Kooriyaa Kibbaatti maaliif of ajjeechaa dhiirootaa dabalaa jiruuf dubartoota komatan?

Madda suuraa, Getty Images
Namni siyaasaa Kooriyaa Kibbaa tokko of ajjeechaa dhiirotaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiruuf gahee “ol’aantummaa” dubartoonni hawaasa keessatti qabaniidha jechuun himatan.
Yaandi nama siyaasaa falmiisiisaa fi ragaa hin qabne kun ammoo hawaasa keessatti komiifi qeeqamaa kaasaa jira.
Gabaasa miseensi mana maree magaalaa Sii'ool, Kiim Ki-duck, gabaasa dhiyeessan keessatti, waggoota darban keessatti hirmaannaan dubartoonni hojii keessatti qaban dabalaa dhufuusaatti, dhiironni carraa hojii dhabuufi dubartoota isaanitti heruman argachuuf akka rakkatan taasiseera jedhan.
Dhiheenya keessa biyyattiin gara ''hawaasa ol'aantummaan dubartootaa ittii guddateetti jijjiiramuu eegalteetti,'' kan jedhan namni siyaasaa kunis, gamtokkoon kanatuu akka ''yaalii of ajjeesuu dhiiroota dabaluudhaaf gumaache ta'u mala'' jedhan.
Kooriyaan Kibbaa biyyoota dureeyyii addunyaa keessaa biyya of ajjeesuu keessatti baayyatu keessaa tokko yoo taatu, haata'u malee gama walqixxummaa saalaatiin seenaa hamaa qabdi.
Yaadni miseensi mana maree Kiim kennan kunis akka namoota siyaasaa dhiiraatiif waliitti fufiinsaan dubbatan keessaa isa tokkootti ilaalamuun qeeqamaa jira.
Aab Kiim, miseensi Paartii Dimookiraatawaa, yaada kanarra kan gahan erga ragaa lakkoofsa yaalii of ajjeesuu riqicha laga Seoul’s Han jedhamu irratti raawwatame xiinxalanii boodadha.
Gabaasni marsariitii mana maree magaalattii mirkanaa'aarratti maxxanfame kun akka agarsiisutti, lakkoofsi namoota laga kanarra yaalii of ajjeesuu raawwatanii kan bara 2018 manoota 430 ture, bara 2023tti ammoo gara 1,035tti akka ol guddateeera. Namoota lubbuusaanii balleessuuf yaalan kanneen keessaa ammoo kan dhiirotaa %67 irraa gara %77tti ol ka’eera.
Ogeeyyiin ittisa of ajjeechaa gamasaanitiin gabaasa Aab Kiim kanarratti yaaddoo qaban ibsaniiru.
Yunivarsiitii Saa'olii keessaaYonsei'tti piroofeesara fayyaa sammuu kan ta’an Song In Haan BBC’tti akka himanitti, ''Ragaa gahaa malee himannaa akkanaa dhiyeessuun balaafamaa fi ogummaa kan hirrateedha'' jedhan.
Akkuma addunyaattu dubartoota caalaa dhiironni lubbuu isaanii akka balleessan akeekaniiru.
UK dabalatee biyyoota hedduu keessatti of ajjeesuun dhiirota umuriin isaanii waggaa 50 gadi ta'e biratti guddaadha jedhan.
Kanas ta’e sana garuu, Profeesar Song akka jedhaniitti, sababiin dhiironni biyyattii itti of ajjeesuuf yaalan akka dabalu taasisee karaa saayinsaawaa ta’een qoratamuu qaban.
Kana malees, yaadni miseensi mana maree kun haalicha dhimmicha dhimma rakkoo saalaa gochuun isaanii “baay’ee kan nama gaddisiisu” jedhan.












