Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexeessituu turtii torban ja'aa keessatti akkaataa sammuunshee itti hojjetu jijjiirte
Jijjiiramni guyyuu jireenya keenya keessatti mudatu sammuu fi akkaataa sammuun itti hojiisaa hojjetu akka jijjiiru qorannoowwa hedduun ibsaniiru. Meliisaa Hooganbuum argannoo kana mirkaneessuuf meeshaa kaastuu fakkii (scanner) keessa of galchite.
Wayita maashina sammuu suuraa kaasu (scanner) keessa seentu, ''homaa osoo hin yaadin akkan turu yeroon yaadu baayyee natti ulfaatee ture,'' jette.
Ijashee osoo hin cufin maashina qofa akka ilaaltu itti himame. Akka gaazexeessituu waa'ee sammuu tokkootti akkaataa sammuun itti hojjetu ofirratti shaakaluuf fedhii guddaan qaban ture.
Kanaaf ji'a ja'aaf akkaataa sammuunshee itti jijjiiramuu danda'urratti leenjii gochaan deeggarame Yuuniversitii Landan, Royaal Holooweyi keessatti fudhatte.
Kaayyoonshee ''dhuguma sammuu keenya jijjiiruu dandeenyaa?'' kan jedhu qorachuuf akka ta'e himte.
Sammuun keenya uumamaan dandeettii wayitti baruu, guddachuu fi barachuu qaba, amala pilaastikummaa qaba, kana jechuun akka jijijjiiramu mul'isa.
Amalli pilaastikummaa sammuu ykn yeroodhaan jijjiiramuu sammuu kun yeroo baayyee dargaggootarratti mul'ata, amma garuu sammuun keenya eenyummaa keenya kan qaaccessu ta'uun hubatameera.
Yogguu mara waan haaraa yoo barannu ammuun keenya dafee itti bara, ni haaroma.
Saayintistoonni sammuu fi xiin-sammuu jijjiirama sammuu yeroo waliin deemu kana haga tokko to'achuu dandeenya jedhu.
Haala kanaan fayyummaa sammuu eeguun danda'ama, dhibee seelota sammuu (neurons) ajjeesan dandamachuu yookiin ittisuun ni danda'ama.
Yuuniversitii Saarreey kan UKtti argamutti ogeessa fayyaa xiin-sammuu kan ta'e Pirofeesar Toorestan Barnihoofar dhiibbaa qophaa'ummaan ykn dammaqinni sammuu miira ulfaataa fi mukaa'ummaa to'achuurratti qabu qo'ata.
Meliisaa Hooganbuum akka shaakallii kana gaggeessitu pirofeesara kanatu gargaare.
Dammaqinni sammuu fayyummaa sammuu eeguuf murteessaa akka ta'en hubadhe jetti.
Qorattoonni akka jedhanitti dammaqinni sammuu waan salphaa fakkaatus garuu sammuun hojiisaa akka raawwatuuf humna guddaadha.
Meliisaa Hooganbuum amalli sammuu dhugaatti jiraachuusaa shaakaltee ofirratti argite. Kan torbee ja'aaf ishee leenjise Pirofeesar Barnihoofar.
Wayita qorannoo gaggeessaa yookiin shaakalaa turtetti, guyyaatti daqiiqaa 30f sammuushee dhaggeeffatti, waraabbii sagalee tasgabbaa'aa ta'e caqasti.
Torbaniin ammoo dammaqina sammuu fi xiyyeeffannaadhaan sammuushee hojjechisti. Kanas Piroofesar Barnihoofartu shaakalchiisa.
Haala ammaa irratti akka xiyyeeffattu qajeelfamni kennamaaf, wantoota simachuu didaa turteef xiyyeeffannaa kennuu, bakka sammuunshee deemu duukaa deemuu irratti xiyyeeffatte.
Yeroo yeroon waan sammuu ishee qabatu hubachuurratti qiyyaafatte.
Dammaqinni sammuu dhiphina ittisa
Waa'ee qorannoo argannoon ajaa'ibsiisaan tokko dammaqinni sammuu dhiphina ittisuu isaati.
''Sammuu dammaqaa qabaachuun bu'aansaa, dhiphina ykn mukaa'uu ittisa. Dhiibbaa sitti dhufu hubatta. Xiyyeeffannaan deebii kennita,'' jedha Pirofeesar Barnihoofar.
