Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Icciitiin kaartuuniiwwan farra Zalansikii duuba maaliidha?
Miidiyaan mootummaa Raashiyaa akka, Kaartuuniiwwan (cartoons) farra- Zelenskiin akka waan inni, deeggarsi waraanaa Yukireeniif biyyoota Awurooppaatiin taasifamu caalaa isaan iyyoomsaa jiraachu agarsiisuu duuba harka Faransaayitu jira jedhan.
Odeeffannoon BBC argate garuu kaartuunoti kunneen duuba harki Raashiyaa jiraachu akka hin oollee agarsiisuu.
Jala bulti Gannootti Paariis keessatti daa’imman kennaa kennamuuf yaadaa gara irriibaa deeman. Ayyaan bara kanaa garuu adda ture. Huccuun Abbaan Gannoo kennaa kennuudhaan barame uffatan diimaa osoo hin taane keelloofi cuquliisaan uffachuun mulatan.
Areeda adii dheeraa duuba kan jirus pirezidantii Yukireen Zalanskii ta’usaanii salphaadhumatti adda baasuun hin rakkisu. Suuta akka kotteensaanii hin dhagahamneetti gara kennaa daa’immanii muka jalatti waliitti qabamaniitti siqa. Filachunis kan jaalatan (xiyyeera waraanaa) qofa filachuun hata. Ijooleenis yoo bohan dhagahama.
Agarsiisoonni kan fakkaataniifi farra Zalasinkii ta’an kunneenis walitti fufiinsaan animeeshinii ‘‘Yukireen Inik’’ jedhamurratti dhiyaatu. Kutaansaa jalqabaas bara 2023tti marsariitii ukraine-inc.info jedhamurratti maxxanfaman. Isaan boodas yeroodhaa gara yerootti kutaa haaraan gadi ni dhiifamu.
Kaartuuniiwwan kunneenis dheerina daqiiqaa 1.5- 3 kan qabaniidha. Chaanaaliin Telegraamii hordoftoota miiliyoona 2.5 ol qabuufi "Readovka" jedhame mootummaa raashiyaa deegaruudhaan beekama. Chaanaaliin kun filmiiwwan kanneen qooduu hordofee viidiyoowwan dowwattoota olaanaa argachuu eegalaniiru.
"Readovka" fi miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa fiilmiicha duuba harka Faransaayitu jira jedhu.
Haata’u malee viidiyoowwan kana mirkanneessuu hin jiru. BBCn qaamni filmiiwwan kanneen hojjatu eenyuudha kan jedhu baruudhaaf yaalii taasiseera.
Viidiyoon kanneen kan raabsuu eenyyudha?
Viidiyoowwan hololaa sadarkaa olaanaadhaan akka tamsa’u kan deeggaruu eenyuudha?
Marsariitiin Ukraine-inc.info jedhamu eenyuu akka galmeesse odeeffannoon ibsu hin jiru.
Kutaan jalqabaasaa wayita marsariiticha gubbaatti gadhiifameettis kan battalaan beeksiise dhaabbata miidiyaa Kireemiiliin kan ta’e RRN ture. Reliable Recent News (RRN) kan kana dura ammo Reliable Russian News jedhamuun beekamu ture.
Afaanoota garaa garaa 10niin odeeffannoo dhiyeessa. Miidiyaa walabaa ta’u ibsa. Imbaasiiwwan Raashiyaa biyya alaa jiraniin irra deeddeebiin ni eerama.
Marsariitichi erga ifa ta’een booda, miidiyaalee si’omiinaan beeksiisan keessaa tokko miidiyaalee mootummaa Raashiyaatiin bulfamu ‘‘Raadiyoo Isputiiniik’’ kan afaanoota 12n tamsaasuufi Kiremiliin kan deeggaru ‘‘News Front’’ fi chaanaaliiwwan Telegraamii afaan Raashiyaa dubbata hedduun keessati argamu.
Kana malees yoo xinnaate toorawwan miseensoonni mana maree Raashiyaa sagal ta’an irratti qoodameera.
Walfakkaachuu kaartuunoota Faransaayiifi Raashiyaan deeggaraan jidduu jiru
Kaayyoon filmiin kaartuun walitti fufaa ''Ukraine inc'' jedhamuun dhiyaatus kan himtee holola miidiyaalee Raashiyaa calaqisiisuu fakkaata.
‘‘Kanaanis to’annoo ‘‘naaziiwwanii’’ jala ta’usheefi Zelensikiin ammo ‘‘ashangulliitii wara lixaa’’ fi bu’aa dhunfaasaatiif jecha lammiilee Yukireen gara adda waraanaatti ergaa jiraachu kan agarsiisu taasifamuun hojjatame.
BBCn ammo tokko tokko kutaa filmichaa xinxaleera. Tokko tokkoosaanii irratti daandiiwwan Paariisi itti makamuun kan hojjatame ykn gutummaan maqaa ta’e jedhamuun kannameedha. Haalli jechoonni Faransaayii dogongoraan itti barreeffames mul’ateera.
Kutaa tokko keessatti ammo biyyoonni miseensa Nato hantutaan fakkeeffamaniiru. Miseensummaasaanii keessa bahu agarsiisuudhaafis yoo doonii dhidhimuu baqatan agarsiisa. Hantuunniiwwanis kan baraman fakkaatu.
Haaluma walfakkaatuun viidiyoo kaartuunii Lixa afriikaatti bal’inaan tamsa’e tokkorrattis hantuunni mul’achusaanii BBCn hubateera. Viidiyoowwan kunneen irratti kan Faransaayoota bakka bu’an yoo ta’u, yoo namoota naannichaa jalaa hataniifi jeequmsa uman argamu.
