Namichi wayinii litiroo 60,000 kan doolaara mil 2 ol baasu gad-naqe barbaadamaa jira

Wayinii taankarii keessaa gad dhangala'aa jiru

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Warshaan waayinii Ispeen namni eenyummaan isaa adda hin baafamne waayinii litiroo 60,000 jalaa dhangalaasnaan doolaara miiliyoona 2.1 ol dhabe.

Bakka bu'aan warshaa wayinii Keppaa 21 jedhamuu gosti wayinii dhangala'ee kan Horkaajoo fi Maalabriigoo jedhamaniifi akkaan qaalii tahe dha jedhan.

Akka bakka bu'aan warshaa waayinii kanaa jedhanitti namni eenyummaansaa adda hin baafamne kuni haalaan keessaa sa'atii 09:30tti dha kan seenee wayinii kana gad jigse, iddichas akkaan kan beeku fakkaataa jedhe.

Poolisiin dhimma kana qorachaa jira.

Kaameraan CCTV namni mataa hamma miilaatti haguuggatee taankii wayinii baatu jarjaraan banee yeroo lafatti akka nam'u godhu mul'ata.

Bakka bu'aan Keeppaa 21 akka BBCtti himanitti, ''taankiiwwan kunneen akka hin banamnetti waan qadaadamaniif namni kanaan dura baneen hin beekane banuuf baayyee rakkisaanii.

Kanaaf namni dhangalaase kuni nama kanaan dura taankiwwan kunneen banaa ture dha,'' jedhan.

Dabalataanis, ''namni ibsaan jiraachuu baatus kuusaa waayinii kana keessa akka garaasaa asiifi achii sohco'aa ture,'' jedha.

''Kana jechuun namni kuni iddoo wayinii kanaa sirriitti beeka, '' jechuu dha.

Haa tahu malee eenyummaa nama kanaa sanaafi kana jechuuf hin ariifannu jedhan. Hojjettoota ammaas tahe kan duraanii shakkuuf ragaan hin jirus jedhaniiru.

Namni eenyummaansaa hin beekamne kuni taankiin wayinii qabu sadii tahullee inni garuu shanan isaanii bane.

Keppaa 21 kaaba-lixa Ispeen iddoo naannoo Kaastirool da Duweeroo jedhamu keessatti argama.

Wayiniin Horkaajoo UK keessatti paawundii 80 kan gurguramu yoo tahu Maalaabriigoon ammaa paawundii 35nin gurgurama.