Waa'ee Sooma Guddicha qabxiiwwan ijoo torba baruu qabnu

Namoota tibba soooma guddichaa kadhannaarra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Akka seera Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti waggaa tokko keessa sooma torbatu jira.

Torba keessaa Soomni Guddichi akkuma maqaa isaa isa guddaadha.

Yeroo sooma kana hordoftoonni amantichaa eebba afuuraa olaanaa argachuuf nyaataafi dhugaatiirraa of qabuu isaaniin ala nama gargaaruu, gaarii hojjechuu, sagaduufi galateeffannaan dabarsu.

Waa’ee sooma kana ilaachisuun qabxiilee ijoo ta’an akka nutti himan Luba Badhaasaa Tolaa affeerre.

Lubi Badhaasaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Teessoo Paatiriyaarkiitti miseensa hayyootaati.

Maaliif Guddicha jedhame?

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa sooma gosa lama qabdi jedhu Lubi Badhaasaa Tolaa.

Inni tokkoffaa sooma kan labsii hin taane namni dhuunfaan soomudha. ''Namni namarratti kan beekuu hin qabne sooma dhuunfaa jedhama.''

Inni lammaffaa immoo sooma labsiidhaan soomamudha. Soomni labsiidhaan soomamu baay'innisaa torbadha jechuun ibsu.

‘’Sooma torban kana keessaati soomni guyyaa soomamun guddaa ta’e sooma isa kanadha. Kanaaf sooma isa guddaa ykn 'Abiy Tsoom' jedhama Afaan Gi’iziidhaan.

"Inni lammaffaan immoo sooma guddaa kan jedhameef sooma isa kaan namatu soome isa kana garuu Gooftaan [Yesuus Kiristoos] ofii isaa soomee waan nu agarsiiseef,’’ akka ta’e ibsu.

Soomi Guddichi yookiin Faasigaan baatii lama yookiin torban saddeetiif soomama.

Maaliif soomama?

Soomi Guddichi yookiin Faasigaan baatii lama yookiin torban saddeetiif soomama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Soomi Guddichi yookiin Faasigaan baatii lama yookiin torban saddeetiif soomama

Gooftaa Yesuus Kiristoos ''Gadaama Qoronxoositti halkan afurtamaafi guyyaa afurtama ofii isaatii soomeera.

‘’Inni kan inni soome cubbuu qabaatee cubbuurraa qulqullaa’uf, humna dhabee humna diina ittiin mo’atu argachuuf osoo hin taane, jechaan osoo hin taane hojiidhaan addunyaa kana waan barsiisuu dhufeef,’’ akka ta’e ibsu.

‘’Soomee namoonni akka isaan gara fuula duraatti sooman barsiisuudhaaf jedheeti kan inni soome.’’

Akkaatuma kanaanis, akka Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Kiristaanonni sababa soomaniif akkanaan ibsu.

Kiristaanni ‘’Humna itti diina injifatu akka argatu soomee Waaqayyoo wajjiin akka wal argu, kadhannaan isaa Waaqa bira akka isaaf gahu,’’ sooma.

Akkasumas, Gooftaan kan soome hordoftoota isaa barsiisuuf waan ta’ef isa faana dhahuun akka soomamu ibsu.

Maaltu lagatama?

Nyaata akkamiitu lagatama yookiin soomama gaaffii jedhuuf bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya jedhu hayyuun amantii kun.

‘’Inni tokko yeroo kanatti cubbuu soomuu qabu [hordoftoonni]. Cubbuun umrii ofii guutuudha kan soomamu.

‘’Haata’u garuu, yeroo sooma kanattimmoo irra caalaa,’’ akka hordoftoonni of eeggatan ibsu.

Akka dureewwan mana amantichaa ibsanitti, cubbuun yerootti soomamuufi yerootti hiikamu hin qabu, umrii guutuu lagatama.

