' Itti yaadanii homaa gochuu dhiisuun, ' maaliif nuuf gaarii ta'a?

Madda suuraa, Alamy
Waggaa tokkoof homaa gochuu yoo dhiiste sitti tolaa? Hojii hojjechuu, guddina hojii barbaaduu ykn waan tokko galmaan gahuuf osoo hin carraaqin dhiisuun bu'aa akkamii qabaata?
Hedduu keenyaaf yaadni akkasii yaaddoo fiduu danda’a. Sababnisaa hojiin sadarkaadha, maallaqa argachuun milkaa’ina, akkasumas hojiin qabamuun of jaju namoonni?
Haataʼu malee, osoo hin jarjarin jireenya suuta jedhu jiraachuun dhiphinaaf deebii taʼaa? Moo kun hawwii jireenyaa bira gahuun hin danda’amne?
Dhiheenna kana akkaataa namoonni jireenya itti ilaalan irratti jijjiiramni ni mul'ata.
Namoonni bara1981 hanga 1996’tti dhalatan(Millennials kan jedhaman) yaad-rimee #SuutaJiraachuu(SlowLiving) jedhu hammachaa jiru.
Jechi kun miidiyaa hawaasaa irratti yeroo miliyoona jahaa ol fayyadamameera.

Madda suuraa, Alamy
Warri bara 1997 hanga 2012 gidduutti dhalatan ammoo (Gen Z ) yaad-rimee hojii shamarran dadhaboo fi callisanii hojii dhiisuu kan jedhu jalqaban.
Kunis bakka namni tokko wantoota jireenyaa dhuunfaa irratti hiikaa guddaa qabaniif kanneen akka bashannanaa, hariiroo ykn of kunuunsuuf humna qusachuun hojii irratti waan xiqqaa hojjetudha.
Akkasumas dhalootni hundi baay’ee hojechuu dhiisuu barbaaduu isaaniiti waliigalaniiru.
Yaad-rimeen torbaanitti guyyoota afuriif hojjechuu addunyaa guutuutti fedhii guddaa argachaa jira.
Yeroon carraaquu darbeera, amma yeroo boqonnaa jechuudha gabaabinnaan.
Kunis waan Barreessituu Eemaa Gaanoon waa’ee isaa akka gaaritti beektudha.
Isheen waggaa tokkoo guutuu osoo hommaa hin hojjetin turte,achiis muuxannooshee qooduuf kitaabaa ‘A Year of Nothing’ jedhu jalqaba bara kanaa maxxansiteetti.

Madda suuraa, Paul Storrie
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kitaabni kun jalqaba ganna kanaa yeroo maxxanfamu dafee gurguramee dhume, baay'ee jaallatamaadhas, amma irra deebi'amee maxxanfamee Sadaasa keessa gurgutaaf ni dhiyaata.
Jalqaba irratti filannoo jireenyashee hin turre. Gaanoon garmalee hojjechuun dadhabdee bututte.
Yeroo hunda dagachuu, dhukkubbiin mataa cimaan itti dhaga’amuu, waan tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuutu mudate.
Jalqaba irratti miira sanaaf xiyyeeffannaa hin kennine. Garuu osoo hin turin qaamni ishee hojii dadhabe.
“Bilbila ilaaluu hin dandeenye, iskiriinii ilaaluu hin dandeenye, osoo dadhabbiin natti hin dhaga'amin daandii irra deemuu hin dandeenye.” Jetti
Hojii dhaabdee boqochuu malee filannoo biraa hin qabdu turte.
Irra caalaan keenya jireenya keessatti sadarkaa kanarra geenya. Garuu kan nama dhibu, hawaasa kana keessatti rakkoo keessa osoo jirruu cimnee hojjechuun waan nurraa eegamuuf namoonni hanga dhukkubsataniitti hin boqotan.
"Garuu hirriba akka rafnu, paarkii keessa akka deemnu, kan qophaa'e. Dambaliidhaaf akka deemnu, fi samii ilaaluuf. Wanti sun dhuguma barbaachisaa dha," jechuun Gannon cimsee dubbata.
“Garuu qaamni keenyaa waan hedduu barbaada; rafuu qabna, paarkii keessa akka deemnu, samii ilaaluu, bishaan daakuu. Wanti kunneen baay’ee barbaachisaadha, Wanti fayyaakee caala gatii qabu hin jiru." jetti Gaanoon
Isheenis yeroo boqonnaarraa turte kana barreessuu, sagantaa daa'immanii
TV irratti ilaaluu, simbirroota daawwachuu fi bishaan qabbanaawaa keessa daakuun dabarsite.
Waa'ee hojiirraa of qusachuu fi jireenya suuta jedhu jiraachuu kan barreessite ishee qofa miti.

