Intalli michuu Puutin magaalaa Mooskoo keessatti ajjeefamte

Maxxanfame

Intalli nama michuu dhiyoo Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin ta'e magaalaa Mooskootti dhiyeenyatti ajjeefamuun ishee dhaga'ame.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti Daariyaa Dugin wayita gara manaatti deemaa jirtutti konkolaataa oofaa turterratti ibiddi qabatee dho'uu isaatiin lubbuun ishee darbe.

Abbaan ishee hayyuu falaasamaa Raashiyaa beekamaa Aleeksaandar Dugin jedhama.

Namni kun ‘‘sammuu Puutin,‘‘ jedhamee nama beekamu yoo ta’u, haleellaan intala isaa irratti xiyyeefate kunis sababa kanaaf ta'uu hin oolle jedhameera.

Abbaan Dariyaan kan ta’an Dugin nama olaantummaa Raashiyaa leellisuun beekamu yoo ta’u, Pirezedantii Raashiyaatti dhiyeenya guddaa qaba jedhamee amanama.

Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti, Dariyaan abbaa ishee waliin  Sambata halkan sagantaa tokkorratti hirmaatanii gara manaatti deebi’uuf kan turan yoo ta’u, maayirrattti abbaan ishee Dugin yaadasaanii geeddaruun konkolaataa gara garaatiin imaluuf murteessan.

Viidiyoon Telegiraamiirratti maxxanfamee tokko akka agarsiisutti yoo ta’e, Dugin konkolaataa gubatu dhaamsuuf lubbu baraartoonni wayita naannicha qaqqaban miira naasuun liqifamamanii ilaalaa turan.

BBC’n waa’ee viidiyoo sanaa qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.

Qaamoleen seera kabachiisan Tajaajila oduu 'Tass‘ jedhamutti akka himanittii, dubartiin kun boombii mandara Bolshiyee Viyazeniy jedhamu keessatti dhoheen ajjeefamte.

Ta'us, qaamoleen seera kabachiisan odeeffannoo bal’aa hin kennine.

Qondaaltonni Raashiyaa amma yoonaatti dhimma kanarratti yaada ifatti hin kennine.

Dugin aangoo mootummaa keessatti argatan hin qaban, garuu Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin wajjin walitti dhiyaatu.

Kanarraa ka’uun moggaasa‘‘Raasputiin Puutiin‘‘ jedhu argataniiru. Kana jechuun ammoo nama Putiin dhiibbaa uumu jechuudha.

Daariyaa Duginaa gaazixeessituu Raaashiyaa beekamtuu yoo taatu, ifatti Raashiyaan Yukireen weeraruu deeggartee turte.

Shamarree ganna 30 kun, weerara Raashiyaan walqabatee "odeeffannoo dharaa" tamsaasuurrattii qooda qabdi jechuun qondaaltoonni Ameerikaa fi UK qoqqobbii isheerra kaa’anii turan.

Daariyaan  af-gaaffii taasifame keessatti weerarri Raashiyaa kun ‘‘qaroominatu walitti bu’e," jechuun akka itti boontu ibsitee turte.

Abbaan ishee Aleeksaandar Dugin bara 2015 wayita Raashiyaan Kireemiyaa humnaan qabattutti qooda gumaaache qaba jedhamuun biyyoota Lixaan qoqqobamee akka turetu yaadatama.