Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yerusalem keessatti yeroo jalqabaaf dubartiin paastarii ta’uun muudamte
Kuutalee addunyaa Kisistaanummaa hordofan hedduu keessatti, dubartoota paasteroota (hoggantoota mana amantaa ta’an arguun) waan ajaa’ibaa miti. Ta’us garuu hanga ammaatti, biyya seenaan Maacafa Qulqulluu irratti hundeeffame, Israa’eel, Yerusaalem keessatti dubartiin aangoo kanaaf muudamte hin turre.
Dilbata (23/01/2023) irratti, dhalattuun Palestiin Yerusaaleem irraa taate, Saalii Azaar, mana amantaa Luteraan magaalitti dubartii paastoorii ishee jalqabaa ta’uun muudamteetti.
“Gammachuu namoota biroo yeroon argu caalaattin gammade,” jetti Lubi Azaar. “Tarkaanfii kana deeggarsa waldaa waliin fudhachuun baayyee nama gammachiisa.”
“Shamarraniifi dubartoonni hedduun kun wanta danda’amu ta’uu isa ani baru, akkasumas dubartoonni waldoota biroo Kanaan nu hordofu jedheen abdadha. Akka yeroo dheeraa fudhatu nan beeka, ta’us garuu Palestiin keessattis utuu kun jijjiramee waan dansaadha.”
Daangaalee Paleestiin, Israa’eel fi Joordaan keessatti hordoftoonni amantaa Kiristaanummaa lakkoofsaan muraasadha.
Hordoftoota amantaa Kiristaanummaa kunneen keessaa hedduun isaanii ammo miseensota mana amantaa Giriik Ortodooksii fi Laatin Kaatoolikiidha. Manneen amantaa kun ammo dubartoonni luba akka ta’aniif hin eeyyamani.
Ta’us garuu, waggootii darban keessatti Waldaalee Pirootestaantii keessatti dubartoota Lubummaan muuduun dabalaa dhufeera.
Kunneen biyyattii (Israa’eel) keessatti waldoolii miseensota muraasa kan qaban, mannen barnootaa fi hospitaalota kan gaggeessanidha.
“Bakka aadaa fi hawaasa olaantummaa dhiiraa leellisu qabdu kam keessattiyyu kun tarkaanfii guddaadha,” jechuun Lubni olaantuu Church of Sweden dhiyeenya soorama baate, Antee Jakiliin dubbateetti.
“Erga ani wagga 40’f muudame tajaajilee eegalee, namoota hedduu kun wanta danda’amu miti jedhanii yaadan hedduu argeera. Amma garuu dubartoonni akka pastarii, luba fi luba oolanoo ta’anii yemmuu tajaajilan agarreerra, akka hojjetuu fi akka Macaafa Qulqulluuu waliin deemus beekna.”
Adde Azaar kan muudamte abbaa ishee Luba Saanii Azaarinidha. Fakkeenyii isaa hamilee akka ta’eef himtuus, barnoota tiyoolojii barachuuf dhiibbaan akka irra hin turre dubbateetti.
“Wanta fedhiikoo turedha, wantan itti waamamedha,” jetti.
Akka paastariitti Yerusaaleemii fi Biyeet Sahoot, Weesti Baankitti argamu keessatti, miseensota Ingiliffaa haasa’aaniif, itti gaafatamummaa akka sagantaa gaggeessuu fi Macaafa Qulqulluu barsiisuu ni qabaatti.
Deeggartoonni Luba Azaar ilaalcha waloo fi yeroo dheeraaf ture kana falmuuf isheen nama sirri akka taate amanu.