Doktorri cidhasaanii adda kutuun haadha ulfaa deesisan leellifaman

Madda suuraa, Dr. Bayyanaa Abarraa
Dr. Bayyana Abarraa Ispeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa yemmuu ta'an, Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Magaalaa Hoosaa'inaa keessatti kan argamu Hospitaala Ispeshaalaayizdii Waliigalaa Yaadannoo Mootittii Illeenii Mahaammad keessa hojjetu.
Dhiyeenya gaa'ela isaanii kan raawwatan ogeessi fayyaa kun, Dilbata ALI Mudde 6, 2017 sagantaa warra deebii cidhaa waan qabaniif haadha warraasaanii reefuu gaa'ela waliin raawwatanfi hiriyootasaanii waliin gara mana maatii misirroo deeman.
Achittis dhangaan (nyaanni) qophaa'e nyaatamee taphni eegalame. Yeroo kana bilbila Dr. Bayyanaa irratti bilbilli bilbilamuu eegala.
"Bilbilicha kaasee 'maali?' jedhee yemmuu gaafadhu 'haadha opireeshiniin ishee barbaachisutu jira. Dafii qaqqabi' naan jedhan" jedhu doktarichi.
Sana boodas Dr. Bayyanaa haadha warraa isaanii waliin mari'atan; gara hospitaalaa deemuufis murteessan. Yeroo gara hospitaalaa deemanis uffata aadaa sagantaa deebii cidha isaaniif uffatan akkuma uffatanitti ture.
"Konkolataaan waan tureef kallattiin konkolaataadhaan gara hospitaalaa deeme" kan jedhan Dr. Bayyanaa, hospitaala erga gahanii boodas haadha ulfaa dahuuf gargaarsa isaanii eegdu baqaqsanii yaaluun deesisuu eegalan.
Yaala baqaqsanii yaaluu Dr. Bayyanaan sagantaa deebii cidha isaanii adda kutanii taasisaniinis haati ulfaa nagahaan dahuu dandeesse.
"Dirqama ogummaa kooti."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sagantaa deebii cidhaa adda kutanii deemuu isaaniitiin miira maatii misirroofii hiriyoota isaanii bira ture kan gaafanne Dr Bayyanaa, "amala koo kana duruu ni beeku kanaafuu hoomaa hinjenne. Shaayeefii buna jechaa na eegan" jedhan.
Gochaa isaanii kana duuba dirqamnifii kakuun ogummaa akka jiru kan himan doktarichi, taateen guyyaa Dilbataa kun gara miidiyaa hawaasaatti yaa bahu malee isaaniif mudannoo idilee ta'uu himu.
"Kakuu yemmuu raawwannu nama amantaa, sabummaa, koorniyaa fi faayidaan osoo adda hinqoodin tajaajiluu qabda jedha" kan jedhan doktarichi mudannoo isaanii guyyaa Dilbataa kana duuba kan jirus dirqama ogummaa qaban ta'uu dubbatu.
"Dirqama ogummaa keenya bahachuu waan qabnuuf bilbila natti bilbilamu hunda nan kaasa. Kuni amaluma kooti. Bilbilli naaf bilbilamee osoon hinkaasiin hafee hinbeeku" jedhu.
Kana malees "Namni naaf bilbilu nama gargaarsakoo barbaadu ta'uunsaa hoomaa gaafii hinqabu. Gargaarsi ani kennummoo gargaarsa dhoowwatamu miti" jedhan.

Madda suuraa, Dr. Bayyanaa Abarraa
Mudannoon isaanii tibbanaa kun jalqaba gama maatii deessuutiin miidiyaa haawasaarratti akka qoodame kan himan doktarichi, dhimmichi miidiyaa hawaasaarratti erga bahee booda dinqisiifannaa fi galata guddaa argataniiru.
Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa heddus odeeffannicha walharkaa fuudhanii qoodaa turaniiru.
"Hakiimonni hundi itti gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu" kan jedhan doktarichi, "Dhukkubsataan du'uu hinqabu. Hakiimni waan gochuu danda'u hunda gochuu qaba" jedhan.
Barnoota digirii jalqabaa isaanii Yunivarsiitii Hawaasaatti kan baratan Dr. Bayyana Abarraa barnoota digirii lammaffaa yookiin ispeeshaalaayizeeshinii immoo Yunivarsiitii Jimmaatti baratan.
Barumsa isaanii xummuruun hojiitti erga bobba'aniis waggoota sadi lakkoofsisuu kan BBC'tti himaniiru.












