Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa Naannoo Amaaraatti hidhattoonni ambulansiisaa jalaa fudhachuu hime

Maxxanfame

Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ambulaansiin gargaarsa namoomaatiif itti gargaaramu waajirasaa naannoo Amaaraa magaalaa Finoota-Salaam jiru keessaa hidhattoonni humnaan jalaa fudhachuu ibse.

Waldichi ibsa Fulbaana 20, 2023 baaseen ambulaansiin qabeenyummaan isaa kan Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa waajira damee Lixa Gooojjam ta'e Kibxata Fulbaana 19, 2023 humnoota 'hin beekamne hidhataniin" akka jalaa fudhatame himeera.

"Ambulaansichi kan fudhatame mooraa waajira damee magaalaa Finoota-Salaam jiru keessaa yoo ta'u, kan fudhatames dirqisiisuun," jechuun ibseera.

Waan mudate kana kan balaaleffate Waldichi, gochichi waliigalteewwan idil-addunyaa Itoophiyaan mallatteessite kan faallessu akka ta'es eereera.

Gochichi "Waldichi hawaasichaaf tajaajila namoomaa akka kennuu danda'uuf gochi kun kaayyoo Waldichaatiin ala ta'uu hubachuun qaamoleen gochicha kana raawwatan ambulaansicha Waldichaaf akka deebisan ni gaafanna," jechuun waamicha dhiyeesseera.

Waldichi itti-dabaluun hojjetoonni waldichaa guutummaa Itoophiyaatti bobba'an, tola-ooltotaafi ambulaansota dabalatee konkolaataawwan "bilisaan socho'anii hojechuu akka danda'an, nageenyisaanii akka eegamu, humnoonni hidhatan gochawwan akkasii kanarraa akka of qusataniiifi hawaasichis gocha akkasii kana akka abaaruufis ni gaafanna," jedheera.

Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa qaama hidhattoota jedhe kana maqaan kan hin eerre yoo ta'u, dhimmicharratti mooummaarraas ta'e hidhattootarraa wanti jedhame hin jiru.

Naannoo Amaaraatti waraanni raayyaa ittisa biyyaafi hidhattoota Faannoo gidduutti gaggeeffamaa jiru akka tasgabbaa'ee gabaafamee kan ture ta'us, waggaa haaraa Itoophiyaatiin booda deebiyee hammaachuu odeeffannoon bahan ni mul'isu.

Bakkawwan walitti bu'insi raayyaa ittisa biyyaafi hidhattoota Faannoo gidduu jira jedhame keessaa Lixi Goojjam kan eeramudha.

waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa tola-ooltotaa leenji'an kuma 45, walumaagalatti ammoo tola-ooltota kuma 200 fi miseensota miliyoona ja'aa ol qaba.

Waldichi ambulaansota gargaarsa namoomaaf bobbaase 550 ol akka qabus aanga'aan Waldichaa himanii ture.