Arsii Lixaa - Kokkossaatti bakakkaan loon 'dallaa tokko guutuu' galaafate

Maxxanfame

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaa Ganda Dikii jedhamu keessatti balaan bakakkaa nama tokko jalaa loon 16 bakka tokkotti fixuu Itti gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii aanichaa Obbo Abdussamad Hullee Saaddoo BBCtti himan.

Obbo Abdussamad akka jedhanitti ALI gaafa Caamsaa 27, 2015 roobii cimaa duumessa makatee roobeen waaree booda naannoo sa'atii 11:00 irratti balaan kun mudate.

Wayita roobni kun roobaa turetti horiin muka jalatti dheessuun ciisaa turuu fi achitti bakakkaan itti bu'uun horii achi turan hunda fixuu himan hoogganaan kun.

''Horii dhuman kunneen keessaa kormi sagal, saani elmamu sadi, dorrobaan afur. Waliigala horiin 16 dhuman kunneen qarshii kuma 900tti tilmaamamu,'' jedhan.

Akka Obbo Abdussamad jedhanitti, balaan bakakkaa kun horii bakka tokkotti fixerraan kan hafe namarrattis ta'e qabeenya biraarratti balaa geessise hin qabu.

''Akka carraa ta'ee bakki balaan kun itti mudate qe'eerraa fagoodha. Tikeenillee roobni roobnaan horii muka jalatti oofee biraa fagaate. Kanaaf horii kunneen irraa kan hafe balaa biraa hin geessifne,'' jedhan.

Namni horiin jalaa dhuman Obbo Gobozee Gadaa, qabeenyi isaan ittiin maatiisaanii 20 ta'an jiraachisan kanuma ta'uu himan Obbo Abdussamad.

Obbo Gobozee Gadaa maatiisaanii keessaa ilma hangafaa waan ta'aniif itti gaafatamummaa maatii ofitti fudhatanii jiraachuu BBCtti himan.

''Duraan biyya Kuweet tureen deebi'e. Maatii kana jiraachisuun narra ture. Kanaaf horii horsiisuurrattin xiyyeefadhe,'' jedhan.

Garuu qabeenyisaan birrii miiliyoonatti siqu itti baasanii horatan battala tokkotti daaraa jalaa ta'e.

Nama kanaa fi maatiisaa jajjabeessuu fi dandamachiisuuf uummanni akka aadaasaatti birmateeraaf kan jedhan Obbo Abdussamad, akka waajjirasaaniittis tumsa gochaafii jiraachuu himan.

''Uummanni Oromoo wayita balaan bakakkaa akkanaa mudatu akka aadaasaatti waan waliif godhu qaba. Loon jalaa dhume gumaachuun bakka buusuufiinis jira. Waajjirri Buusaa- Gonofaa damee Aanaa Kokkossaas gargaarsa akka kennuuf koreen hundaa'ee jira.''

Obbo Gobozeen garuu gama mootummaatiin kominikeeshiniin aanaa dhufee isaan dubbisee deebi'uun alatti haga ammaa tumsi taasifameef akka hin jirre himan.

''Uummanni yeroo sanatti nuuf birmatee loon dhuman karaa irraa kaaseera. Gama mootummaatiin garuu qaamni nuuf birmate hin jiru.''

Obbo Gobozeen akka jedhanitti balaan bakakkaa kun horii hunda kana guddoollee hin madeessine.

Bakakkaan muka walakkaa quncisee horii muraasa madeesse kan jedhan abbaan qabeenyaa kun, ''horiin kun hundi osoo itti hin bu'amin akkamiin akka dhuman nuuf gaaffiidha,'' jedhan.

Godina Arsii Lixaa keessaa Aanaan Kokkossaa waggaatti rooba ji'a sagal argata kan jedhan Obbo Abdussamad, wayita bakakkaan kun bu'u roobni cimaan roobee ture jedhan.

Aanaa kana keessatti bakakkaan darbee darbee kan bu'u ta'us miidhaa haga kanaa qaqqabsiisee hin beeku jedhan.

Hawaasni yeroo roobaa kana horiisaaniif qofa osoo hin taane lubbuusaafillee of eeggannoo gochuu qaba jechuun dhaaman.

Balaan bakakkaa yeroo mudatu uummanni Oromoo akka aadaatti waan godhantu jedha.

Yeroo balaan akkasii mudatu kan horii qabu waliif hirpha.

Akka duudhaa duriitti wayita roobni hamaan bakakkaa makate roobu namnis ta'e horiin muka jala akka hin dhababanne gorfama.

Yinivarsiitii Haramaayaatti barsiisaafi qorataa Fiiziksii Naannoo (Environmental Physics) kan ta’an Dr. Haftuu Birhaanee bakakkaan dhiibbaa hoo’aa yemmuu ta’u walharkisuu chaarjiiwwan eyyentaa (pozatiivii) fi hi'intaa (negatiiviin) kan uumamu akka ta’e himan.

Dr. Haftuun gosoonni bakakkaa hedduu akka jiran himu.

Bakakkaan yeroo roobaa uumamu akkuma jiru osoo roobni hin jiraatiin yeroo gogaatti kan uumamus jira jedhan.

Dr Haftuun namni tokko naannoo mukkeenii kan jiru yoo ta’e yoo xiqqaate dheerina muka sanarraa dachaa lamaa fi isaa ol fagaachuu qaba jedhan.

Mukkeen dheerina waan qabaniif rooba roobeenis jiidhina waan qabaataniif elektiriikii saffisaan ofkeessa dabarsuu danda’u.

Kanaaf namootni waqtii roobni roobuu fi balaan bakakkaa jirutti mukkeen irraa fagaachuu akka qaban himu.

Manneen fi iddoowwan dawoo ta’uu danda’an kunneen biroo keessatti dahachuunis barbaachisaa akka ta’e himu.