Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Feestivaala korma sangaa fiigsuu Ispeen irratti namoonni sadi du'an
Baha Ispeenitti miidhaa wayita korma sangaa baqatan irra gaheen sa'aatii 24 keessatti namoonni sadi lubbuu dhaban.
Namoonni sadanuu feestivaala korma fiigsuu (bull running) Vaaleenshiyaa keessatti adeemsifame irratti kan hirmaatan turan.
Feestivaala namoonni kumaatamaan irratti hirmaatan kanarratti, namoonni kormawwan karaa dhiphaa irratti gadi dhiifaman jalaa baqachuuf fiigu.
Feestivaalli beekamaan kun waggoota lamaan darbaniif sababa weerara koronaavaayirasii ittifamee kan ture yoo ta'u, bara kana deebi'ee eegale.
Falmitoonni mirga bineeldotaa taateen kun uummata akkasumas bineeldota miidhaa jira jechuun waggoota dheeraaf mormaa turan.
Waggoota saddeet darban keessa namoonni 20ni feestivaala kanarratti ajjeefamanii jiru jedhu.
Namoonni sadi amma du'an kunneen torbanoota lamaan darban keessa kan akka malee miidhamanidha.
Taatee iddoo Pikaaseent jedhamtu Kibba magaalaa Vaaleenshiyaatti argamtu keessatti uumameen manguddoon ganna 56 tokko korma sangaan erga ol darbatamee booda kufee miidhaan sammuu irra gahe.
Kaaba Vaaleenshiyaa iddoo Meeliyaanaa jedhamutti ammoo namni ganna 50 sombi isaa gaafa kormaan erga waraanamee booda hospitaala keessatti du'e.
Lammiin Firaans ganna 64 Peedireegur iddoo jedhamtutti miidhama irra gaheen lubbuu dhabeera.
Kantiibaan Meeliyaanaa kormi sangaa bineensadha, namoonni balaan akka kanaa uumamuu akka maluu beekaniituma itti seenu jedhan.
Feestivaala jaalatamaa biyya Ispeen kanarratti lakkoofsi namoota miidhamanii yeroo gara yeroo dabalaa jira.
San Fermin jedhamuun kan beekamuufi Paampiloonaa keessatti kan adeemsifamu feestivaala korma fiigsuu beekamaa irratti bara kana namoonni 35 miidhamaniiru.
Vaaleenshiyaa keessatti waggaatti taateewwan korma fiigsuu 10,000 ol kan qophaa'an yoo ta'u, diinagdee Vaaleenshiyaaf gumaacha guddaa godha. Yoo xiqqaate namoota 3,000 ta'aniif carraa hojii uumuu isaa qorannoon bara 2019 dalagame tokko ni mul'isa.