Haaland taphi baranaa xumuramuu dura rikardii cabsuun 'bulguu' jedhame

Tapha Chaampiyoonsi Liigii nuusa xumuraa Maanchistar Siitii fi Baayer Muunik taphatan irratti Siitiin mirgaan galeera.
Tapha goolii 3 fi 0 dhaan xumurame kanarratti jifataan Siitii lammiin Noorway Erliing Haaland goolii galcheen rikardii qabateera.
Taphataa Piriimiyer Liigii Ingilizii keessaa kan hamma isaa goolii galche hin jiru.
Haaland osoo taphi baranaan hin goolabamin rikardii qabate, goolii argachuuf jecha kutannoo fi humna, sodaachisa fi doorsisa inni naannawa manii warra faallaatti agarsiisurraa ka'uun 'bulguu' jedhaiin.
Taphataan umrii waggaa 22 kun hanga ammaatti barana taphoota irratti hirmaate 39 irratti goolii 45 lakkoofsiseera. Taphataan Piriimiyer Liigii tapha hundarratti goolii haganaa lakkoofsise hin jiru.
Haaland taphoota Baayer Muunik waliin taphate torba irratti gooliiwwan shan galcheera.
Taphataan sarara fuulduraa duraanii Baayer Muunik fi Jarmanii Maariyoo Goomeez, ''Gareen hundinuu taphataa kana sodaachuu qabu. Inni bineensa, 'bulguudha'. Maanchistar Siitiin waan isa mallatteessifattaniif baga gammaddan,'' jedhe.
Haaland tapha kanarratti taphattoota dirree keessa turan hundaa gadi kubbaa tuqe, yeroo 28 qofa.
''Taphataa kutataa fi milkaayaa akkasii argee hin beeku. Akki itti goolii galchu addunyaa kanarra hin jiru,'' jedhe taphataan duraanii sarara gidduu Ingilaand kan Baayer Muunik fi Siitiifis taphataa ture Oowan Hargiriivsi.
Taphataan sarara ittisaa duraanii Siitii Jooleyoon Laaskoot, ''Inni adduma. Taphattoonni kaanis Haaland eessa akka jiru, yeroo kamittuu akka kubbaa isaan kennan fayyadamu beekuu qabu,'' jedhe.
Haaland goolii galchuu qofa osoo hin taane kubbaa gooliif ta'u mijeessee kennuunis hin komatamu, bara 6 mijeesseera.
''Taphattoota kaaniif hojii ajaayibaa hojjeteera. Yoomuu taphaan ala ta'ee hin beeku,'' jedhe jifataan duraanii Maanchistar Siitii Diyoon Daablin.

Erliing Haaland taphoota Chaampiyoonsi Liigiirratti gooliiwwan 26 galche, taphataan Piriimiyer hamma kana galche hin jiru.
Barana Piriimiyer Liigii keessatti goolii 30, Chaampiyoonsi Liigii goolii 11, FA irratti goolii sadi fi dorgommii Waancaa Kaaraabaawoo irratti goolii 1 walumaagalatti goolii 45 lakkoofsiseera.
Erga Piriimiyer Liigiin bara 1992-93 eegalee tapha guutuu irratti taphataan goolii 45 galche hin jiru.
Ruud van Nistelrooy bara 2002-03 Maanchistar Yunaayitidiif, Mohaammad Saalaa ammoo bara 2017-18 Liivarpuuliif goolii 44 galchan.
Tphattoonni lameen goolii kana kilaba isaaniif kan lakkoofsisan tapha hunda irratti. Taphoota 52 taphataniiti.
Haaland garuu osoo taphoota 13n osoo isaan booda jiruu isaan caalee rikardii qabate.