Madda suuraa, Chani Bockwinkel/ Penguin
Jeenii Odeel kitaaba Akkaataa Homaa Itti Hin Goone: Diinagdee Xiyyeeffannoo Mormuu jedhu kan bara 2019tti miira namaa kakaase barreessite.
Isheen, "addunyaa gatiin keenya oomishtummaa keenyaan murtaa'u keessatti", kan sa'aatii fi daqiiqaa keenya hunda akka gaariitti itti fayyadamuu qabna - yoo hojii irratti hin taane, of fooyyessuu irratti ta’uu qaba jedhu akka morminu cimsitee barreessite.
Kitaabni Oliivar Burkeman ‘Four Thousand Weeks’ jedhu akkanuma dhiibbaa yeroo hunda akka gaariitti hojjechuuf nu dirqissiisu morma.
Kitaabni isaa jireenyi gabaabaa akka taʼee fi wanta hojiiwwan keenya keessa jiran hunda gonkumaa akka hin hojjenne nu yaadachiisa.
Yeroo hunda gahumsa qabaachuu barbaaduu mannaa, wanta dhuguma barbaachisaa taʼe irratti xiyyeeffachuu akka qabnu ibsa.
Mudaa kan hin qabne ta’uu fi guutuu ta’uuf yaadda’uu dhiisaa, yeroo ammaaf caalaatti jiraadhu.
Jijjiirama gurguddaa

Madda suuraa, Alamy
Addunyaa keessatti, keessumaa gara biyyoota lixaatti maaliif jijjiiramni akkasii uumame?
Sababni isaa salphaadha: hundi keenya baay'ee dadhabneerra.
Sun yaada Gaanooniti. " Qaamaa fi sammuu ilaalamuu qabu qabna, [sana] waan goonu natti hin fakkaatu.
Kana irratti teeknooloojiin dhiibbaa guddaa qaba: “akka ta'etti, bilbila keenya irratti iimeelii deebisuu danda'uun dhuguma dubbachuuf gahumsa nu hin goone, caalaatti akka hojjennu qofa nu taasise”
Miidiyaan hawaasaa bakka hundatti argamuun jireenya keenya hunda galmeessuun, maqaa keenya guddisuu ykn beekamtii akka arganu gochuuf yeroo boqonnas akka hojjennu nu jajjabeessa.
Appiiwwan hordoffii, sochii boqonnaa, sochii qaamaa, wantoota jireenyaaf barbaachisan kanneen akka nyaataa fi hirriba gara daataatti jijjiireera.
Hirribakee hordofuu dandeessa, cireekee galmeessuu dandeessa, yeroo fiigicha kee galmeessuu dandeessa, fiilmii akkamii akka ilaalte galmeessuu dandeessa, laguu kee hordofuu dandeessa.
Ta’us garuu appiin kana hunda wal bira qabee akka fooyya'uu danda'u irratti yaada kenna.
Yeroo dheeraaf hojjechuun bututuun bu’aa kaappitaalizimii addunyaa jala jirtuudha.
Saffisa kana dhiistee suuta jettee jiraachuuf murteessuun, yaada kaappitaalizimii gonkumaa hin quufne irratti deebii kennuudha.
Gaanoon sochiin kun namoonni yeroo hunda sadarkaa ykn waan baay’ee barbaaduu irraa fagaatee, gara yeroo boqonnaa dabalataa qabaachuutti akka ce’u abdatti.
Kunis hawaasa keenyaaf mallattoo fayya qabeessa ta’uu mala jetti.
“Namoonni ammaa, yoo iddoo jireenyaa qabaatte, kan waa bitachuu dandeesse,maaltu si barbaachisa? Yaadaa jedhu qaban.”