‘’Akka Qul. Yaared hayyuun Mana Kiristaanaa jedhee jirutti ‘yeroo soomtan iji keessan haa soomu, harki keessan haa soomu, gurri keessan haa soomu, qaamni miiraa keessan shananuu waan hamaa hojjechuurraatii soomuutu irra jiraa jedha.’’

Ayyaanni Hosaa'inaa yeroo soomanni hiikamuuf jala gahutti ayyaanota kabajaman keessaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaanni Hosaa'inaa yeroo soomni hiikamuuf jala gahutti ayyaanota kabajaman keessaati

Inni lammaffaan immoo yeroo sooma kana wantoota ‘’foon keenya gabbisanirraa Kiristaanonni yeroodhaaf akka isaan of qoqqobanii foon isaanii lubbuu isaaniif akka bichisiisan,’’ dirqamu jedhu.

Akkaatuma kanaan hordoftonni amantichaa ji'a lama guutuu bu’aalee beelladarra argaman mara soorachuurraa dhorkamu.

Kuni foon, aannan, dhadhaa, killee, dhugaatii nama macheessaniifi kaan ni dabalata.

Bu’aa beelladaa qofa osoo hin taane sa’aatii lagachuunis jira.

‘’Ganamaa kaasanii waan tokkoyyuu afaan ofii biraa osoo hin gahin hanga sa’aatii sagalitti gahanii seera Qulqulleessaa [Qiddaasee] raawwatanii tsabala fudhatanii sagada sagadaa Waaqayyoon kadhachaa oolanii edda sanaa booda kan soomiin hiikamu.’’

Sa'aatii sagalitti yeroo hordoftoonni amantichaa soomana hiikan waanuma mana keessatti argameefi bu'aa beeladaa hin taane sooratu.

Gara caalu kuduraafi muduraa, mulluu, akaayii, shiroo, missiraafi kan kana fakkaatanidha.

Guyyoota meeqa?

Akka Kitaaba Qulqulluurra ibsametti, guyyoonni Gooftaa Iyyasuus Kiristoos soome guyyaa afurtamaafi halkan afurtamadha.

Hordoftoonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa garuu kanarra darbee soomu jedhu lubi BBC’n dubbise.

‘’Kan keenya garuu guyyaa shantama,’’ jedhu Lubi Badhaasaa Tolaa. Sababa isaa akkanaan ibsu.

‘’Akka seera Mana Kiristaanaa keenyaatti ji’a lamaan kana keessaa torban saddeetitu jira. Fakkeenyaaf sambata duraafi sambata guddaa sa’aatiin hin soomamu, ganama hin soomamu hin nyaatama sambata waan ta’ef.

‘’Kanaafi Sambata kana lamaan sa’aatii waan hin lagatamneef isa kana bakka buusuudhaaf guyyaan itti dabalame jira.’’

Soomiin Guddichi kuni ji’awwan lamaaf jechuunis torban saddeetiif soomama.

Akkaataa seera Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti torban saddeettanuu maqaa ofii qabu. Torban xumuraa 'Torban Dhukkubbii' jedhama.

'Dibbee rukutuun dhorkaadha'

Yeroo Sooma Guddaa kana seerri mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa meeshaawwan afuuraa kanneen akka dibbee, shak shakii [tsinaatsila] fa'i dhorka jechuun himu Diyaaqon Masfiin Geetuu.

''Dibbee rukutuun akka waan missiraachoo himudha.’’

Ibsa waa'ee viidiyoo, Meeshaan afuuraa galataa, Baganaan, keessumaa yeroo soomana guddaa Faasikaa caqafama.

Soomanni kunimmoo yeroo ‘’Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos … cubbuu keenyaaf jecha kan hunda itti arge waan ta'ef yerootti missiraachoo himnu osoo hin taane yerootti Waaqayyoo itti yaadannudha,'' jechuun ibsu.

