Raashiyaan loltoota 600 ajjeesuu Yukireen waakkatte

Maxxanfame

Yukireen Raashiyaan haleellaan raawwadheen, loltoota Yukireen dhiibbaan lakkaa’aman ajjeese jechuu dubbii ‘hololaa’’ jechuun waakkate.

Mooskoon osoo raga omaa hin dhiyeessiin, ‘‘halellaa misaa’eelaa’’ magaalaa baha Yukireenitti argamtu Kraamaatork keessatti loltoota Yukireen 600 ol ajjeessuu himte.

Kunis haaloo Yukireen jala bulti Bara Haaraatti haleellaa raawwatteen loltoota Raashiyaa hedduu ajjeeftee akka ta’e himte.

Haata’u malee waraanni Yukireen kun dhara jedheera.

‘‘Kun holoola Raashiyaa kan gara biraati’’ jedhe dubbii himaan waraana Yukireen Sehiy Cherevatii wayita BBCtti dubbateetti.

Ministeerri Raayyaa Raashiyaa, haleellaa gamoo loltoonni Yukireen yeroodhaaf keessatti dahatan irratti raawwateen miseensoota waraanaa 600 ajjeesseera jedhe.

Loltoonni Yukireen 1,300 ol gamoowwan lama keessa jiraachaa turan jette Mooskoon.

Itti dabalunis, haleellaan kun ‘haaloo‘ loltoota Raashiyaa 89 Maakoovkaa keessatti Yukireeniin raawwatamee tureti jedhe Ministeerichi.

Haata’u malee Yukireen loltoonni Raashiyaa haleellaa sanaan ajjeeffamanifi madaa’an 400 ol akka ta’an himte turte.

Raashiyaanis waa’ee haleellaa amma Kraamaatorsk keessatti raawwachuun ajjeechaa qaqabee jettees ganaa raga hin dhiyeesine.

Suuraalee qondaaltoota naannichaatiin miidiyaalee hawaasaa irratti qodaman yoo fakkiiwwan saataalaayitii fi fakkiiwwan intarneetii kan biraatin wal bira qabun ilaalamu, eddoowwan lamaan Kraamaatorsk irraa garam aayiilii tokko kan adda fagaatan ta’u BBC adda baaseera.

Haleellaa ammo gamoowwan mana barnootaa ogummaa lakkoofsa 28 fi 47 lama, kan lakkoofsa doormii Raashiyaan eertuun walfakkaatu biratti raawwatame. Mooskoon gamoowwan bakka loltoonni Yukireen keessa turaniidha jetti.

Haata’u malee, gamoowwan kunneen lamaan garmalee miidhamu ykn hanga Raashiyaan jettu kanaan ajjeechaan raawwatamuf ragaan agarsiisuu omtu hin jiru.

Akkasumas erga pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin amantoonni Kiristaana Ortodoksii akka ayyaana Gannoo kabajaniif jecha sa’aatii 36’f dhukaasa dhaabuu erga beeksiiseen boodas, Yukireen keessatti eddoowwn garaagaraatti haleellaa raawwatamaa ture.

Kunis Raashiyaan waan dhukaasa dhaabu jetteen akka hin aboomamne kan agarsiisuudha jedhu qeqxoonni.

Qondaaltoonni Yukireen bulchiinsa Kharkiv kan Kaaba bahaatti argamtu keessatti yoo xinnaate namni tokko ajjeeffameera jedhu.

Akkasumas magaaloota kibba biyyattii Zaportizhzhia fi Melitopol keessattis dhohinsiwwan qaqabun gabaafameera.

Gama biraatiin ammo Ministeerri Ittisaa Raashiyaa erga mariin gaggeeffameen booda Yukireen loltoota Raashiyaa qabattee turte 50 deebiisu hime. Yukireenis gama isheetiin lakkoofsa loltoota wal fakkaatuu Raashiyaa irraa gadhifamuuf mirkanneessite jirti.