Yukireen gamoo magaalaa Mooskoo gidduutti argamu dirooniin haleelte-aanga’oota

Maxxanfame

Yukireen gamoo ijaaramaa jiru magaalaa Mooskoo gidduutti argamu dirooniin haleeluu hordofee balaliiwwan addaan cituu kantiibaan magaalatti Sargee Sobiyaaniin himan.

Humni ittisaa ammoo dirooniiwwan lama kutaawwan magaalaa Mooskoo Mozaayiskiifi Kahaayimiik jedhaman keessatti rukkutee kuffisuu ministeerri ittisaa beeksiseera.

Haleellaa diroonii kana hordofee balaliiwwan gara magaalaa Mooskootti taasifamanis ta’e Mooskoorraa ka’an dhorkamanii ture.

Haleellaa gamoo magaalaa Mooskoo gidduutti argamurratti raawwatameen miidhaa namarra gahe ilaalchisuun wanti jedhame hin jiru.

Aanga’oonni Raashiyaa waan mudate kana “haleellaa shorkrokeessummaa Kiiv raawwatedha” jechuun ibsan.

Yukireen waa’ee haleellaawwan bulchiinsa Raashiyaa keessatti gaggeessitu ilaalchisee yaada kennuurraa yeroo baayyee of qusatti.

Haleellaa diroonii kana hordofee balaliiwwan gara magaalaa Mooskootti taasifamanis ta’e Mooskoorraa ka’an dhorkamanii ture.

Mooskoon erga dhiyoo as yeroo haleellaan diroonii mudatanitti buufatawwan xiyyaaraashee cufuun tarkaanfii irra deddeebiin fudhattu ta’eera.

Magaalaa guddoo Raashiyaa, Mooskoo keessatti haleellaan diroonii walfakkaatan halkaniin irra deddeebiin si’a 6ffaa raawwatamuu burqaan oduu Firans gabaaseera.

Ministeerri ittisaa Raashiyaa ibsa diroonii gamoo ijaaramaa jiru rukkutte ilaalchisuun yaada kenneen, diroonittiin akka dhiibbaa elektirooniskii keessatti kuftu waan taateef to’annootiin ala taatee gamoo sana waliin walitti buute jedhe.

Gamoon abbaa darbii shanii kun haleellaa diroonnii kanaan ilaaltuuwwan isaa kan caccaban yoo ta’u, hojjettoonni yeroo balaa ammoo hordoffii taasisaa jiru jedhameera.

Ameerikaan ammoo waa’ee dirooniiwwan rukkutamanii kufanii ilaalchisuun karaa ministeera dhimma alaasheetiin yaada kenniteen haleellaawwan diroonii Raashiyaa keessatti raawwatamanii akka hin deeggarre ibsiteetti.

Aanga’oonni Ameerikaa Yukireen akkamitti akka ofirraa ittistu ilaalchisuun murteeffachuu kan qabu ishuma jedhu. Raashiyaan ammoo loltootashee Yukireen keessaa baasuun waraanicha saatii kamiyyu dhuma itti gochuu dandeessi jedhu.

Erga dhiyoo as haleellaan diroonii Raashiyaa keessatti raawwatameera himannaan jedhu dabalaa dhufeera.

Kibxata darbe ministeerri ittisaa Raashiyaa Mooskootti dirooniiwwan lama rukkutee kuffisuufi kanneen biroo lama ammoo daangaa Yukireenitti dhiyootti karaatti hambisuu ibseera.

Kana malees, ministeerichi waraanni xiyaaraa Raashiyaa bidiruu waraanaa Yukireen Galaana Gur’aacha bakka omisha gaazii raashiaatti mullates barbadeessuu ibseera.