Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayintistoonni albuuda kana dura hin turre lama Somaaliyaatti argachuu beeksisan
Meteworaayitiin [cabaa dhagaa ykn sibiilaa] guddaa dacheerratti kufe albuuda kana dura mul’atee hin beekne lama of keessaa qaba jedhan saayintistoonni.
Qorattoonni Kanaadaa dhagaan kuni baadiyyaa Somaaliyaa keessa waggaa lama dura argamuu himan.
Jiraattonni garuu dhagichi kana caalaa turuu amanu.
Dhagaa kana halkan jedhuun. Walaloo, walleefi shubbisa keessatti dhaloota shan dura eegale akka eeramaa ture ibsan.
Dhagaa argame kana haaduu itti qaruuf itti dhimma bahu.
Maqaa saayintistoonni dhagaa kanaaf baasan elaliite and elkinstantonite jedhama.
Maqaan jalqabaa aanaa El Ali itti qotamee bahe yaadachuuf bahe. Kan lammataa garuu maqaa ekispartii Nasa Lindii Elkins-Tantoniin moggaafame.
Gumaacha Lindiif maqaan kanaan moggaafamuu Yunivarsiitii Albertaa irraa Pirofeesar Kiriis Herd himaniiru.
Cabaa dhagaa 70g kana qoratanii kan adda baasan saayintistoota Yunivarsiitii Albartaadha.
Dhagaan kuni meteworaayitii toonii 15 ulfaaturraa kan cabedha.
Meteworaayitiin kuni cabaa guddinaan pilaanetii keenyarra hanga ammaa bu'an keessaa 90 % ayiraniifi nikeeliidha jedhame.
Albuudi sadaffaa hanga yoonaa elementiin isaa hin baramne qoratamaa jiraachuus ibsameera.
Albuudi haaraa gaafa barame, hawaasa gama kamiin fayyaduu danda’a isa jedhu baruuf saayintistoonnis baruu fedhu jedhan Pirofeesar Herd.