Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa diroonii dirree xiyyaara waraanaa Raashiyaatti dhaqqabeen namoonni sadi ajjeefaman
Haleellaa diroonii Yukireen iddoo buufata xayyaara waraana Raashiyaa irratti raawwatteen namoonni sadi du'uu Mooskon beeksifte.
Bakki haleellaan itti raawwate kun dirree xayyaara waraanaa Engels jedhamuufi Kibba Raashiyaatti argamuudha.
Dirree haleellaan itti gaggeeffame kana keessa xayyaarota waraanaa Raashiyaa gurguddoo fi boombii darbachuuf oolantu jira.
Haleellaa diroonii kana qolachuuf Raashiyaan mala ittisa haleella qilleensarraa fayyadamtee diroonii kufsteen namoota irraa miidhaa gaheera.
Haleellaa wal-fakkaataa Mudde 5 buufata xayyaara waraanaa Raashiyaatti raawwatee tureef Raashiyaan Yukireen himattee turte. Buufanni waraanaa kun daangaa Yukireen irraa 500km fagaatee gara kaabaa gara bahaatti argama.
Haleellaa diroonii buufata waraanaa Raashiyaa irratti raawwatame kana ilaalchisee Yukireen ifatti hin dubbanne.
Ministeerri ittisaa Raashiyaa ibsa baaseen humni waraanaa Raashiyaa diroonii Yukireen lafatti gadi dhiyaattee balali'aa turte Dilbata, Mudde 25 rukutee kuffisuu beeksise.
Caaccaba diroonii kanaan loltoonni Raashiyaa sadi du'uu ibse ministeerri itisaa biyyattii.
Bulchaan naannoo Saraatov gama saanitiin, jiraattota naannichaaf waanti yaaddessu homtuu akka hin jirre dubbate.
Humni ittisaa Yukireen waa'ee haleellaa gaggeeffame jedhamee kana hanga ammaatti homaa hin dubbanne.
Dirree xayyaara waraanaa Raashiyaa Enjils jedhamu kana Raashiyaan haleellawwan misaa'elaa Yukireen irratti rawwattuuf baay'inaan itti fayyadamti.
Yukireen daangaa ishee keessa lixuun haleellaa wal-fakkaataa akka raawwattu himatti Raashiyan.
Haleellan amma raawwate kun waraana Raashiyaaf qaanii akka ta'e dubbatu ogeeyyin waraanaa Yukireenfi biyyoota lixaa.