Kaanaadaatti poolisiin lammiilee Eertiraa 16 walitti bu’iinsa keessatti hirmaatan jedhe barbaadaa jira

Poolisiinni mormitoota dura wayita dhaabbataniitti

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Kaanaadaatti poolisiin magaala Kaalgaarii lammiilee Ertiraa walitti bu’iinsa hawaasa Eeritraanootaa jidduutti mudatee ture keessatti hirmaataniiru jedhe 16 barbaadaa jira.

Miidiyaan biyyattii Global News jedhamu akka gabaaseetti, baatii Fulbaanaa jalqabarratti Kaaba baha magaala Kaalgaariitti deeggartoota mootummaa Eertiraafi moormitoota jidduutti walitti bu’iinsa umameen dhaabbilee hedduun barbadaa’anii ture.

Akka poolisiin jedheetti, walitti bu’insicha keessatti namoonni 150 ta’an kan hirmaatan yoo ta’u, baayyeen isaanis kan meeshaa hidhatan ture.

Walitti bu’iinsa torban sadiin dura magaalatiitti umameen namoonni 11 miidhamuun hospitaala yoo seenan, hundi isaanituu haala lubbuuf sodaachisu irra akka hin jirre tajaajilli wal'aansaa balaa tasaa ibseera.

Ajajaan poolisii Kaaligaarii konkolaataawwan walitti bu’insicha keessatti hirmaatanii fi dhaabbilee daldalaa irratti badii olaanaan qaqabuu beeksiisuu isaa miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.

Walitti bu’iinsicha hordofuunis poolisiin magaalichaa ‘‘walitti bu’iinsa cimaa’’ yeroo dhihoodhaa as magaalatiitti umameen kan qoratu gareen tokko hundeeffamoo qorannoo gaggeessaa jiraachu himan.

Walitti bu’insa lammiilee Ertiraa bakka lamaatti qoodamuun uman kana keessatti kanneen hirmaatan itti gaafatamoo akka taasifaman ajajaan poolisii ibseera.

Poolisiinis walitti bu’insicha ilaalchisee qorannoon gaggeeffamaa jiraachu Kamisa kaleessaa ibsuun, eenyuummaa namoota 16 walitti bu’insicha keessatti hirmaatanii adda baasu beeksiiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaanis suuraan namoota 16 ifa ta’eera. Kanaanis namoonni suraansaanii ifa taasifame kunneen kan beeku ykn walitti bu’insicha ilaalchisee kan odeeffannoo dabalataa qabu yoo jiraate, akka poolisii Kaalgaariitiif eeruu kennu gaafateera.

Yeroo dhihoodhaa as sababii qophii feesitivaala aadaa Ertiraatiin wal qabatee lammiile Eriraa jidudutti Kaanaadaa, Awurooppaa fi Ameerikaatti walitti bu’iinsi yoo mudatu dhagahamun haaraa miti.

Bara akan qofaatti Kaanaadaa dabalaee Jarman, Siwiidiin, Nooriwee fi Israa’eetti hedduun miidhaaf saaxilamaniiru.

Torban darbe Jarman magaala Sitiitgaariitti mormiitoonni mootummaa Ertiraa poolisii waliin walittu bu’udhaan kanneen dhibbaan lakkaa’aman to’annoo jala oolfamuunsaanii ni yaadatama.

Dhuma baatii Hagayyaa irratti lammiileen Eritraa kolugaltummaa gaafataa turan Teel Aviiviitti hookkara guddaa umuudhaan, erga manootaafi qabeenyaa irra miidhaan qaqabeen booda Ministirri Mummee biyyattii baqattoonni Afriikaa hundi atattamaan Israa’eel keessaa harii’achuuf karoorri akka bahuuf ajaja kennuun isaani ni yaadatama.

Konkolaataa poolisii

Madda suuraa, CBC NEWS

Namoota jaha barbaadaman

Madda suuraa, GLOBAL NEWS