Viidiyichi bulchiinsoota biyyaa Faransaayi duraaniitti kan walitti bu’insa hedduu keessatti hirmaatee ture garee mindeeffamaa Vaagnar Raashiyaa beeksiisuuf kan hojjatameedha.
BBCn viidiyoowwan hololaa kanneen aakka wal madaalchisaniif aniimeetaroota pirofeshiiinaala ta’an sadi gaafateera.
‘‘ukraine-inc’’ fi viidiyoowwan Vaagnar deeggaruun hojjataman keessatti hantuutoota hojjachuuf adeemsi walfakkaataan hojiirra oolfamuu hundu irratti waliigalan.
Oggeessi Aniimeeshinii Landaniitti bu’urreefatan Pool Istoon ‘‘viidiyoowwan hundarrattu sirreeffama dizaayinaa muraasaa taasisaniiru’’ jedhan. Yoo Istudiyoon bajataafi yeroo xiqqaa qabaatuutti kana gochuun adeemsa barameedha jedhan.
BBCn marsariitii fakkiin hantuutota jalqabaa gurgurtaadhaaf irratti dhiyaatan argateera. Kan dizaayinicha hojjatees gaaffii BBCf deebii kan hin kenninee diizaayinara giraafiksii lammii raashiyaati.
Siidiiniitti abbaa qabeenyaa istudiyoo animeshinii kan ta’an Been Maaryoot ammo, ‘‘dizaayina walfakkaataa akka ka’umsaaatti tti fayyadamunsaanii kan hin haalamneedha’’ jedhan.
Hantuutoonni wal hin fakkaatan. Sababiinsaas mormiifi afaaniin gadi akka sochiif itti toluutti fooyyaa’insi taasifameefiira.
Haata’u malee taatoowwan viidiyoowwan kanneen lamaan keessatti argaman wal hin fakkaatan. Fakkiin ka’umsaa kan salphaatti argamu waan ta’ef kaartuunoonni lamaan artistii ykn istuudiyoo tokkoo keessatti hjjataman jechuun hindanda’amu jedhan.
Oggeessi viidiyoowwna kaartuunii fi lammiin Raashiyaa walabaa eenyummaansaa akka hin ibfamneef gaafatan tokkoos, wantoonni walfakkaataan gara biraa jiraachu amana.
‘‘Haalli sararriiwwna itti hojjatan, haalli kutaalee fi kaanis teeknikoota ifa hin taanee kan biraati. Kun ammoo mala qophaa ta’unsaatiif carraansaa olaanaadha. Garuu ammo ija jabinaan dubbachu hin dandeenyu’’ jedhan.
Maaliif faransaayi?
Hireemiliin hojiiwwa hololaashee yoo Faransaayiin wal qabsiifu kan jalqabaa miti. Bara 2022tti miidiyaan mootummaa Raashiyaa ta’e tokko mata duree ‘‘Taphawwan Naazii dhaabaa’’ jedhuun viidiyoo farra Zelensikii biyaa dhiyeesseera. Viidiyichi kan istudiyoo walabaa Faransaay "Barracudas" jedhamuun kan hojjatameedha jechuun marsariitiiwwan adda addaarratti tamsaasameera.
Istudiyoon kunis interneetii gubbaatti jiraachusaa ilaalchisee odeeffannoon omaatu argamu hin dandeeneye.
Viidiyichi kan Faransaayi ta'usaatiin alatti, kan Armaniin hojjatame ta'u malu. Istudiyoo animeshinii Armeenootaa waliin kan walitti dhufeenya qabuu fi farra Azaarbaajaan kan ta'e "Kill Dim 2020" waliin adeemsa seenaa fi mala walfakkaatu qaba.
Institiyuutii Geo-politic Faransaayiitti,Pirofessarri walta'aan qorannoo, Keevan Liimooniiyar viidiyoowwan hololaa kan akka ''ukraine-inc'' fi ''Stop Nazi Games'' fakkattan ka'umsi saanii jechuu Kireemiliin Faransaay irraayi jedhu baayyee isaan hin dinqisiifne.
deeggarsi Faransaayi Yukireeniif taasiftu dabalaa fi ifa ta'uun deeggarsa agarsiisuun ishee hojiiwwan odeeffannoo sobaa Raashiyaatiif kiyyeeffannaa ijoo ta'eefiira jedhu.
“Haasawwan Maakroon lolootasaa gara Yukireeniitti erguudhaaf taasisan Mooskoo akka yaaddootti ilaalameera. Brexit booda Faransaay Awurooppaa keessatti haadha niikulaaraa kan qofaati. Kanaafiidha Raashiyaan kan Faransaay irratti xiyyeeffataa jirtu'' jedhan Liimooniyer.
Raashiyaan ammas ''lammiileen Faransaay dantaa Raashiyaatiif hojjataa jiran amansiisuu barbaaddi'' jedhan itti dabaluun.
Waahilli dhaabbata teessoosaa kan UK taasifate ''The Global Disinformation'' kan taate, Zoo'ii Fureel ammoo, kaayyoon viidiyoowwan kanneenii hirmaattoota biyyoota garaa garaa fi aadaalee adda addaarraa ta'an argachuufiidha jedhu.
''Raashiyaan ergaashee dabarsuudhaaf malawwan adda addaatti fayyadamti. Namni hunduu RT (mootummaa Raashiyaan kan to'atamuufi miidiyaan odeeffannoo sobaa Kireemiliin qoodu) hin hammatamu. Viidiyoowwan kunneen baayyee kan argamaniidha. Ergaan isaaniis hunda hammataadha'' jedhan.
Viidiyoon holoola farra-Zelenskii kutaansaa 13ffaa bahuuf waan ta'eef, doowwattoonni akka isaan jala hin baaneef akka galmaahamiif beeksiifni hojjatamaa jira.