Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Riyaal Maadriid gatii jijjiirraa bilisaan Aleksaander Arnooldiin Liverpuulirraa fudhachuuf
Riyaal Maadriid taphataa ittisa cinaa Liiverpuul Tireent Aleksaander Arnooldiin gatii jijjiirra abilisaaan Liivrpuul irraa fudhachuuf fiixeerra gaheera.
Kontiraatni Liiverpuul waliin qabu raawwachuuf ji'ootani sadii qofti kan isa hafu Arnoold qalbiinsaa gara Maadriid erga godaanee bubbuleera. Dubbiin kilabichaa waliin gochaa tures waan kaleessaa qofa miti.
Maddeen hedduu waayee waliigaltee Tireentiifi Madriid quba qaban ammatti waliigalteen mallatteeffame hin jiru garuummoo waliigaluuf fiixeerra gahaniiru jechuun BBCf mirkaneessaniiru.
Maadriid Tireentiin hordofuu erga eegalee waggaa lama ta'a, haala isaa erga hubatees ganna dhuftu kana xiqyyeeffannoosaa isa jalqabaa godhateera.
Taphataan ganna 26 kun akkaadaamii Anfiildi keessaa bahe. Liiverpuuliif malee kan hin taphanne yeroo ta'u, kilabichaaf sadarkaa adda addaatti tapha 300 irratti hirmaateera.
Liiverpuul waliin waancaa kilabni tokko addunyarratti injifachuu danda'au hunda injifateera.
Tireent kilaba kanatti kan makame wayita umriinsaa waggaa jaha turedha. Akkaadaamii keessa darbee yeroo duraaf kilaba isa tokkoffaa Liiverpuuliif kan hiriire waggaa sagal dura bara 2016tti ture. Hiree kan kenneef ammoo leenjisaa Yaargan Kilooppi.
Bara 2019/20 garaagartummaa ji'oota 14 keessatti Liiverpuul waancaa Piriimiyer Liigii, Chaampiyoonsi Liigiifi Waancaa Kilaboota addunyaa yoo injifatu gaheen Tireent olaanaa ture.
Ittisni cinaa kun Waldaa Taphattoota Kubbaa Miilaa Piroofeeshinaalaa PFA waggaa waggaan tapahattoota ciccimoo 11 filatu keessatti bara 2023 yeoo sadaffaaf filatameera.
Baruma sanas dursaa itti aanaa taphattoota Liiverpuul ta'uun fulatameera.
Fedhiisaa akka hin dhokfanneefii dursaa taphattootaa ta'uun hawwiisaa akka ture yeroo sanitti dubbateera.
Tireent deeggartotatasaa muufachiise
Bara 2024 wayita kontiraatnisaa raawwachuuf waggaan tokko hafu waayee kontiraatasaa dheeressuufi dhiisuu odeeffannoo kennuu dhabe, kunis deggartoota yaaddessuu eegale.
Onkololessa darbe ammoo gaaffiifi deebii Sky Sport waliin taasiseen Liiverpuul waliin shaampiyoonsi Liigii biraa mo'achuu caala Ballon d'Or injifachuu akka filatu dubbachuun deeggartoota Liiverpuul dheekkamsiiseera.
Ergasii deeggartootni warra diddiimolii Tireent kilabaaf yaaduu caala fayidaa dhuunfaa milkeessuu hawwa amantaa jedhu horatan. Ittis mufatan.
Mudde darbe Westihaam irratti erga goolii lakkoofsisee booda mallattoon gammachuu ibsachuuf agarsiise haasaa waayee jijjiirraasaarratti godhamutti kan qoosu ture.
Kunis ifatti ni turaaf ni deemaa osoo hin beeksisiin mallattoon agarsiise deeggartootatti mufiifi shakkii dabale.
Ammajjii keessa hasaasni Maadriid Tireentiin fudhachuf yaalaa jira jedhu wayita gabaafamutti tapha Liiverpuul fi Yunaayitiid Anfiilditti godhame irratti deeggartootni Tireentiin qoccolaniiru.
Bara 1999tti Liiverpuulirraa gara Maadriiditti bilisaan kan makame Istiiv Maakmanaamaa Tireent kilaba isaa ijoollummaa fi Ingilaand dhiisee gara liigii haaraa makamuuf yoo murteesse ''nan isa jaja'' jedhe.
''Yoo garas deeme isaaf carraa gaariidha, achittis taphataa collee akka ta'u shakkiin hin jiru'' jedheera.
Maakmanaman Vaan Daayiikiifi Saalaah ni deemu yoo ta'e dogoggora kilabichaa ta'a, kan Tireent garuu fedha isaatii waan ta'eef isuma qofa ilaallataa jedhe.
Liiverpuul bakka Tireent Koonar Biraadiliiy qaba. Ammoo haalli taphaa Biraadiliifi Tireent wal hin fakkaatu. Gumaatni goolii Tireent addadha.
Maakmanamanaan abdiin deeggartoota Liiverpuul Biraadiliin gara sadarkaa Arnoolditti guddachuu danda'a kan jedhu ta'uu dubbateera.