Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Leenjisaan Maanchister Teen Haag, Baarseloonaaf dirree keenya irratti xumurraaf jedhan
Erik Ten Haag taphattootni Maanchister Yuunaayitid ''kutannoo fi gahumsa guddaa qabu’’ jedhan.
Tapha Awurooppaa Liigii dirree isaaniin ala Baarseloonaa waliin taasisanii 2 fi 2’n xumuran booda yaada kennaniin Baarseloonaaf dirree keenya irratti qophoofna jedhaniiru.
Kilebootni lameen kana dura xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigii irratti si’a lama walitti dhufaniiru.
Lamaan isaayyuu Baarseloonaatu mo’ate. Ammas xumuraaf dhaqabuuf wal kuffisuuf morkii taasisaa jiru.
Gareen Zhaavii galchii jalqabaa lakkoofsisanis osoo hin turiin taphaa Maanchister leenjisaan Baarseloonaa jajan Raashfoordi galchii wla qixxeesituu lakkoofsise.
Raashfoordi bara kana galchii 22ffaa isaa Maanchisteriif lakkoofsisuu isaati. Galchii haga kana bara 20119-20 ture kan lakkoofsise.
Baarseloonaaf taphataa duraanii Chelsii Maarkos Aloonsootu lakkoofse.
Maanchister galchii taphataan baarseloonaa Koondeen galchii isaa irratti lakkoofsiseen dursa qabate.
Garuu taphataan lammii Biraazil Liidsi Yuunaayitidif irraa baarseloonaa gale Raafiinaan galcii wal qixxesituu lakkoofse.
Taphni debii dirree Oldi Tiraafordi irratti kamisa dhufu gaggeeffama.
''Garee jifachuun taphatan lamadha. Tapha Shaampiyoonsi Liigii natti fakkaate. Inumaayyuu sanaan olidha. Taphichatti hedduu gammadeera. Dhumarratti qixa 2-2 xumurame, Ooldi Tiraafordi irratti xumurra’’ jedhan leenjisaan Maanchister Erik Ten Haag.
"Eeyyee Raashfoordi gahumsa agarsiiseef nan isa jajadha. Garuu ammo garee guutuun haala gaaiin taphatan. Gahumsa akka gareetti agarsiisan isa cimaadha.’’
Kilebootni gurguddoo lamaan adunyaa keenyaa kunneen jabina dur qaban irraa kufuun Awurooppa Liigii keessatti dorgomaa jiru. Amma ammoo bifa haaraan garee isaanii ijaaraa jiru.
Baarseloonaan Shaampiyoonsi Liigii keessaa kufuun Maanchister ammo garee isaa keessaa sadarkaa lammaffaan waan xumureef marsaa itti aanuuf darbuuf tapha kana gaggeessaa jiru.
Peediriin tapha kana irratti miidhamee bahe. Gaaviin sababa adabbii kaardii keelloo argateen tapha Oolti Tiraafordi irratti taasifamu irratti hin hirmaatu.
Erik Ten Haa taphicha Ooldi Tiraafordi irratti haala gaariin xumuruuf dhaataniiru.
Garuu gahumsa lameen isaanii agarsiisaniin garee kamtu carraa darbuu qaba kan jedhu tilmaamuun rakkisaa taha.
Bara 2019 yeroo Ole Gunaar Soolshaayer Maanchister leenjisaa turetti Baarseloonaan 3 fi 0'n mo'atee ture. Garuu gareen har'aa kan yeroo sanaa irraa gama hundaan addadha.