Baayidan xiyyaarota waraanaa F-16 Yukireenitti erguuf yaada akka hin qabne himan

Maxxanfame

Yuukireen deeggarsa humna qileensaa akka kennamuuf wayita gaafataa jirtu kanatti Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan xiyyaaroota waraanaa F-16 jedhaman Yuukireenitti akka hin ergine himan.

Wixata darbe kana rippoortarri 'Ameerikaan xiyyaarota waraanaa Yuukireeniif ni kennitii ?' jedhee isaan gaafate.

Baayidan ‘’lakkii’’ jedhanii deebisan.

Baayidan deebii kana kan kennan hogganaan Jarmanii  xiyyaarota waraanaa Yuukireeniif akka hin kennine erga dubbatanii guyyaa tokko boodadha.

Waraana Raashiyaa gaggeessaa jirtuurratti jeettiiwwan waraaanaa daangaa qilleensaa ishee to’achuuf akka barbaaddu Yuukireen beeksisteetti.

Jeettiin waraanaa F-16 jedhamu xiyyaarota waraanaa ammayyaa fi amansiisoo jedhaman keessaa tokko yoo ta’u, Paakistaaniif Beeljiyeem dabalatee biyyoota hedduutu itti gargaaramaa jira.

Waggaa 30 dura, xiyyaarota waraana Gamtaa Raashiyaa durii kanneen Yuukireen itti gargaaramtu baayyee fooyyeeffamaniiru.

Haa ta’u malee, Baayidan kan Yuukireen jeettiiwwan waraanaa irra deddeebiin gaafattu fudhachuu diduun, deeggarsa meeshaalee waraanaa biroo kennuufirratti xiyyeeffataniiru.

Torban darbe Ameerikaan taankiiwwan waraanaa Abrams jedhaman 31 Yuukireeniif kennuuf kan murteessite yoo ta’u, UK fi Jarman deeggarsa walfakkaatu kennuuf waadaa seenan.

Ministirri Dhimmaa Alaa Ittaanaa kan ta’an Andirii Meliniyik, deeggarsa kenname kana simataniiru, garuu biyyoonni michuu keenyaa jeettiiwwan waraanaa akka Yuuroo faayiters, Tornaadoo fi Rafaa’eel jedhaman akka argannu nu deeggaru qabu jedhan.

Chaansilarri Jarman otoo taankiiwwan li’ooppard 2 jedhaman Yuukireeniif erganu waa’ee  meeshaalee waraanaa biroo dhiyeessuu haasa’uun barbaachisaa miti jedhan.

Olaaf Sholiz, gaafa Sambataa ‘’NATO’n Raashiyaa waliin wal waraanaa hin jiru, akka lolli akkasi dhalatuus hin feenu’’ jedhan.

Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa kanneen akka Neezerlaand dabalatee, biyyoonni biroo jeettiiwwan waraanaa Yuukireenitti erguuf dhiisuu isaanii hin murteessine.

Haa ta’u malee, biyyi Poolaand NATO waliin ta’uun jeettiiwwan waraanaa Yuukireeniif dhiyeessuuf qophii akka taate mul’isteetti.