beekama ta'e TVNZ keessa guyyoota 32’f erga hojjjatee booda hojicha gadhiise ture.
Akkuma hojicha gadhiiseen amala badaa inni kutaa oduu keessatti qabaachaa ture ifa bahaa adeeme.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Battaluma sana hiriyaan Santamaariyaan Aljeeziraa keessa ganna 16’f waliin hojjataa ture ifatti dubbachuu eegalan.
Namoonni kunneen dhaabbatichi haala iddoo hojii mijataa hin taane jajjabeessuun kan himatan yoo ta’u, komiin tuttuqaa saalaa, qoccollaa fi jibbi sanyummaan walqabatu bakka itti ilaalamuu tahuu himatan.
Kamaal Santamaariyaa himannaa irrattii dhiyaatuuf gaafatamee, kallattiin deebii BBC’f hin kennine.
Namonni BBCtti himatan kunneen maqaan isaanii akka hin dhahamne kan gaafatan yoo ta’u, yoo maqaan isaanii dhahame hojii isaanii akka miidhu sodaa qabna jedhan.
Santamaariyaa ifatti akka maxxansetti, himannaan duran irratti dhiyaate amaneera, ‘’Muraasni isaanii dhugaadha, muraasni isaanii qabiyyeesaaniin alatti kan hiikaman, kaan sobaa fi seenaa darbe irra deebiin barreessuudha,’’ jedhe.
Himannnaa BBC irraa dhiyaateef deebii wayita kennu ''amalli koo kan namatti hin tolle yoo ta'aniif dhifaman gaafadha,'' jedhe.
BBC'n qorannoo bal'aa erga gaggeessee booda TV Aljeeziiraaf himannaa 22 dhiyeesse.
Dhaabbatichi himannaa kana tokkoo tokkoo isaaf deebii hin kennine, walitti gurmeessee deebise.
Hojjattoonni Aljeeziraa qoccollaan saalaa idileen kan isaan mudatu ta'uu dha kan kaasan, Kuwaataritti garuu qoccollaa saalaa akka rakkoo jabdutti kaasuun waan yaadamu hin turre.
'Hancufasaa fuula koorraa haquutu narra ture'
Gaazexeessaa Saantamaariyaan TV Niwu Zilaand keessa guyyoota 32 hojjatee erga gadhisee booda bara 2005 Aljeeziiraatti qacarame.
Sana booda otoo baayye hin turiin kallattiin oduu dhiyeessuu eegale.
Waayillan hojiisaatii Saantamaariyaan kaan nama taphataa, saphaatti namoota biroo wajjin waliigalu, fi ''ogeessa jabaa'' akka ta'e ragaa bahaniif.
Saantamaariyaan wayita Aljeeziiraatti qacaramu Tooriin qopheessitu TV dargaggeettii turte.
'Waa tokko tokko haa raawwannu malee, ayyaanaaf mana keetti nan affeerre' jedhee karaa waatsappii dhaamsa naaf erga ture jette.
BBC'n Tooriif dhaamsa ergame ilaaluun himannaa isheen dhiyeessite mirkaneesseera.
Tooriin akka jettutti, qoccollaan Saantamaariyaan dhaamsa erguun qofa hin daangofne,'biiroo keessatti na tuttuqa'' jette.
''Beekaa dugda koorra harka kaa'a''' jette. Kanarra kan darbe ammoo eeyyama ishee malee dhungachuu isaati.
'' Si'a lama ykn sadii hancufa isaa fuula koorraa haquuf mana fincaaniitti deddeebi'eera,'' jette Tooriin.
Kana malees, Saantamaariyaan waa'ee guddina harma waayilla hojii dubartoota waliin hojjatuu irra deddeebiin wayita yaada kennu dhaga'eera jette Tooriin.

Madda suuraa, Getty Images
Dhiirri Saantamaariyaan wajjiin hojjataa ture kan biraan kutaa oduu otoo waliin hojjatanii akka tasaa dhungachuu himate.
Namni kun ammas dhaabbaticha keessa hojjataa jira. Dubartiin Saantamaariyaan waliin hojjataa turte kan biraan, iddoo namni walittii qabametti morma jala na dhungate jettee himatte.
''Yeroo sanatti naasuu guddaatu natti dhaga'ame, namoota birattii hariiroo addatti waliin waan qabnu itti fakkachuu danda'a jedheen yaade. Hogganaa hojii keenyatti isa himachuu hin dandeenye,''jette.
Namoonni miidhame jedhan kunneen ''inni beekamaa waan ta'eef'' hoggantota olaanootti himachuun nutti cime jedhan.
Shamarreen Fiyoonaa jedhamtu Aljeeziiraatti shaakalarra wayita turtetti, mallattoolee saalqunnamtii itti ergaa akka ture fi, akkasuma hammaate akka rakkisaa ture himatte.
Waan narra qaqqbe hoggantoota sadarkaa giddugaleessaatti himeen ture''ammas isi qoccoluu ittifufeera'' jedhee akka itti qoose Fiyoonaan himatte.
Sana booda Bulchinsa Humna Namaa dhaabatichatti himachuuf yaaddee 'kontiraata yero gabaabaan waan qabduuf himachuu hin dandeessuu,'' jedhamu kaafate.
'Hojiirraan arii'ama jedheen sodaadhe'

Madda suuraa, Getty Images
Waayillan Saantamaariyaan qoccollaan saalaa irra qaqqabuu himatan irraa caalan isaanii yoo himanne hojiirraa ariyatama jedhanii akka sodaatan himan.
Dhaabbaticha keessatti sirni itti gaafatamummaa ifatti mirkaneessu akka hin jirre eeran.
Saantamaariyaan TV Niwu Zilaand, iddoo ji'a tokkoof qofa hojjatetti himannaan erga irratti dhiyaate booda qaama walabaatiin erga qulqulleeffame, namni isa qacarellee otoo hin hafiin hojiirra ariyatame.
Gaazexeessitoonni biroo hedduu qoccolaan saalaa dhaabbaticha keessatti hundee horachuu dubbatu.
Dubartiin dhaaabbatichaa hojjattu kan biraa tokko hoggannaan ishee haatii warraan ishee yeroo mana hin jirre, mana isaa akka dhaqxu akka affeeru dubbatte.
Gaazexeessituun biraa tokkos hogganaan ishee ''yeroo sooma ramadaanaa saalqunnamtii raawwannu malee jedheetu na rakkisa, hojii koon dhaba jedheen sodaadhe'' jetteeti.
BBC'n ragaan argate akka agarsiisutti ,qoccollaan saalaa kun waajira dhaabbatichaa Kuwaataar Dohaatti argamu qofaa otoo hin taane, waajira dhaabbatichaa Landan agamuttis ni qaqqabaa ture.












