Atileet Sisaay Lammaa: Abbaan rikardii Maraatoonii dorgommiiwwan akkamii keessa darbee sadarkaa kana ga'e?

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii fiigicha maraatoonii biyya Ispeen magaalaa Vaalenshiyaatti Dilbata (Muddee 03, 2023) gaggeeffamerratti atileetonni Itoophiyaa dhiiraanis ta'e dubartootaan injifanoon galaniiru.
Atileet Sisaay Lammaa fiigicha kana sa'atii lama, daqiiqaa tokkoo fi sekondii 48n xumuruun rikardii haaraa addunyaa harkatti galfateera.
Sa'atiin atileetiin kun dorgommii maraatoonii kana itti xumure, addunyaa atileetiksii keessatti sa'atii saffisaa atileetota dhiirotaa isa afraffaa ta'ee galmaa'eera.
Sa'atii saffisaa addunyaa kan harkaa qaban atileetii Keeniyaa Kelvin Kiptum sa'atii lamaa fi sekondii 35n tokkoffaa, ammas atileetii Keeniyaa Eliyuud Kipchoogee sa'atii lama, daqiiqaa tokkoo fi sekondii sagaliin lammaffaa, atileetiin Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalaa ammoo sa'atii lama, daqiiqaa tokkoo fi sekondii 41n sadaffaadha.
Rikardii kana qabachuun mootii atileetiksii addunyaa ta'ee kan jiru atileet Qananiisaa Baqqalaa, maraatoonii Vaalenshiyaa kanarrattis dorgomuun sadarkaa afraffaan xumuruun guddoo jajameera.
Atileet Qananiisaa Baqqalaa umriisaa waggaa 41tti maraatoonii guutuu dorgomuun sa'atii lama, daqiiqaa afurii fi sekondii 19n sadarkaan afraffaan xumuruunsaa addunyaarratti kan jalqabaa isa taasisa.
Atileet Sisaay Lammaa atileetota gameeyyii, dorgomtoota dura fiiguun toora qabsiisan, biraa osoo hin hafin xumura irrattis haala amansiisaa ta'een dorgommicha goolabeera.
Sa'atii dorgommii kana itti xumureen waahila isaa atileetii gameessa Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalee booda sekondii torba qofaan hafuun addunyaarratti atileetii saffisaa afraffaa ta'eera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Umriisaa waggaa 17tti fiigicha kan eegale atileetiin umrii waggaa 33 Sisaay Lammaa Kaasayee, bara 2012 dorgommii maratona d'Italia jedhamu mo'ateera, waggaa itti aanu ammoo dorgommii maraatoonii Israa'elitti qophaa'e- Tiberisa Marathon jedhamu irratti hirmaatee shanaffaan xumure.
Ragaan marsariitii Atileetiksii Addunyaa (Wolrd Athletics) jedhamurraa argame akka mul'isutti, atileet Sisaay bara 2015 maraatoonii Firnaakfartii, Jarmanii irratti sa'atii lama daqiiqaa ja'aa fi sekondii 26n tokkoffaa ba'eera.
Baruma kana dorgommii maraatoonii Veenaas tokkoffaan yoo xumuru, maraatoonii Dubaay ammoo shanaffaan xumureera.
Bara itti aanus (2016) dorgommii maraatoonii Dubaay sadarkaa afraffaan xumure, garuu sa'atii ittiin xumure 2:07:06 irraa 2:05:16tti fooyyeffate.
Bara 2017 ammoo dorgommii maraatoonii sadi irratti hirmaatee ture.
Maraatoonii Dubaay sadaffaan, maraatoonii Chikaagoo ammoo afraffaan xumure, maraatoonii Boston garuu xumuruu hin dandeenye.
Fiigicha maraatoonii qofarratti kan xiyyeefate atileet Sisaay Lammaa, bara 2018 ammas maraatoonii Dubaay irratti hirmaachuun shanaffaa ba'e, garuu sa'atii itti xumure 2:04:08tti fooyyeffate.
Baruma kana keessa maraatoonii Ljubjana jedhamu sa'atii fooyya'aa 2:04:58n xumuruun rikardii qabate.
Bara 2019 ammoo maraatoonii Barliin sadaffaan xumure, ammoo sa'atii isaa 2:03:36tti fooyyeffate.
Atileet Sisaay Lammaa maraatoonii Landan kan bara 2020 sadaffaan xumurus, waggaa itti aanu (2021) garuu 2:04:01n xumuruun mo'ate.
Atileetiin kun bara 2023 kanas dorgommii lamarratti milkaa'eera. Caamsaa darbe maraatoonii Piraag (Prague Marathon) lammaffaan erga xumuree booda, maraatoonii Vaalenshiyaa rikardii addunaa cabsuun irraa aane.
Fiigicha maraatoonii Vaalenshiyaa kanarratti atileetonni dubartootaa Itoophiyaas sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa qabachuun raajii dalaganiiru.
Dorgommii, atileetonni dubartootaas dhiirota waliin fiigaa turan, kana atileet Worqinash Daggafaa sa'atii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 51n tokkoffaan xumurte.
Atileet Almaaz Ayyaanaa fi atileet Hiwot Gabrakidaan ammoo lammaffaa fi sadaffaan xumuran.
Atileetiin umrii ganna 32 Ganzabee Dibaabaa fiigicha kanarratti eegamaa turte ammoo kiilomeetira 27ffaarratti dorgommii adda kuttee baate.
Atileetiin Keeniyaa Kalestiin Chepchirchir ammoo 2:20:46n afraffaan xumurte.












