Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US waldhabdeen TPLF mariin akka furamu waamicha dhiyeessan

Madda suuraa, US EMBASSY
Itoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa kan turan Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Ambaasaaddar Maayik Hamar, waldhibdeen TPLF gidduutti dhalate karaa mariin akka furmaata argachuu qabu waamicha dhiheessan.
Ergamaan addaa kun Jimaata (Fulbaana 13, 2024) mooraa imbaasii Ameerikaa keessatti ibsa kennaniin, waliigalteen Piriitooriyaa qixa sirrii ta'een hojiirra ooluu akka qabuu fi kanaafis qaamoleen lameen kutannoosaanii agarsiisuu akka qaban dubbataniiru.
Ambaasaaddar Maayik Hamar waliigaltee Piriitooriyaa sirnaan, osoo irraa hin sharafin, guutummaan hojiitti hiikuun furtuu waa hundaa ta'uu xiyyeeffannaan dubbatan.
Waliigaltecha guutummaatti hojiitti hiikuun walqabatee mootummaa federaalaa, Naannoo Tigraay fi aanga'oota Gamtaa Afrikaa waliin mari'achuus ibsaniiru.
Ambaasaaddar Maayik Hamar yeroo Itoophiyaa keessa turan kanatti Ministira Dhimma Alaaa Itoophiyaa Taayyee Atsqesillaasee waliinis dubbataniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Feesbuukii isaarratti ergaa dabarseen, carraa daldalaa qaraxaa irraa bilisaa Ameerikaan biyyoota Afrikaaf mijeessitetti akka deebi'an Ambaasaaddar Taayyeen mariisaanii keessatti kaasaniiru.
Ambaasaaddar Taayyee fi Ambaasaaddar Maayik Hamar mariisaanii keessatti waliigaltee Piriitooriyaa waraana dhaabsise fi humna nagaa eegu kan Gamtaa Afrikaa jalatti gara Somaaliyaa bobbaafamuuf jiru ilaalchisuun sodaa Itoophiyaan qabdu irrattis dubbataniiru.
Itoophiyaan ji'oota sagal dura bulchiinsa Somaaliyaarraa adda baatee ofiin of bulchaa kan jirtu Somaalilaand waliin waliigaltee carraa ulaa galaanaa isheef argamsiisu mallatteessitee turte.
Taatee sana booda hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliyaan akkaan laafeera.
Kana hordofee dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaarratti waggootaaf Itoophiyaa qoollifataa kan jirtu Masriin Somaaliyaa waliin waliigaltee waraanaa mallatteessiteetti.
Hariiroon humna waraanaa biyyoota lameenii sodaa nageenyaa kan itti ta'e Itoophiyaan, kun tarkaanfii Gaanfa Afrikaa burjaajessuuf fudhatamedha jechuun callistee akka hin ilaalle ibsite.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ibsa kaleessa Finfinneetti gaazexessitootaaf kennan irratti, wal dhabdeen aanga’oota TPLF jidduu jiru ilaalchisee yoo dubbatan, ‘‘sababiin qoodiinsaa sana ta’e sana akka mariidhaan furamuuf cimsinee gaafanna’’ jedhan.
Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsa Nageenya Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tir=graay, Janraal Taddasa Warrada, garaagarummaan aanga’oota TPLF jidduutti umamee karaa siyaasaatiin qofaa furamu akka qabaatu dubbachunsaanii ni yaadatama.
Janaraalichi tarkaanfiin bulchiinsi yeroo fudhataa jiru, kan mudama siyaasaa naannicha keessa jiru gara sadarkaa cimaatti ceesisuu akka danda’u yaaddoo qabaachu ibsanii ture.
‘‘Itti cimee waliitti fufiin dhohaa jira. Rakkoo siyaasaa irra darbee dhangala’utuu mul’ata’’ jechuun akeekkachiisan.
AMbaasaadar Maayik Haamar turtiisaanii Itoophiyaatiin Pirezidantii bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa, dura taa’aa TPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’el waliin wal arguun kan mari’atan yoo ta’u, lamaanu hojiirra oolmaa waliigaltee Piritoriyaatiif qaban akka mirkanneessaniif dubbatan.
Ambaasaadar Maayik, ‘‘mariin aang’oota Tigraayifii TPLF waliin taasiseen, deeggarsa hojiirra oolmaa waliigaltee Piritooriyaatiif qaban naaf mirkanneessaniiru’’ jedhan.
Torban darbe dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’el nagaadhaaf jecha aanga’oonni Tigraayiifi Ertiraa walitti dhufeenya gochaa jiraachu dubbachunsaanii ni yaadatama.
Maayik Hamar waa’ee walitti dhufeenya TPLF fi qondaaltoota Ertiraa jidduu jiru kanaa gaafatamanii yoo ibsan, ‘‘Itoophiyaafi Ertiraan lammaffaa gara waraanaa seenanii arguu hin barbaaddu… qaamolee lamaaniinuu gara daangaa Ertiraas ta’e gara daangaa Itoophiyaa cabsamee seenuun akka jiraatu hin barbaadnu,’’ jedhan.
Ergamaan addaa kun itti dabaluudhaan, barbaachisaa yoo ta’e, hojiirra ollamaa waliigaltee Aljarsi irratti biyyisaanii deeggarsa gochu akka barbaaddu dubbatan.
‘‘Biyyoota lamaan jidduu burjaajiifi bitaa galuumsi akka hin jiraanneef hojiirra oolmaa waliigaltee Aljeersi irratti gargaaru barbaadna’’ jedhan.
Yoo qaamoolee lamaan jidduu mariin jiraates sarbamni mirga namoomaa qaama kamiinu raawwatamu kan dhaabsiisu, kan walitti dhufeenya biyyoota lamaan jidduu fooyyeessuurratti kiyyeeffate, akkasumas gaanfa Afriikaa walitti bu’iinsa garaa garaatiin rakkataa jirtu kan gargaaru ta’u qabaata jedhan.
Ambaasaadar Haamar sababii walitti bu’insa naannoolee Oromoiyaafi Amaaraatti itti fufee jiruun gara naannoolee kanneeniitti imaluuf ‘rakkiisaa’ ta’u ibsuun, ta’us Ambaasaadar Maasiingaan aanga’oota Itoophiyaa waliin ta’udhaan yaaliiwwan walitti bu’iinsa dhaaban taasisaa jiraachu ibsaniiru.
Marii Waraana Bilisummaa Oromoo walin taasifamu ilaalchisuunis deebii kennaniin, ‘‘mariin Daaree Salaamiitti taa’ame ture bu’aa malee xumurame jechuun yaalii nageenyaa keenya dhaabneera jechuu miti’’ erga jedhaniin booda, ‘‘mootummaa Nooriwee waliin ta’udhaan yaalii keenya itti fufneerra’’ jedhan.