''Yeroo sooma kana keessatti faaruu gaabbii fi faaruu galataa qofa faarfanna.'' Yeroo soomana kana harka rukuchuun gataleeffachuunillee dhorkaadha.

Haa ta'u malee, kiraara yookiin masinqoon Waaqayyoo galateeffachuun akka eeyyamamu himu.

Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti meeshaalee afuuraa Waaqayyoo galateeffachuuf oolan keessaa tokko Baganaadha.

Meeshaan galataa kuni yeroo soomana guddaa [Faasikaa] bal'inaan hojiirra oola.

Soomaafi fayyaa

Akkuma amantii keessatti soomuun faayidaa qabu gama saayinsiin nyaata yeroo muraasaaf lagachuunis faayidaa akka qabu ogeeyyiin himu.

Qaamni keenya nyaata erga lagannee sa’aatii muraasa booda kan nyaata argatu erga nyaata yeroo xumuraaf nyaannerraa albuuda argate xumuratee boodadha.

Yeroo lagannu qaamni keenya soorata maashaafi tiruu keenya keessa kuufame, gulukoosii, keessaa fayyadamuutti qajeela.

Namni yeroo nyaata lagatu humna xiqqoollee kan argatu kuufama kana keessaati.

Kuufami kuni gaafa dhume qaami keenya filmaata biraa waan hin qabneef cooma qaama keenya keessa jiru gubuu eegala.

Kunimmoo fayyaa namaaf faayidaa ofii qaba jedhu ogeeyyiin.

Yeroo kanatti ulfaatina hir’isuu, akkasumas hammi kolestiroolii hir’isuu mul’achuu mala. Hammi sukkaara keenyaas xiqqaachuun isaa hin hafu.

Ayyaanota aadaafi amantaa makatan keessaa tokko adamoo jala bultii Ayyaana Du'aa Ka'uuf [Faasigaa] taasifamu hawaasa keessatti baramaadha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaanota aadaafi amantaa makatan keessaa tokko adamoo jala bultii Ayyaana Du'aa Ka'uuf [Faasigaa] taasifamu hawaasa keessatti baramaadha

Hammi sukkaaraa dhiiga keessa xiqqaachun dadhabbiifi nu laaffisuu danda’a. Kunis, mata bowwuu, ol jechuufi foolii afaanii gaarii hin taane akka mudatu gochuu danda’a.

Kuni kan mudatu sababa beelaan qaamni keenyaa laafaa gaafa dhufedha.

Yeroo soomana hiiknu dhangala’aa baay’ee akka dhugnu ogeeyyiin ni gorsu. Kunis, hanqina dhangala’aan akka hin miidhamne nu gargaara.

Soomana bara Tiktokii

Waan barri fide keessaa tokko miidiyaa hawaasummaadha. Namoonni keessumaa dargaggoonni yeroo isaanii hedduu Fesbuukii, Tiktokii, Yuutubiifi kaanirratti dabarsu.

Qabiyyeewwan miidiyaa hawaasummaa kanarratti qoodamanimmoo kan miira jeeqan, kan nama qoran ta’uu malu.

Sababa kanaaf kanneen soomanaan dabarsaniif hangam rakkisaa ta’a? Lubi Badhaasaan yoo deebisan miidiyaan gaariis badaas qaba jechuun ibsu.

Kanaaf hordoftoonni amantichaa akkaataa itti gargaaraman sirreeffachuu qabu jedhu.

"Miidiyaa kanarra kan walitti nama buusu, obboleessaafi obboleessa kan walitti naqu ykn miira namaa ejjaaf kan kakaasu seera soomii akka cabsinu wantoonni garagaraadhaa Tiktokiirratti argamuu danda’u.

"Ummanni Kiristiyaanaa waan dhaggeeffataniifi waan ilaalan filatanii yoo ilaaluudhaa baatan gufannaa uumuu danda’a," jechuun gorsu.