Abbaan nama Keeniyaatti intalasaa ajjeese waggoota 35'f barbaadaa ture boqote

Maxxanfame

Abbaan intalasaa Keeniyaatti lubbuun darbee eenyu akka ajjeese waggoota 35f barbaadaa ture du'aan boqote.

Bineensota suura kaasuun kan beekamtu dubartiin umuriin ishee waggaa 28 kan ta'e Juulii Waard, bara 1988 keessa ture Keeniyaa Paarkii Masaay Maaraa keessatti reeffishee kan argame.

Dhalattuu Ingiliiz kan taate Juulii ajjeecaahshee waliin walqabsiisee hanga ammaatti namni himatameeru hin jiru.

Abaanshee Joon Waard nama ishee ajjeese barbaaduufi qorachuuf jecha wagoota 30 oliif maallaqa Paawondii miliyoona 2 baaseera.

Nama intalasaanii ajjeesse waggaa 35f barbaadaa kan turan Joon waard torbanoota dura du'aan boqotaniiru.

Ijoolleen isaa lubbuun jiran lamaan-Boob fi Tiim dhamaatii abbaa isaanii itti fufsiisuu akka barbaadan dubbataniiru.

erga abbaan isaanii nama intalasaanii ajjeese osoo barbaadanii boqotan kana akka itti darbanii galma geessisan ibsaniiru.

Umurii waggaa 89tti kan boqote abbaan Juulii, hanga gaafa lubbuun isaa darbituutti odeeffannoo waa'ee nama intalasaa ajjeesee hordofaa akka ture ilmi isaa Boob BBCtti himeera.

Obboleessa isaa waliin ta'uudhaan hojii abbaa isaanii akka itti fufsiisan kan dubbate Boob, dhimmicha irratti kitaaba maxxansiisuufi fiilmiillee hojjechiisuuf akka karoorfatan ibseera.

"Wanta abbaan kenya waggoota 35 darban hojjechaa ture addunyaan hubachuu qaba," jechuun Boob BBCtti dubbateera.

"Seenaa ajaa'ibaati, namoonni gariin hojii isa akana gar-tokkeema qofa beeku jedheen yaada," jedha Boob.

Juuliin suura kaasuuf paarkicha keessa qophaa ishee erga deemteen booda achi-buuteen ishee kan dhabame.

Yeroo dhumaatiif kan argamte Fulbaana 6, 1988 ture.

Torban tokko booda reeffishee gubateefi mummurame abbaasheetiin argame.

Yeroo sanattis aanga'oonni Keeniyaa bineensotaan akka ajjeefamte dubbatanii ture.

Boodarra garuu abbaanshee ragaa dabalataa argachuu hordofee akka harka namaan ajjeefamtedha.

Ajjeechaa Juulii waliin walqabatee eegdonni Paarkichaa lama to'annoo jala oolfamanii kan ture ta'us, bara 1992 ragaan gahaa waan hin jirreef bilisaan gadhiifamaniiru.

Poolisiin Keeniyaa qorannoo haaraa bara 1997 irra deebiin banee ture.

waggaa lama boodas eegdonni paarkichaa quba itti qabamus bilisana gadhiifamaniiru.

Joon Waard nama intalasaa ajjeese barbaaduudhaaf si'a 100 ol gara Keeniyaatti deddeebiyaniiru.

Kanaan dura yeroo dubbateetti osoo intallisa abalaadhaan duute ta'ee ni fudhata ture. Haata'u malee, waan ajjeefamteef qorannoo gaggeessuurraa abdii hin kutadhu jechuun itti fufuu dubbate.