Morkii Arsenaal fi Muunik hiriyoota lamaan, Eezeefi Olisee, walitti fide

Madda suuraa, Getty Images
Galgala har'aa taphni Arsenaal fi Baayer Muunik waliin Chaampiyeens Liigii irratti taasisan morkii kilaboota Awurooppaa lamaan eegamudha.
Kilaboonni lamaanuu Chaampiyeens Liigii Awuroppaarratti hin mo'amne, liigii isaanii keessattis garaagartee qabxii jahaan dursaa jiru.
Haa ta'u malee, taphni kuni jifattoota hiriyyaa ta'an lama garuu kilabii garagaraaf taphatan walittii fida.
Kilaboota lamaan keessaa abbaan injiifate mataa ramaddii isaanii akka ta'an godha, marsaa kilaboota 16 keessattis akka seenan mirkaneessa.
Arsenaal bara dorgommii baranaa dorgommii kamirrattuu takka qofa mo'ame, Baayernmunik immoo hin mo'amin jira.
Morkiin garuu kan kilabootaa qofa miti, jifattoota waggaa fi ji'a jaha dura waliin Pirimeer Liigii raasan walitti fida.
Taphataan Arsenaal Eberechee Ezee fi jifataan Baayer Muunik Maayikil Olise bara dorgommii sadiif Kiristaal Paalaasitti waliin turaniiru.
Baay'ee walitti dhihaatu. Michummaa isaanii immoo jaalala tapha cheeziif qabanitu cimse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Eezeen garuu tapha cheezii kana hin beeku ture. Kan isa barsiise taphataa lammii Faransaay Oliseedha.
Boodarra jarri lamaan lafa taphaa Paalaasitti wal morkachuutti ka'an.
Booda Ezeen cimee wal dorgommii cheezii onlaayinii waggaa darbe Caamsaa keessa dorgomame dolaara 20,000 itti injifate.
Yoo birriitti dhoofne baay'eedha.
Oliseefi obboleessa kootu akkan cheezii taphachuu baradhu na gaafatan jedha Eezeen.
Eezeen achii YouTube gubbaa viidiyoo waa'ee tapha kanaa qorachuu eegale.
Taphattoonni lamaan waggoota muraasa darban chaampiyoonshippiirraa ka'uun Kiristaal Paalaasitti abjuu isaanii dhugoomsaniiru.
Taphattoonnii lamaan waliin galchii saddeet galchan. Galchii saddeet Eezeen galcheef kan mijeessee kenneef immoo Oliseedha.
Amma wal tajjii Awurooppaa irratti wal falmaa jiru. Waancaa Addunyaarrattis biyya isaanii bakka bu'anii taphachuuf jedhu.
Oliseen erga gara Baayern Muunik deemee baay'uma milkaa'e.
Taphataan ganna 23 kuni badhaasa guddicha Ballon d'Or'f kaadhimameera. Garee biyyaalessaa Faransaayiif hiriiree taphataa jira, Waancaa Bundasliigaas mo'eera.
Taphataan Ingilizitti dhalate kuni bara dorgommii sadii itti aananitti dorgommii hundarrattuu si'a 90 hiriiree taphate.
Fakkeenyaaf Pirimeer Liigii irratti si'a 19 taphatee 10 galcheera. Sababa kanatti Paalaas bara dorgommii 2024 sadarkaa 10ffaan akka xumuru gargaare.
Achii booda ture paawundiii miiliyoona 50'n gara Baayern kan qajeele. Maanchistar Yunaayitid fa'i ijarra buufatee ture.
Gara Jarman imaluusaatti garuu waan gaabbii qabu hin fakkaatu. Bara dorgommii jalqabaa tapha 18 keessatti sagal galche, 10 immoo mijeesse.
Akkuma Eezee, Oliseenis xumuraa Chaampiyeens Liigiirratti kilaba isaa guddoo tumse.
Fakkeenyaaf tapha Baayern Firiibarg 6fi 2'n mo'ateerratti lama galchee, sadii mijesseera.
Oliseen kubbaa jaalata jedhu kanneen itti dhihaatan. Ammoo miidiyaatti dubbachuu baay'ee hin jaalatu.
Eezeenis yeroo jalqabaaf tapha guddaarratti galchii sadii galcheera. Kunis, dhihoo Arsenaal Totanihaamiin yeroo 4fi 1'n injifatedha.
Eezeen akka Olisee dafee kilaboota guddaa hin seenne.
Arsenaal, Fulihaam, Miilwool, fi Reeding jalqabarra isa hin feene ture.
Erga jalqaba bara 2025'tii taphataan lammii Ingilizii hamma isaa goolii baay'ee keessa qooda qabu hin jiru.
Eezeen galchii 18 keessa qooda qaba: kudhan galchee saddeet immoo mijesseera.
Kan isa caalan Haalaand (25), Saalaah (23) akkkasumas Biriyaan Imbuumoodha (21).
Taphataan garee biyyaalessaa Ingilizii, Eezeen, bara dorgommii baranaa dorgommii hundarratti shan galchee, sadii mijeesse.
Ciminni taphattootaa lamaanii ifa jira. Morkiin Arsenaal fi Muunik waa'ee isaanii waan nutti mul'isu walumaan ilaalla.












