Namtichi boombii poostaan ergaa Ameerikaanota shororkeessaa ture mana hidhaatti du'ee argame

Madda suuraa, Getty Images
Tewodoor Kaazaaniis jedhama. FBI Yunaaboombar maqaa jedhu moggaaseeraaf. Boombii poostaatiin erguutiin nama Ameerikaanota waggootaaf shororkeessaa turedha.
Fiilmiin walitti fufee dhiyaate seenaa gocha yakka nama kanaa himu daawwatama tureera.
Akka aanga'oonni BBC mirkaneessanitti namni kun mana-hidhaa keessatti du'ee argameera.
Maanguddoo waggaa 81 kan ta'e Kaazaansiikiin, boombii dhoksee poostaan erguun namoota sadii ajjeesee 23 ammoo madeesseera.
Kanas kan godhe bara 1978 hanga 1995tti.
Waggoota 20f poolisii baqachaa turee dhumarratti kan qabame bara 1996 yoo ta'u, hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.
Yunivarsiitii Harvaarditti Herrega kan barate Kaazaaniskiin, mana xiqqoo kutaabulchiinsa Ameerikaa Montaanaa jedhamtu keessatti ijaarrate keessatti ture kan qabame.
Waggoota dheeraaf Ameerikaanota ajaa'ibsiisaa kan ture Teediin, fiilmiiwwan baayyeen isarratti hojjetamaniiru.
Waggoota 30 darban mana hidhaa kan ture Teedii Kaazaaniskiin, osoo hin du'iin dura mana-hidhaa Noorz Kaarolaayinaa keessa ture.
Eegdonni mana-hidhaa kanaas akka saatii bakka sanaatti Dilbata 6:25 irratti reeffa nama kanaa akka argan itti-gaafatamaan manneen-hidhaa Ameerikaa BBC'tti himeera.
Sababii maaliin akka du'e hanga ammaa kan beekame hin jiru.
Rakkoo fayyaa mudateen gara Noorz Kaarolaayinaatti geeffamuun dura mana-hidhaa hordoffii addaa qabu Koloraadootti argamu keessa ture.
Teediin, gaazexoonni Waashingitan Post fi Niiwu Yoork Taayims akka dirqamaan 'Maanufestoo' isaa baasaniif dirqisiiseera.
Fulbaana 1995 barreeffama ‘Industrial Society and Its Future’ jedhu ture akka gaazexootarratti maxxansaniif kan godhe.
FBI fi Abbaan Alangaa US yaada kennaniin gaazexoonni gurguddoo lamaan 'Maanifestoo' nama kanaa kanmaxxansan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Teediin gaazexoonni kun erga barreefffama isaa kana maxxansaniif booda haleellaa raawwachuu akka dhaabu waadaa galee ture.
Barreeffamni Teedii jechoota kumaa 35 ta'e kun jireenya ammayyummaa kan mormu yoo ta'u, tekinooloojiin Ameerikaa akka humna hin qabaanneefi qofa galeettii taatee gara badisaatti akka deemtu kan geessu ta'eera.
Hanga barreefamni kun ba'utti qaamoleen nageenyaas ta'e namoonni biroon waa'ee eenyummaa nama kanaa wanti beekan hin turre.
Namni kun ija poolisii keessa kan bu'e obboleessi Teediifi haati warraa barreeffamicha erga dubbisanii booda isa ta'uu danda'a jedhanii FBIf eeruu kennan.
Ebla 1996፤ qaamoleen nageenyaa bakka Linkan jedhamtu kutaa bulchiinsaa Montaanaa keessatti mana mukarraa hojjetamte bosona keessa jirtu tokko keessatti to'annoo jala oolchan.
Manni isaa yeroo sakatta'amu kitaabonni baayyeen seenaa dhuunfaa afaan addaatiin barreeffaman, fenjiiwwaniifi boombiiwwan lama argamaniiru.
Namoonni baayyeen nama kana akka nama siyaasaa ga'eessa ta'e tokkotti ilaalanillee inni garuu haalootiin alatti kaayyoo biraa akka hin qabne dubbata ture.
Namni kun yakka hojjechuu kan jalqabe obboleessi isaa daldala maatii isaarraa ari'etti bosona seenee mana ofiisaa hojjetatee meeshaa ammayaa tokko malee jireenya erga jalqabeen boodadha.
Haleellaa lamaan kan raawwate Yunivarsiitii Noorz Wast irratti ture. Itti aansee ammoo Daandii Qilleensaa irrattidha.
Namni kun maqaa Yunaaboobar jedhamu kankennameef sababa haleellaa Yunivarsiitiifi Daandii Qilleensaa irratti raawwateenidha.












