Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee filannoo Naayijeeriyaarratti qabxiilee muraasa beeku qabdan
Biyya Afrikaa baay'ina ummataatiin tokkoffaa taate Naayijeeriyaatti lammiileen Sambata Guraandhala 24 pirezidantii haaraa filachuuf bahu.
Sababii nageenya dhabiinsaa fi rakkoolee diinagdeetiin wal qabatee biyyattii keessatti rakkoon cimaa adeemeera.
Tarii dorgomtoonni keessattuu kanneen sirna siyaasa biyyattii keessa barootaaf turan, haala amma biyyattiin keessatti argamtu kana jijjiruu danda'u wayii ni argamaa laata?
Pirezidantiin biyyattii Muhaammadu Buhaariin waggoota saddeetiin booda amma aangorraa bu'uuf jiru.
Barri aangoo isaanis kan hokkoraafi nyaata bitachuf illeen maallaqa barbaadan itti argachu hin dandeenyee ture. Sababii hanqina maallaqaa kunis jijjirraa noottii dhiheenya taasifameen kan wal qabatuudha.
Haata'u malee, rakkoon Naayijeeriyaa keessatti mul'atu kan hir'ina maallaqaatiin wal qabate qofaa hin turre.
Barri darbees qabsoo fi taateewwan garaa garaa kan akka qaala'iinsa olaanaa fi haleellaa hidhattootaan namoota nagaarratti raawwatamutiin kan guutame ture.
Deeggartoonni Buhaarii inni waan danda'ameef hunda raawwachuufi milkaa'insa galmeessan kan akka hojiiwwan gama pirojektoota bu'uraalee misoomaa fi haleellaa hidhattootaa ittisuuf taasisan kaasu.
Haata'u malee, haatii warraa pirezidaantichaa osoo hin hafne waan eegame raawwachu dadhabuutti ummata biyyattii dhiifama gaafatanii ture.
Haata'u malee, qaamni filannicha injifatu kamuu hojii salphaan eeggataa hin jiru.
Eenyutu dorgomaa jira?
Waliigalatti kaadhimamtoonni 18 aangoo olaanaa kanaaf dorgomaa kan jiran yoo ta'u, garuu ammoo sadan isaanii qofaatu carraa injifachu olaanaa qaba, akka odeeffannoo walitti qabameetti.
Bola Ahimad Tinubu, gaheessa umuriin waggaa 70 yoo ta'an Paartii Ool Pirogireesiivi Kongirasii (APC) irraati. Isaanis bulchiinsa kibba-lixaa keessatti akka hayyuu siyaasaatti beekamu. Dhiibbaa olaanaa qabaatan illeen barootaaf ammoo malaammaltummaa fi fayyaa dhabiinsaan komiin irratti ka'a, isaan lamaanu waakkatan illeen. Dhaadannoon filannoo isaanii 'Emi Lokan' jechuunis pirezidantii ta'uuf dabareen kan kooti jedhuun dhiyaatan.
Atiku Abubakar, gaheessi umuriin waggaa 76 ammoo Paartii mormituu isa guddicha Paartii Dimokiraatawaa Ummattoota (PDP) irraa dorgomu. Kanaan duras yero shaniif pirezidaantummaaf dorgomanii hundumaanu hin milkoofne.
Garuu ammoo bara bulchiinsa Oluseenguun Obaasaanjootii, nama daldalaa beekamaa ta'u kaasee hanga ittigaafatamummaa olaanaa irra hojjataa turan. Akkuma Obbo Tinubuu malaammaltummaan himataman illeen garuu ni waakkatu.
Pitar Obii, gaheessa umuriin waggaa 61 yoo ta'an, isaaniis sirna paartii lamaan kanneen erga bara 1999 yeroo bulchiinsi waraanaa itti xumuratee kaasee aangoorra turanii xumura itti tolchuuf abdatu. Paartii Hojjattootaa baay'ee hin beekamne bakka bu'uun dorgomu.
Hanga bara darbeetti PDP waliin hojjataa turan illeen, dargaggoota biyyatti bira deeggarsa argataa akka jiran miidiyaa hawaasaa irratti mul'ataa jira. Daldalaa dureessi kunis Bulchiinsa kibba lixa Anaamdiraaatti bulchaa ta'un 2006- 2014'tti tajaajilaniiru.
Eenyutuu mo'ataa laata?
Haalli amma jiru akka mul'isutti dorgomtoota paartiilee gurguddaa lamaan irraa Obbo Atikuu ykn Obbo Tinubuutti injifata. Garuu ammoo deeggartoonni Obbo Obii deeggarsa dargaggootaa qabu.
Filannoon pirezidantummaa kunis Sambata Guraandhala 25 kan gaggeeffamu yoo ta'u, yoo adda baasuun rakkisaa ta'e ammoo torban sadii keessatti irra deebiin filannoo kan gaggeefamu ta'a.
Sababii haala nageenyaa biyyattiin kan ka'ee guyyaa filannoo tursiifamu danda'a yaada jedhuu Komishiniin Filannoo biyyattii hin fudhanne.
Filannichi attamiin gaggeeffama?
Kaadhimamaan tokko injifachuudhaaf biyyattii guutuurraa sagalee olaanaa argachu qaba. Kunis yoo xinnaate bulchiinsawwan Naayijeeriyaa keessaa sagalee lama sadaffaa argachuu qaba.
