Allaattii reeffa lammiilee Israa'el barbaaduuf gargaaraa jiru

Maxxanfame

Qorataan walitti dhufeenya orgaanizimiifi saayinsii naannoo, ikoloojistii, waraanni Israa’el reeffa lammiilee akka bira gahuuf faana allaatti hordofuun isaan gargaaraa jira.

Abbaa Taayitaa Uumamaafi Paarkii Israa’elif kan dalagu Ohaad Haatzoof GPS fayyadamuudhaan sochii allaattiiwwan faana bu’a.

Onkololeessa 23 erga gargaarsa gaafatame booda daataan isaa waraanni Israa’el reeffa afur akka argatan isa gargaareera.

Allaattiin biraas bakkeewwan reeffi argamuu malan akeekuu hime.

Dura aantummaan hojiin allaattiiwwan kanaa lammiilee Israa’el keessumaa haleellaa Hamaasii Onk. 07 raawwate hordofee kanneen lubbuu dhaban barbaaduudha.

Ikoloojistiin Israa’el kuni akka himetti, risaan kuni kana dura sanyiin isaa naannichatti baduu waan gaheef akka sanyiin isaa baay’atu Israa’el keessatti akka horu taasifame.

Risaan kuni kaaba Moskootti erga godaane booda garuu yeroo deebi’u beela keessa ture. Eegasii reeffa barbaacha isaan gargaaraa jira.

Haatzoof sochii allaattii kanaa faana bu’uun lafa inni dhaabbate hordofe. Daataa kanas Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa’eliif qoode. Isaaniis reeffa afur argatan.

Yaada akka kennu BBC’n waraana Israa’el gaafatuus ammatti deebii hin arganne.

Onkololeessa bultii torba hidhattooti Hamaas 1,500’tti tilmaamaman dallaa cimaa Israa’el ijaarte cabsuun seenanii hawaasa Jewiishiifi buufatawwan waraanaa daangaarra jiran haleelan.

Festivaala muuziqaarrattis haleellaa raawwatanii miidhaa dhaqqabsiisan.

Haleellaa kanaan namoonni 1,400 ol yeroo ajjeefaman, 200 ol immoo butamanii fudhataman.

Eegasii haleellaa Israa’el raawwatteen namoonni 10,800 ol Gaazaa keessa ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu ibseera.

Kanneen keessaa 4,400 ol daa’immanii jedhe.

Haatzoof lafa allaattiiwwan qubatan hordofa.

Meeshaan itti hordofan viidiyoo qabaatuu baatus sochii allaattiiwwan, ol ka’iinsa itti jiraniifi daataa kaan bakka isaan itti deddeeman itti hima.

Daataa kanas suuraa saatalaayitiin wal bira qaba.

Keessumaa maatii achii buutee namootaa dhabaniif deebii waan kennuuf barbaachisaa ta’uu eere.

Osoo mirkana hin ta’in yookiin wanti tokko tasa argamuu hindanda’u jedhanii jiraachuun "waan hamaa’’ jechuun ibsa.

Haatzoof hiriyyaan isaa Ohaad Yahaalomii fi daa’imi ganna 12 biroo haleellaa Hamaas booda achi buuteen isaanii dhabamuu hima.

Yahaalomiin mana isaa biratti haleelamuu malee eegasii akka hin mul’anne jedhe. Haati warraafi daa’imti isaanii lamaan garuu miliqaniiru.

"Baay’ee gaddisiisaadha,’’ jedha Haatzoof. Qaamaan achi buutee namoota warra barbaadaa jiranitti makamuuf yaada qaba.

Waraanichi kan Israa'eliifi lammiilee Filisxeemitti miidhaa waan geessiseef dafee akka dhaabbatu abdata.

Lammiileen Israa’el yeroo nagaa siyaasarratti waliin galle yeroo waraanaa kanatti tokko ta’anii sosso’aa akka jiran dubbata.

Erga haleellaa Hamaasii hiriyyoonni isaa hedduu tajaajila waraanaaf waamamaniiru.

Ammatti inni beekumsa amala allaattii hordofuu qabuun tajaajilaa kennaa waan jiruuf gammachuu akka qabu hime.