Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zeleniskiin 'karoora injifannoo' pirezidant Joo Baayidaniif dhiyeessuuf
Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii loltootni isaanii daangaa Raashiyaa bulchiinsa Kuurisk keessa galuun isaanii qaama ''karoora injifannoo'' ji'a dhuftu pirezidantii US Joo Baayidaniif dhiyeessan ta'uu dubbatan.
Foramii Kibxata gaggeeffame irratti milkaahinni karoorichaa pirezidant Baayidan irratti xiyyeefata jedhaniiru.
US Yukireeniif wanta karoora keessa jiru ni kenniti yoo ta'e, karooricha fayyadamuuf yoo hayyamamee fi hafedha'' jehan.
''Karoorichi baayyee hiixataa fakkaachuu danda'a, nuuf garuu baayyee barbaachisaadha'' jedhan.
Dabaluunis, karoora kana kaadhimamtoota pireeziantii Kaamlaa Hariisiifi Doonaald Tiraampittis akka agarsiisan dubbatan.
Loltoonni Yukireen hedduun jalqaba baatii Hagayyaa keessa naannoo Kurisk Raashiyaa kan weeraran yoo ta’u, hanga ammaatti Raashiyaan isaan ofirraa deebisuu waan dandeesse hin fakkaatu.
Waltajji kanarratti haasawa taasisaniin ajajaan waraanaa olaanaa Yukireen Kiiv, Jeneraal Oleksandr Syiriskiyi, Yukireen amma lafa Raashiyaa kaaree kiiloo meetira 1,294 fi qubsuma 100 to'attee jirti jedhan. Lakkoofsi kun BBC'n hin mirkanoofne.
Jeneraal Syiriskiyi akka jedhanitti Yukireen naannoo sana qabachuuf yaada akka hin qabnee fi kaka’umsi weerara kanaa tokko humnoota Raashiyaa haleellaa yaada isaanii baha Yukireen irratti godhan irraa yaada isaanii akka fageessan gochuudha jedhan. Raashiyaan magaalaa Pokroviski kan wiirtuu barbaachisaa fi mana buufata baaburaa ijoo ta'e qabachuuf yaalaa jirti.
Pirezidaanti Zeleniskiin Yukireen dhiheenya kana yaaliin misaa’ela balistikii biyya keessaa oomishame isa jalqabaa milkaa’inaan raawwachuu ifa godhaniiru. Industirii ittisa biyya isaanii baga gammaddan jechuun, waa'ee misaa'ela kanaa odeeffannoo bal'aa garuu hin kennine.
Yukireen kanaan dura misaa’ela balistikii tokko tokko US irraa argatte Raashiyaarratti dhukaafteetti. Hirkattummaa warra dhihaa irratti qabdu hir’isuuf oomisha haardiweerii waraanaa biyya keessatti misoomsuuf hojjechaa turte.
Haa ta’u malee ammaaf Yukireen Raashiyaa loluufi haleellaa ishee ofirraa deebisuuf irra caalaa dhiyeessii waraanaa biyya alaa irraa dhufutti hirkatti. Pirezidaanti Zeleniskiin akka jedhanitti, Yukireen misaa'ela guyyoota darban keessa Raashiyaan dhukaafte qolachuuf xiyyaarota waraanaa F-16 haaraa biyyoota dhihaatii argaman fayyadamuu ibsaniiru. Ammoo biyyattiin jeettiiwwan dabalataa akka barbaaddu dubbataniiru.