Meliisaa Hooganbuum shaakallii kanaaf nama sirrii miti, sadarkaan dhiphinashee adeemsa kanaaf akka filatamtu kan ishee taasisu hin turre. Garuu adeemsa kana keessa darbuurraa fayyadameera jette.
''Akkuman shaakallii kana eegaluun, daqiiqaawwan jalqabaa salphaa turan. Of dhaggeeffachuu danda'eera. Garuu wayita callisaa yeroo hunda sammuun kiya fageenya dheeraa na fudhatee imala,' jette.
''Torban dura waan hiriyoota waliin dubbanne, battala itti aanu ammoo beellama wal'aansaa ogeessa yaala ilkaanii waliin qabanne, xiqqoo osoo hin turin ammoo hojii narra jiru galchuuf yeroon xumuramaa jiraachuu... waa hedduun battala tokkotti yaade.''
Yeroo gabaabduu keessatti sammuun kiyya yaadarraa gara yaadaatti na fudhatee utaale kan jettu Meliisaa Hooganbuum, ''Sanuu hatattamaan, baayyee na dadhabsiise,'' jechuun waan keessa dabarte himte.
''Yaadaan jooruun ykn sammuu yaadaan dhiphisuun yeroo garii bu'aa qaba,'' jedha Pirofeesar Barnihoofar.
''Dandeettii waa kalaquu, karaa beekamaan addatti yaaduuf nama gargaara.''
Ammoo waan tokko deddeebisanii yaaduu fi yaadachuu, waan tokkorratti xiyyeeffachuu fida, kun ammoo yaaddoo fi dhiphina hammeessa,'' jechuunis miidhaa waan kanaa hima ogeessi kun.
Waan kana gaafan hubachuu eegalu, dandeettiin ajaa'ibaa qabnu kun, akkaan itti yaadnu, karoorsinu, yaaddofnu, dhiphannu- waliigalatti akkaan itti sammuu keenyatti fayyadamnu humnaa ol yoo ta'e akkaan nama dadhabsiisa jette Meliisaan.
Torbanoota ja'a waa'ee dammaqina sammuu irratti shaakallii gaggeesse keessatti, dookumantarii kiyya waa'ee Brain Hacks irratti ogeeyyii sammuu waraabaan ture jetti.
Meliisaan yeroo kennameef, torban ja'a, erga xumurtee booda shaakalli taasisaa turte sammuusheerratti dhiibbaa akkamii akka fide baruuf baayyee ariifatte.
''Shaakala hunda ergan raawwadhee booda yeroo lammaffaaf kaastuu surraa (scanner) keessa seeneen sammuu kiyya ilaale,'' jette.
Sammuushee duraa fi ammaa walbira qabee kan xiinxalee Pirofeesar Barnihoofer.
Jijjiiramni argame jira: Dhugaatti caasaan keessoo sammuu kiyyaa jijjiirameera jette Meliisaan.
''Jijjiiramoonni madaalamuu danda'an mul'ataniiru.''
Kutaan sammuu gara jidduutti argamuu fi hojii miiraan walqabtu hojjetu- amigdala jedhamu hammisaa akka xiqqaate himte.
Kun ammoo isa saayinsiin ''dammaqinaan yaaduun yookiin wantoota nu marsanii jiraniif xiyyeeffannaa kennuun yaaduun hamma kutaa sammuu kanaa xiqqeessa,'' jedhu naaf dhugoomse jetti gaazexeessituun kun.
''Sammuu dammaqaa qabaachuun dhiphina ittisa, kunimmoo kutaan sammuu gara jidduutti argamuu fi hojii miiraan walqabtu hojjetu- amigdala hir'isa,'' jedha saayinsiin.
''An garuu jalqabarrattis ta'e, ergan shaakallii sammuu kana eegalee dhiphina ykn mukaa'uu keessa galee hin beeku. Garuu sanas ta'u kana jijjiiramicha ofirratti argeera,'' jette Meliisaan.
Sammuu dammaqaa qabaachuu kootiin qaama sammuu kiyya keessaa kan dhiphinaa fi yaaddoo hir'isu guddifachuu danda'eera jette Meliisaan.