Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dirooniin Iraanirraa ka'e garba Indiyaarratti doonii rukutuu US ibsite
Dooniin keemikaala baatu tokko diroonii Iraanirraa dhukaafameen garba guddaa Indiyaa keessatti Sambata darbe rukutamuu Waraanni Ameerikaa beeksise.
Peentangan akka himetti, doonii Chem Pilutoo jedhamu bakka qarqara Indiyaarra km 370 fagaatutti haleelame.
Ibiddi doonichatti qabate kan dhaamfame yoo ta'u, namni balaa kanaan miidhame hin jiru.
Iraan dhimmicharratti yaada hin kennine.
Yeroo dhiyoon asitti hidhattoonni Huutii-Yaman kanneen Iraaniin deeggaraman dooniwwan Galaana Diimaarra qaxxaamuran diroonii fi rokkeettiin haleelaa turan.
Ajajni Giddugaleessa Waraana Ameerikaa (CENTCOM) akka ibsetti, Sambata darbe kana hidhattoonni Huutii misaayilota farra doonii lama karaa dooniiwwan Kibba Galaana Diimaarraa imalanitti dhukaasaniiru.
Dhukaasa misaayila kanaa garuu dooniin miidhame jiraachuun hin gabaafamne.
Ajajni Giddugaleessa Waraana Ameerikaa dabalataan akka himetti, dooniin waraana Ameerikaa USS Laboon jedhamu dirooniwwaan afur Yaman, iddoo hidhattoonni Huutii to'atan keessaa gara doonii Ameerikaatti dhukaafaman rukutee kuffisuu hime.
Sambata waaree boodaa dooniin jikita boba'aa fe'e tokko diroonii Huutiin gadhiiseen Kibba Galaana Diimaatti haleelame, taankaariin boba'aa biraammoo hanga xiqqoof haleelamuurraa hafe.
Finiciltoonni Yaman harka caalu to'atan kun dooniwwaan Israa'elitti hidhata qaban sababa waraana Gaazaa keessatti adeemaa jiruun irratti qiyyaafachu himan.
Gartuun dooniiwwan geejjibaa hedduun haleellaa Galaana Diimaarratti dabalaa dhufe sodaachuun hojii dhaabaniiru yookiin kallattii jijjiiraniiru.
Peentagan ibsa baase keessatti'' Chem Pilutoon diroonii kallattii tokkotti imaltuu fi Iraanirraa dhukaafameen haleelame,'' jedhe.
Dooniin kun kan Jaappan yoo ta'u, alaabaa Laaberiyaa kan ofirraa qabduu fi taankarii keemikaalaa warri Nezerlaand ittiin hojjatan ta'uu ibse.
Jalqabarratti dhaabbanni nageenya galaanarraa Ambrey jedhamu doonichi Israa'elitti hidhata akka qabuu fi Sa'ud Arabiyaarra gara Hinditti imalaa turuu hime.
Haleellaan kun miidhaa hanga tokko doonicharraa kan gahe yoo ta'u, bishaan doonicharratti ol baheera.
Dhaabbanni Ambrey haleellaan akkasii Galaana Diimaarratti kan jalqabaa ta'uu ibsuun, dhaabbatichi Galaana Diimaa akka bakka ''diroonii Iraan yaaddoon uuman guddataa dhufe'' jedhe.
Humni galaanaarra Indiyaan xiyyaarota fi dooniwwan waraana deeggarsa kennan naannichatti bobbaaseera.
Sambata barii Ameerikaan biyyi Iraan haleellaa dooniiwwan Galaana Diimaa qindeessuu keessatti'' sirriitti hirmaata jirti'' jechuun himatte.
Dubbi-himaan Tika Biyyaaleessaa Ameerikaa Edriyeen Waatsan, Iraan yeroo dheeraaf Huutii ''meeshaalee waraanaatiin deeggaruufi naannicha akka jeqaan jajjabeessuu'' himatan.
Sana booda gaggeessaan waraana Iraan, Ameerikaa fi biyyoonni michoota ishee yoo yakka Gaazaa keessatti raawwachuu itti fufan ulaa galaanarraa cufna jechuun akeekkachiisan.
Birgaader Jeneraal Mohaammad Rezaa Naqdii ulaan isaan cufan Galaana Meeditiraaniyanii fi ulaa Jibilaatar akka dabalatu ibsan.
Haa ta'u malee, akkamitti akka cufan odeeffannoo bal'aa hin kennine.