Yoo kaadhimamtoota jiran keessaa homtuu kana gochu dadhabanii ammoo, guyyoota ittaanan 21 keessa filannoon marsaa lammaffaa isa tokkooffaafi lammaffaan xumure jidduutti gaggeeffama.
Dhimmoonni gurguddoon maal fa'i?
Dhimmoota lammiilee baayyee yaaddessan keessa tokko waa'ee nageenya dhabiinsaati. Biyyattii keessatti maallaqa gaafachuuf jecha lammiileen yeroo garaa garaatti butamanii fudhatamu.
Kana malee ammoo hidhattoota garee Isilaamtoota milishaa waraaniin kutaa kaaba biyyaattii fi kanneen kibba bahatti ammoo foxxoquuf lolan kanneen yaaddoo uuman keessaayi.
Taateewwan naasisoo bara darbe keessa mudatan keessaa tokko haleellaa Waldaa Kaatolikii keessatti bulchiinsa Owotti mudatee fi haleellaa hidhattootaan imaltoota baaburaa irratti raawwachuun hedduun ittiin ajjeefamanii ykn ittiin butamaniidha.
Pirezidanti Buhaariin''shororkeessaan ciminaan loluuf'' waadaa isaa eeguu dubbatan. Garuu ammoo lammiileen biyyattii hedduun ammalleen biyyattiin nagaa akka hin taane amanu.
Buhaariin dhugaa yaaddoo jahaadistootaa dhaabaniiru?
Dhimmi diinagdees yaaddoo lammiilee kan biraati. Bara 2022 keessa qaala'iinsii walitti aansuun baatiiwwan 10'f ol ka'e amma %21.8 irra akka jiru odeeffaannoon baatii kana gadhiifame ni mul'isa.
Haalli qaala'iinsa jireenyaa kunis maatii hedduun waan bu'uraa argachuuf akka rakkatan taasiseera.
Hojii dhabiinsi akkasumas rakkoo olaanaa yoo ta'u, kanneen yunivarsitiidhaa eebbifaman illeen hojii dhabuun baayyee yaaddoo keessa galcheera. Kunis godaansa lammiileef madda ta'aa jira.
Odeeffannoon dhiheenya Waajjira Istaatistiksii Biyyaaleessaa biyyattii irraa argame akka mul'iseetti, lammiilee %33 ta'an hin mindeeffamne. Kunis dargaggoota biratti qofaa yoo ilaalamu %42.5 ta'a.
Naayijeeriyaa biyya boba'aa oomishtu taatulleen, lammiilee biyyattii 10 keessaa afur sarara hiyyummaatiin gaditti argamu.
''Kanaanis barnootaa fi bu'uuraalee misoomaa kanneen akka ibsaa, bishaan dhugaatii qulqulluu fi qulqullina fooyya'aa argataa hin jiran'' akka Baankiin Addunyaa jedheetti.
Kaadhimamtooti hedduunis dhimma kana mata dure duula na filadhaa isaanii taasifatu.
Filannoo baranaa kanarrattis sagalee kennuuf kan galmaa'an miliyoona 93.5 yoo ta'u, isaan keessaa guyyicha meeqatu dhufee sagaleesaa keenna laata kan jedhu yaaddoo umeera.
Namoota filachuuf galmaa'an keessaa %40 kan ta'an dargaggoota umuriinsaanii waggaa 34 gadii yoo ta'u, Hogganaa Olaanaa Mahmuud Yakubuun ''filannoo ummata dargaggeessaa'' jedhaniiru.
Filannichi bilisaafi haqa qabeessaa ta'aa?
Filannoowwan kana dura Naayijeeriyaatti gaggeeffamaniin namoonni siyaasaa sagalee hatuu ykn hokkora kaasuun erga warra filatan sodaachisuufi saanduqa sagalee hatuu raawwatamaa akka ture gabaasaaleen ni mul'isu.
Haata'u malee, Komishiniin Filannoo Biyyaaleessaa (INEC) tekinolojiin haaraan fayyidaarra olfamu amma nageenya sagalee mirkanneessuuf akka gargaaru himu.
Yeroo namoonni siyaasaa itti deeggarsa argachuuf jecha buufata filannootti osoo hin hafne ummataaf kanfaltii itti taasisan ture.
Haata'u malee jijjirraan noottii Naayiraa tibbana taasifame sagalee bitachu rakkisaa ni taasisan jedhamee eegama.
Filachuuf maaltu barbaachisa?
Filachuudhaaf lammiileen kaardii filannoo dhaabbataa seera qabeessaa (PVC), kan dursanii galmaa'usaanii mirkanneessuu fi waraqaa eenyummaa qabachuu qabu.
Keessattuu kaardiin filannoo dhaabbataa (PVC) odeeffanno nama filatuu kan qabu yoo ta'u, guyyaa filannootti akka ragaa dabalataatti fudhatama.
Odeeffannoon namaas kaardicha keessa olkaa'ama.
Amma guyyaan itti kaardii kana fudhatan darbeera. Kanaaf, yoo kardii kana hin qabaannee ta'e, filachuu hin danda'amu jechuudha.
Tokkicha hiriira keessa erga galameen booda yeroon irra yoo darbes sagalee kennuun akka danda'amu Komishiniin Filannoo beeksiseera.
Haata'u malee lammiileen Naayijeeriyaa biyya biraa jiraatan filachuuf hin hayyamamuuf.