Hamaas Olompiikiirratti haleellaa raawwata oduun jedhu hangam dhugaadha?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Namooti dhuunfaa hidhattoota Hamaasi dha ofiin jedhan Olompiikii Paariis irratti haleellaa akka dhaadatan viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti tamsa'eera.

Tahus BBC'n odeeffannoo kana irratti qorannoo taasiseen viidiyoon Raashiyaatiin tamsa'uu akka malu agarsiisa.

Sagantaan Olompiikii Faransaay Jimaata 26/2024 magaalaa guddoo biyyatti Paariisitti jalqabeera. Sagantaa kanaan guyyoota muraasa dura viidiyoon kuni miidiyaa hawaasaa irratti miiliyoonaan ilaalameera.

Namni fuullisaa haguugameefi hidhataa Hamaasi dha jedhu Faransaay deeggarsa Israa'eliif agarsiisteen, ''daandiiwwan Paariis irratti laga dhiigaatu yaa'a,'' jechuun afaan Arabaa akeekkachiisa kenna.

Dhuma viidiyoo kanaarratti namichi boca mataa dubartii mallattoo biyyaalessaa Faransaayi taate Maariyaan dhiiga keessatti cuuphee qabatee mul'ata.

Bocni mataa sunis ''kan sobaa'' yoo tahu, viidiyoonis akkasuma.

Afaaniifi looqda wal-hin fakkaanne

Viidiyoon gadhiifame Hamaasirraa akka tahe himuu baatanillee kanneen miidiyaa hawaasaa irratti qoodan warreen garee kanaa wajjin hidhata qabanidha. Hogganooti siyaasaa Hamaas immoo viidiyoon kuni sirrii miti jedhu.

BBC'n erga viidiyoo kana qorateen booda afaaniifi akkaataa dubbii irratti qaawwa jiru hubachuun viidiyoowwan Hamaas kanaan dura gadhiisu wajjin wal-fakkaachuu irratti shakkisiisaa tahuu taajjabeera.

Hamaas waraana Gaazaa keessa jiru ilaalchisee Telegiraamii irratti ibsaafi viidiyoowwan garagaraa gadhiisa.

Namni viidiyoo kanarraa dubbatu haalli dubbisaa nama Filisxeem hin fakkaatu. Jechoota bu'uuraa warreen jedhaman yoo baasu afaan Arabaa afaan dhalootasaa akka hin taane beeksisa. Hamaas immoo afaan sirriitti dubbachuu irratti hin hamatamu.

Namichi uffata guutummaan gurraacha tahe kan uffate yoo tahu kunis uffannaa loltuu dubbi-himaan damee hidhataa Hamaas uffaturraan addadha.

Dabluunis jaakkeettiin alaabaan Filisxeem irratti maxxane isa yeroo kaanirraan addadha. Dubbihimaan hidhattota Hamaas alaabaa Filisxeem irree irratti keewwata, namni viidiyoo kanarraa mul'atu garuu qomarratti godhate.

Viidiyoo Hamaas biraa

Viidiyoon Olompiikii Paariis jeequuf doorsisu kuni viidiyoo kanaan dura sobaan Hamaas wajjin wal-qabsiisuun bahe wajjin wal-fakkaata.

Viidiyoon Onkololeessa darbe viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'aa ture akkasuma namoota miseensota Hamaas jedhaman kan qabate yoo tahu namoonni viidiyoorra mul'atan Pireezidantii Yukireen Vooloodmiir Zelenskiidhan,''deeggarsa meeshaa waraanaa nuu taasifameef galateeffanna,'' yeroo jedhan mul'ata. Kunis himannaa sobaa Yukireen irratti dhiyaatedha.

Viidiyoon kuni sirrii kan jedhan miseensonni garee qorannoo Yunivarsiitii Kileemsan kuni qaama odeeeffannoo sobaa facaasuu Raashiyaati jedhan.

