Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbanni niikulaara Yukireen to'annoon ala ta'eera jedhe UN
Dhaabbanni nikulaarii guddichi Yukireen kan tibba waraanni eegalu Raashiyaadhan to'atamee ture amma ''guutummaatti to'annoon ala'' ta'uu isaa hogganaan eejjansii niikulaara Mootummoota Gamtoomanii Raafaa'eel Giroos himan.
Hogganichi, dhaabbanni niikulaaraa Zaaporizhiyaa to'annoofi haaromsa akka barbaachisu dubbachuu AP tu gabaase.
''Dhimmoota dhaabbilee niikulaaraa keessatti mudachuu hin qabnetu mudate,'' jedhan.
Dhaabbanni niikuulaara Awuurooppaa inni guddichis bakka waraanaatti baayyee dhihoodha.
Misinitirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan jalqaba torban kanaatti Raashiyaan dhaabbata niikuulaaraa kana akka bu'uura waraanaatti fayyadamuun humnootii Yukireen irratti haleellaa raawwataa jirti jechuun himatan.
Qondaaltoonni Yukireenis Raashiyaan loltootasheefi meeshaalee waraanaa lafa jala dhaabbata niikuulaaraa kan kibba Yukireeniitti laga Dinippiroo irratti argamuutti kuusaa jirtii jedhan.
Haata'u malee Raashiyaan gama isheetin humnootiin Yukireen meeshaa waraanaa warra Lixaatiin dhiyaateefiitti fayyadamuun dhaabbata niikulaarichaa halelte jechuun madda oduu Rooyitarsiitti himan.
Itti dabaluunis Raashiyaan attamiin dhaabbaticha tiksaa akka jirtuufi Yukireenoonni haleellaa akka irratti raawwatan Eejjansii Annisaa Atoomikii Idil-Addunyaatti (IAEA)tti agarsiisuuf qophiidha jetti.
Raashiyaan dhaabbatichi wayita to'atteetti haleellaan gamicha irratti raawwattee dheekkamsa idil-addunyaa kaasee ture.
Dhaabbatichi ammallee hojjattoota Yukireen to'annoo Raashiyaa jala jiraniin hojjataa jira.
Aab Giroos konfaransii Waajjira Mummee UN kan Niiw Yoorkii jiru irratti, ''Haallisaa baayyee yaadeessaadha. Karaa tokkoonis ta'e karaa biraatiin ulaagaan nageenya niikulaaraa cabeera. Haalli sun akka itti fufuuf ammoo hin ayyamnu,'' jedhan.
Daarektarri Olaanaan IAEA, amma danda'ameetti atattamaan ergamtoota waliitti qabuun dowwachuu yaalla. Garuu ammoo kun hayyama aanga'oota UN akkasumas kan garee Raashiyaafi kan Yukireen barbaada. Gara zoonichaa imaluunis balaa qabaata jedhan.
Waxabajjii keessa, dhaabbanni niikulaaraa mootummaa Yukireen biyyisaanii IAEA hin affeerree jedhee ture. Daawwannaan taasifamu kamiyyuu Raashiyaan bakkicha qabachuu ishee mirkaneessudha jettee qeeqxee turte.
Torban kana ammoo Aab Giroos gara dhaabbatichaa qaqabuudhaaf inniifi gareensaa eegumsa akka barbaadan dubbatan. ''Garen lamaanu akka ergamni kun raawwatuf akka waliin ta'anan gaafadha'' jedhan.