Ameerikaan barattoota 6,000 irraa viizaa mulqite

Madda suuraa, Getty Images
Ministeerri dhimma alaa US barattoota biyyoota garaagaraa 6,000 ta'an irraa viizaa mulquu ibse.
Tarkaanfii kanaaf akka sababaatti kan eerame barattoonni seera US cabsuu fi yeroo eeyyamameefiin ol turan kan jedhuudha.
Ministrirri dhimma alaa US BBCtti akka himetti ''seera maleessummaan hedduun'' haleellaa hamaa, seeraan ala konkolaachisuu, ajjeechaa fi "shororkeessummaa tumsuu" kan jedhuuudha.
Tarkaanfiin kun karoora bulchiinsi Tiraamp godaantotaa fi barattoota biyyoota addunyaa garaagaraa irraa garas imaluun baratan humnaan biyyattii keessaa baasuuf qabatan keessaa tokko.
Ministirri dhimma alaa yakka ''shororkeessitoota tumsuu'' jedhuun wayita himannaa dhiheessu maal jechuu akka barbaade bal'inaan hin ibsine.
Garuu bulchiinsi Tiraamp barattoota uummata Filisxeem deeggaruun hiriira ba'aa turan adabuuf irratti xiyyeeffatee ture.
Barattoonni kunneen hiriira gaggeessan irratti gocha faallaa seem agarsiisaniiru jedha mootummaan US.
Viizaa barattootaa 6,000 mulqame keessaa 4,000 kan ta'u sababa barattoonni seera biyyattii cabsaniif akka ta'e minsitirri dhimma alaa kun ibseera.
Viizaan 200-300 ammoo ta'u ''sababa shororkeessummaa raawwatameen'' bu'uura seera INA 3B jedhamu jalatti eerameen akka barattoota irraa mulqame ibse.
Akka ministeerri dhimma alaa US jedhetti Ameerikaa keessatti ''gochi shororkeessummaa'' akka balaa jireenya dhala namaa ykn sarbama seera US ta'eetti seera kana jalatti labsameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jalqaba bara kanaa bulchiinsi Tiraamp, barattoonni biyyoota addunyaa garaagaraa irraa gara US imaluun baratan beellama isaan viizaaf qabatan yeroof dhaabanii turan.
Dhorkaan yeroof kaa'ame kun Waxabajjii darbe kaafamee ture. Haata'u malee yeroo kaasan kana iyyattoonni miidiyaa hawaasummaa isaanii akka namni hundi argu akka godhan akka ulaagaa ijootti dhiheessaniiru.
Kunis akkaawuntiin isaanii akka hordofamuuf yaadameeti.
Bulchiinsi Tiraamp akka jedhutti ''balaa lammiilee US, aadaa, mootummaa, dhaabbilee akkasumas seera US irratti aggaamame'' qorachuuf ulaagaa kana akka kaa'e ibseera.
Aanga'oonni ministeera dhimma alaa barattoota ''shororkeessitoota biyyoota alaa yaaddoo biyyattii ta'an leellisan, gargaaran ykn maallaqaan tumsan,'' hordofuun tarkaanfii akka fudhatan ajajamamaniiru.
Caamsaa darbe Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo Amajjii irraa eegalee viizaan barattoota kumaatamaa haqameera jechuun seera baastotatti himanii turan.
Dimokiraatonni tarkaanfiin kun adeemsa seeraa sarbuudha jechuun bulchiinsi Tiraamp akka irraa deebi'u dhiibbaa uumaa jiru.
Bara barnootaa 2023-24 barattoonni miiliyoona 1.1 biyyoota 210 irraa ta'an kolleejota Ameerikaatti galmaa'aniiru jedha jaarmiyaan odeeffannoo barattoota biyyoota hordofu Open Doors.