Qorannoo BBC'an taasiseen viidiyoowwan Hamaasi jedhamuun gadhiifaman sagalee, uffata danbii fi iddoo viidiyoon itti waraabame wal-fakkaataa akka tahe beeksisa.

Viidiyoowwan lameen ededa halluu daalchaa fi viidiyoo badaa qulqullina hin qabnedha.

Wal-bira qabaan viidiyoowwan ibsa Hamaas ji'oota saglan darbanitti gadhiifaman ammoo qulqullinni viidiyoo isaanii fooyya'aa dha duubasaanis halluu gurraacha ykn mallattoo gurraachatu jira.

Viidiyoo kana eenyutu tamsaase

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa tokko tokko viidiyoon ''Hamaasi'' jedhame kana Israa'elitu hojjete jedhanillee ragaa garuu hin dhiyeessine.

Ogeessonni mala viidiyicha tamsaasuuf faayidaarra oole ilaalan garuu Raahsiyaatti quba qabaniiru.

Viidiyoon farra Faransaayi tahe yeroo jalqabaaf kan maxxane Awurooppaatti yoo tahe guyyoota muraasaan dura fuula miidiyaa hawaasaa @endzionism24 maqaa ''Loltuu Hamaas'' jedhu qaburratti dha.

Fuulli miidiyaa hawaasaa kuni suuraalee hubannoo nam-tolchee(AI) dhaaan hojjetamanis qoodaa ture.

Isa booda viidiyoon kuni buufataalee oduu afaan Arabaa fi Faransaayi michoota Raahsiyaa tahaniin dha. Viidiyoon kuni Telegiraamii irratti maxxanfamu barsiisaan Yunivarsiitii Kileemsan dubbatu.

Viidiyoo kana kanneen miidiyaa hawaasaa isaanii irratti qoodan keessaa akkawuntii olola raashiyaa oofu teessoonisaa Awustiraaliyaa Sidnii tahe ''Osii Kosaak'' jedhamuufi hordoftoota kuma 80 qabudha. Inni kaan ammoo chaanalii telegiraamii Raashiyaaf oogu kan hordoftoota 170 qabu ''Goloos Moordooraa'' jedhamu dha.

Yeroo muraasa keessatti barreeffamoonni afaan Raashiyaan hiikaman akkasumas suuraaleen fuula miidiyaa hawaasaa hordoftoota kuma dhibbaan lakkaa'amu qabaniirratti tamsa'eera.

Qondaaloti Faransaay ji'oota darbaniif Raashiyaan Olompiikii Paariis miidhuuf duula odeeffannoo sobaa bittimsuu jalqabdetti jechuuh akeekkachiisaa turan.

Bitootessa dabre pirezidantin Faransaay Amaanu'el Maakiroon, Moskoon Faransaayi Olompiikii qopheessuuf gahumsa hin qabdu oduun jedhu tamsaasaa turte jechuun isaanii ni yaadatama. Kireemiliin himannaan kuni ''fudhatama'' hin qabu jetti.

Waraana Yukireen keessa jiruun Raashiyaafi Belaaruus Olompiikii Paariis irratti hirmaachuuf kan dhorkaman yoo tahu atileetonni biyyoota kanaa dhufan muraasni biyya otoo bakka hin bu'iin dorgomuu danda'u

Sodaa tamsaasuu

Dhaabbanni Maayikiroosooft doorsisa xiinxalu viidyoo kana qulqulleessuun booda garee Raashiyaa ''Istoormi 1516'' jedhamutu raabsee jedheera.

Qorattoonni Maayikiroosooft gareen kuni hogganaa duraanii garee Waagineer Yivgeenii Piriigoozhiin.

Warri Raashiyaa dhimma Olompiikiia Paariis irratti odeeffanno sobaa yoo kennan kuni kan jalqabaa miti.

Kanaan dura ''Olompiikiin kufeera'' mata duree jedhuun sagalee taatoo Toom Kiruuz fayyadamuun viidiyoon gadhiifame kan jalqabaa yoo tahu kaan immoo suuraa Iloon Maask fayyadamuun kan gadhiifamedha.