Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa'ima torban sadii dabalatee miseensonni maatii 7 haleellaa Raashiyaan ajjeefaman
Daa'imni erga dhalattee guyyoota 22 taate, obboleessi ishee waggaa 12 fi warrisaanii namoota torba Dilbata darbe Kibba Yukireen keessatti haleellaa Raashiyaan ajjeefaman.
Boombiin mana maatii mandara Shiyrokaa Balkaa jedhamu Kerson keessatti argamu rukute jedhan Ministirri Biyya Keessaa Igor Kiliyimenko.
Namoota haleellaa sanaan du'an keessatti jiraataa gandaa kan biraa fi dhiirota lama ollaa Istaanislaav ni argamu.
"Shororkeessitoonni ittifamuu qabu. Humnaan dhaabuu ittifamu qabu ," jedhan Obbo Kilimenkoon. "Isaan wanta biraa hin hubatan."
Ministirri dhimma biyya keessaa kun haleellaa Shaayirookaa Baalkaa irratti raawwatame booda suuraawwan, aarri gurraacha gamoowwan keessaa ol ka’aa jiran, fi reeffa namoota du’anii hagugame agarsiisan qoodan.
Haleellaa Raashiyaa sanaan namoonni 13 madaa’uus dabalaniiru.
Pirezedantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii haasaa guyyaa guyyaan biyyattiif taasisan irratti haleellaa "gara jabumaan raawwatame" balaaleffatan.
"Namoonni shan ajjeefamaniiru" jedhan. "Namoota ajjeefaman keessaa mucaan durbaa erga dhalattee guyyaa 22 ta’e keessatti argamti. Obboleessi ishee waggaa 12 qofa. Haati isaanii Olesiyaan umuriin ishee waggaa 39 warra du’an keessa jirti."
Kerson keessatti qofayyuu haleellaan Raashiyaa ilaallatu gabaasaleen 17 jiraachuu fi kan biroo hedduun akka ture dubbatan.
"Yakkoo Raashiyaan raawwattu kamiyyuuf deebii kennuu hin dhiifnu."
Kerson, naannolee Yukireen afur Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin bara darbe ofitti dabaleera jedhan keessaa tokko.
Waraanni Yukireen baatii Sadasaa 2023 keessa kutaa Dhiha Kerson deebisee fudhate. Loltoonni Raashiyaa laga Dinipro gamarraa naannoo sanatti dhukaasu ittifufan.
Haleellaan kun kan mudate erga Mooskoon riqicha Kireemiyaa, kan laficha Raashiyaa waliin wal-qunnamsiisurratti Kiyiiv haleellaa misaa'elaa raawwate jettee himtee guyyaa tokko booda.
Yukireen haleellaa kana raawwachuu hin mirkaneessine Zeleniskiin kanaan dura riqichi sun akka daandii dhiyeessii meeshaalee waraanaatti kan oolu ta’uu fi iddoo haleellaaf irratti qiyyaafatamu ta’uu ibsan.
Kireemiyaan erga bara 2014 humnoonni Raashiya laficha erga qabatanii as to'annoo Mooskoo jala turte - tarkaanfiin kun sadarkaa idil-addunyaatti balaaleffatame.