Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensi Kongiresii Ameerikaa fi haati warraasaa matta'aa doolaara kuma 600 fudhachuun himataman
Miseensi kongiresii US Henrii Kuweyyar fi haati warraa isaa matta'aa doolaara kuma 600 ta'u fudhachuun himatamuu dameen haqaa biyyattii ibse.
Maallaqa kanas kubbaaniyyaa boba'aa qabeenya mootummaa Azarbaajaan ta'ee fi baankii Meksikoo irraa akka fudhatantu himame.
Miseensi paartii Dimokiraat bulchiinsa Teksaas bakka bu'ee kongiresii keessa jiru kun himata irratti dhihaate haaluun ibsa gabaabaa baaseera.
"Ifa gochuu kanin barbaadu, anii fi haati warraa kiyya himata nurratti dhihaate kanarraa walaba,'' jedhe namni umrii waggaa 68, Kuweyyar.
Miseensi kongiresii fi haati warraasaa mana murtii Hostanitti erga dhihaatanii booda mirgi wabii eegameeraaf.
Yoo yakkamtoota ta'uunsaanii mirkanaa'e, waggoota kurna hedduu mana hidhaatti dabarsuu malu.
Cimdiiwwan kunneen (haati manaa fi abbaan manaa) yakkoota akka shira xaxuu, matta'aa, waliin dhahuu, seeraan ala maallaqa daddabarsuu fi seera ergamtoota jaarmiyaalee alaa ta'anii hojjechuu dhorku kabajuu dhabuun himatamaniiru.
Dameen haqaa akka jedhetti maallaqi matta'aan fudhatame kun bara 2014-21 gidduutti daddabarfamaa ture.
Maallaqi kun karaa dhaabbata ''maqaa gorsaa kontiraataa,'' jedhuun hundaa'een daddabarfamaa akka turee fi kan hojii kana raawwataa turan ammoo giddu deemtota miindeffamanii fi kubbaaniyyaawwan qabeenya haadha warraa miseensa kongiresii kanaa, Imeldaa Kuweyyar (manguddoo ganna 67) ta'aniin ta'uu ibseera dameen haqaa kun.
Akka himannaa kanaatti Aab Kuweyyar bakka maallaqa fudhatee imaammata US irratti dhiibbaa uumuun dantaa Azarbaajaan eegsisuurratti xiyyeeffateera.
Tarkaanfiiwwan faayidaa baankii teessoon isaa Meeksikoo Siitii ta'e mirkaneessanis fudhateera.
Miseensa Dimokiraat kan ta'e bakka bu'aan Niwu Jarsii Seenetar Roobart Meneendeez akkasuma haadha warraasaa waliin himatameera.
Seenetarichi matta'aa erga fudhatee booda aangoo qabutti fayyadamuun dantaa fi faayidaa Masrii fi Qaataar kabachiisuurratti waan hojjeteef cimdiiwwan kunneen himataman.
Aab Kuweyyar ibsa baase keessatti filannoo waliigalaa Sadaasa dhufu gaggeeffamuuf duula na filadhaa gaggeessuu akka itti fufu eereera.
Qondaalli siyaasaa kun osoo gara siyaasaa hin seenin dura abbaa seeraa fi ogeessa gumruukaa ture.
Yeroo jalqabaaf miseensa kongiresii ta'ee kan filatame bara 2004 ture.