Haleellaa naannoo Somaalee masjiida keessatti raawwateen jaha ajjeefaman

Baha Itoophiyaatti kan argam Naannoo Somaalee, godina Doolloo magaala Waardeer keessatti haleellaa hidhattoonni masijiida keessatti raawwataniin namoonni jaha ajjeeffamusaanii jaarsooliifi jiraattoonni naannichaa BBC Somaaleetti himan.
Sababiin haleellaa guyyaa Kibxataa Fulbaana 16, 2024 raawwatame kanaatiis, kan walitti bu'iinsa gosaa naannichatti argaman kana dura uumamee turee waliin qal qabachuu akka hin oollee himameera.
Jaarsi biyyaa naannichaa Aqiil Mohammad Mohaamud jedhaman, haleellichi raawwatamusaa fi dargaggoonni ajjeefamu BBC'f mirkanneessaniiru.
Dargaggoonni ajjeeffamanis barattoota amantaa ta'usaanii ibsuudhaan, jaarsoliin biyyaa ''gochaan ajjeechaa dargaggoota jahan irratti raawwatame baayyee sukkanneessaadha'' jechuun gaddasaanii ibsan.
Dargaggoonni kunneen kan ajjeeffaman masjiida Kujir jedhamu keessatti osoo solaataaf qophii taasisaa jiranii akka ta’e maanguddoon naannichaa ibsaniiru.
‘‘Hidhattoonni konkolaataa xiqqoo tokkoon gara masjiidichaa dhufuudhaan ijoollee kanneen irratti haleellaa raawwatan'' jedhan.
Owwaalchi dargaggoota jahaa guyyaa Roobii achuma magaalaa Waarderitti raawwatamuu jiraattonni ibsaniiru.
Ajjeechaan kuni jiraattota naannichaarratti naasuu uumeera. Walitti bu’iinsa gosaa kana dura mudateen akka walqabatus jiraattonni ibsu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji’oota dura gosoota obbolaa ta’an gidduu walitti bu’iinsi dhalatee akka ture jiraattonni dubbatu.
Waggaa darbe xumura baatii Waxabajjii keessa Godina Dolloo Aanaa Waarder keessatti gosoota xiqqoo lama gidduu walitti bu’iinsi dhalatee lubbuun darbuu aangawaan naannichaafi falmaan mirga namoomaa BBC’tti dubbatanii turan.
Dabalataanis, dhaabi Adda Bilisa Baasaa Ummata Ogaaden (ONLF) yeroos ibsa baasen ‘’gosoota xiqqoo obbolaa ta’an gidduu walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namaa darbeera,’’ jedhee ture.
Yeroos Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa kan turan Obbo Abdiqaadir Rashid walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namoota sadii darbuu isaa mirkaneessaniiru.
Dubbii himaa dhaabbata mirga namoomaa naannicha keessa dalagu kan ta’an Obbo Ahimad Mohaammad immoo lakkoofsi namoota du’anii afur ta’u ibsanii turan.
Ajjeechaan masjiida keessatti mudate walitti bu’iinsa baatiiwwan dura mudateen akka walqabatuu malu tilmaamameera.
Haleellaan erga raawwatamee booda humnoonni nageenyaa naannichaa bakkichatti bobba’aniiru.
Nageenya eegsisaa akka jiraniifi sababa ajjeechaa qorachaa akka jiranis jiraattonni ibsaniiru.
Ajjeechaa dargaggootaa booda qondaaltonni godinaas ta’e aangawoonni naannichaa hanga yoonaa wanti dubbatan hin jiru.












