Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni maree Ameerikaa seenaa keessatti yeroo jalqabaaf af-yaa'iisaa aangoorraa kaase
Af- yaa'iin Mana maree Bakka Bu'ootaa Ameerikaa filannoo gaggeeffameen sagalee deeggarsaa dhabuun aangoorraa kaafaman.
Taateen kunis seenaa Ameerikaa keessatti kan jalqabaati.
Keviin Makaartii erga af-yaa'ii ta'anii waggaa tokko hin guunne.
Kaalifoorniyaa bakka bu'uun teessoo mana maree kan argatan qondalali kun sagalee mormii 216 fi deeggarsa 211'n mo'amuun aangoorraa kaafaman.
Af-yaa'iin miseensa paartii Rippaabilikaan ta'an Makaartiin erga torbee darbe dhimma bajataa manneen hojii mootummaa Ameerikaa cufsiisuuf ture sirreessuuf dimokiraatota waliin waliigalanii akka aangoorraa ka'aniif sochiin eegalame.
Adeemsi af-yaa'ii kana aangooraa kaasuu mana maree kana keessatti akka eegalamu kan taasisan, hiriyaa pireezidantii duraanii Doonaald Tiraamp kan ta'aniifi bakka bu'aa Filooriidaa Maat Geetiz qondaala jedhamaniidha.
Af-yaa'iin kun rakkoo bajataa wajjiraalee mootummaa garii guutummaatti cufsiisuu danda'u hambisuuf wayita mariin gaggeeffamutti, iccitiidhaan qondaaltota Waayit Haawus waliin dubbachuun deeggarsi Yukireeniif taasifamu akka itti fufu waliigalaniiru jedhamuun himataman.
Af-yaa'ichi garuu dubbii kana hin fudhanne.
Makaartiin himannaa Maat Geetiz irratti dhiyeessan ''dhimma baajataan kan walqabatu osoo hin taane dhimma dhuunfaati,'' jechuun balaaleffatan.
Kanaafuu himata irratti dhihaate xiyyeeffannaa addaan akka ilaalan ibsan.
Keevin Makaartii Ameerikaa keessatti pireezidantii fi itti aanaa pireezidantiitti aanuun aangoo olaanaa nama qaban turan.
Adeemsa keenniinsa sagalee irra deddeebiin erga gaggeeffame booda Amajjii darbe af-yaa'ii ta'uun filataman.
Waayit Haawus aangoorraa kaafamuu afayaa'ii kanaa ilaalchisuun ibsa baaseen, ''rakkoon biyya keenya mudate kan yeroo kenninuuf waan hin taaneef filannoon hatattamaa gaggeeffamuu qaba,'' jedhe.
Manni maree kun hatattamaan af-yaa'ii ni filata jedhanii akka abdatan dubbatan Pireezidantiin biyyattii Joo baayidan.
Qajeeltoon seeraa af-yaa'iin kun itti aangoorraa kaafaman waggoota dura mana maree kanaan raggaasifame.
Garuu yeroo lama aanga'oota kaasuuf yaalamus sagalee ga'aan waan hin argamneef hanga ammaa namni kaafame Aab Makaartii qofa.
Seenaa keessatti yeroo jalqabaaf nama erga aangoo af-yaa'ii qabatee reefuu ji'a salgaffaa qabatanii jiran aangoorraa kaasan.
Af-yaa'ii aangoorraa kaafaman kana bakka bu'uun eenyu mana marechaa akka hoogganu ammallee hin baramne.