'Hanga ammaa midhaan lafa hektaara miiliyoona tokko ta’urraa sassaabuun ni hafa'

Masii qamadii

Madda suuraa, BQO

Maxxanfame

Kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti yeroon kun waqtii oomishni qonnaa itti sassaabamu. Yeroo ammaa kana ammoo roobni yeroosaa hin eegne bakka hedduutti roobaa jira.

Oromiyaatti lafti yeroo gannaa qotame midhaan hektaara miiliyoona afur ta’us yeroo kanatti gahee walitti akka qabamu himu maddeen biiroo qannarraa argame.

Akka Biiroon Qonnaa Oromiyaa jedhutti, oomisha midhaanii lafa hektaara Miiliyoona afur keessaa hanga ammaatti midhaan lafa hektaara miiliyoona sadi ta’urraa walitti qabameera.

Hogganaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu BBC’tti akka himanitti, roobni sababa illiinootiin mudate kun midhaan hin sassaabamin jiru hektaara miliyoona tokko irra jiru akka hin mancaasneef xiyyeeffanaan hojjetamaa jira jedhan.

“Bokkaan Kun hanga waqtii Arfaasaa gahutti itti fufa kan jedhu raagni meetiroolojii ni ibsa. Kanaaf jecha qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan midhaan gahe dafee rooba kana jalaa baasuuf xiyyeeffannaa addaatin hojjechuutu irra jiraata,” jedhan.

Roobni akkaataa amma jiru kanaan itti fufee jennaan midhaan gahee jiru kanarraan miidhaa guddaa qaqqabsiisuu akka danda’us himu.

“Tilmaama qabnuun roobni kun itti fufee jennaan midhaan dheedhii, qamadii, xaafii fi buna diimatee jirurraatti miidhaa guddaa geessisuu danda’a. Hanga ammaatti dhiibbaa guddaan gahe jedhamu hin jiru. Garuu yoo itti fufa ta'e ni gaha,” jedhan.

Roobni kun yeroo tokko tokko caamaa kan roobu waan ta’eef yeroo caamaa fi aduu ta’utti qonnaan bulaan duulaan oomishasaa sassaabuu akka qabus dhaamu.

Roobni yeroo ammaa roobu kun kutaalee Oromiyaa tokko tokkotti kan isaan barbaachisu akka ta’eefi bakka hunda walqixxa kan miidhu akka hin taanes himan.

Gama biraatiin Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoonni kutaa 5ffaa olii naannoo oomishni itti sassaabamu jiraatan gara maatiitti deebi’uun duula sassaabbii oomishaa kanarratti akka hirmaatan ibse.

‘Roobni waqtiin ala ta’e roobaa jira’ kan jedhe biirichi, qisaasama midhaanii uumamuu malu hir’isuuf barattoonni torbee tokkoof duulan hojii sassaabbii oomishaa kanarratti akka hirmaatan hime.

Manneen Barnootaa ammoo wayita barattoonni duula kanarraa deebi’an yeroo barnootaa gubate kana sirnaan bakka buusuu akka qabanis dhaame biirichi ibsa baaseen