Daandiin qilleensaa Niwu Zilaand akkuma 'shaanxaatti' ulfaatina imaltootaas safaruu eegale

Maxxanfame

Daandiin qilleensaa Niwu Zilaand imlatoonni xiyyaara seenuu dura akkuma meeshaaleetti ykn 'shaanxaatti' kiiloosaanii safaruu eegale.

Haata'u malee daandiin qilleensaa kun ulfaatina namootaa kan bikkuuf (safaruuf) kiiloosaniirratti hundaa'uun kaffalchiisuuf akka hin taane ibseera.

Ulfaatina giddu-galeessaa imaltoota isaa baruuf jedhee tarkaanfii kana akka fudhate ibse.

Daandiin qilleensaa kun ulfaatina imaltootaa akka ragaatti iccitiidhaan qabachuu akka barbaade himeera.

Hojjettoonni daandii qilleensichaallee odeeffannoo ulfaatina imaltootaan walqabatu kana sakatta'anii argachuu hin danda'an jedhe daandiin qilleensaa kun.

Daandiin qilleensichaa maaliif ulfaatina giddu-galeessaa imaltootaa beekuu akka barbaade wayita gaafatamu, boba'aa qusachuuf baayyee waan isa fayyaduuf ta'uu ibse.

Daandiin qilleensaa kun waggoota sadi duras imaltoota biyya keessaa osoo isaan xiyyaara hin seenin ulfaatina isaanii safaraa ture, kanaanis ijoo dubbii ta'ee ture.

''Amma ammoo imaltoota keenya idil-addunyaa ulfaatinasaanii safaraa jirra. Amma dabareen kan isaaniiti,'' jedhe daandiin qilleensaa kun ibsa gaazexeessitootaaf kenneen.

Weerara Covid-19 dura daandiin qilleensaa kun waggaatti imaltoota miiliyoona 17 caalan bakkaa bakkatti sochoosaa ture.

Torbee tokko keessatti qofa balaliiwwan 3,400 taasisaa ture.

''Meesaalees haa ta'an imaltoota xiyyaaratti fe'aman hunda ulfaatinasaanii baruun seera,'' jedhan dubbi himaan Daandii Qilleensaa Niwu Zilaand Alaastiyar Jeemsi.

Imaltoonni ''kiiloon kiyya na jalaa barama jettanii akka hin yaaddofne, odeeffannoon ulfaatina keessaniin walqabatu iccitiidhaan qabama,'' jedhe dubbi himaan kun.

''Kiiloorra dhaabbachuun akka namatti ulfaatu nuuf gala. Imaltoonni mirkaneeffachuu kan qabdan eenyullee ulfaatina keessan ilaaluu akka hin dandeenyedha. Nuti kiiloo keessan kan barbaanneef akkaataa fayyadama boba'aa sirreeffachuuf,'' jedhan.

Daandiin qilleensaa kun yeroo ammaa imaltoota kuma10 kiiloosaanii baruuf hojjeta ajira.

Kunneen hunduu imaltoota idil-addunyaati.

Daandiin qilleensaa Niwu Zilaand, daandii qilleensaa guddicha biyyattii yoo ta'u xiyyaarota 104 qaba.