Waa dagachuun bu’aa qabaachuu mala- Qorattoota

yaadannoo
Maxxanfame

Hundi keenya yeroo itti maqaa nama beeknu tokko yaadachuuf rakkannu-dagannu, ykn odeeffannoo tokko baasnee dubbachuuf utuu yaallu arraba irratti nu hafu jira.

Yeroof waa dagachuun kun yaadannoo keenyaaf gaarii ta’uu danda’a. 

Akka qorannoo odeeffannoo sammuu keenya keessa taa’urratti gaggeeffameetti dagannaan akkanaa waan ifa ta’e miti.

Qorannoowwan dagannaan akkamiin uumama kan jedhu ibsuuf taasifamu bara 1800 keessa eegale.

Yeroo kanatti qorattoonni xiinsammuu yaalii isaaniif maloota herreegaa fayyadamaa turani.

Ogeessii xiinsammuu lammii Jarmani, Hermaan Ebingahuus jechamoota hiika hin qabne qayyabachuun boodarra dandeetti yaadachuu isaa qorachuu eegale.

Dandeettiin jechamoota kunneen yaadachuu isaa yeroo booda hir’isaa akka deeme hubate.

Jechamoota qayyabate hedduu  dafee dagachuun, muraasi garuu yeroo dheeraaf akka yadannoo isaa kessa turan adda baase.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bu’aan kun yaada- waa dagachuun bu’aa salphaa odeeffannoon tokko barbaachisummaa dhabuu isaadha, jedhu kan deeggaru fakkaate.

Ta’us garuu argannoo kana keessatti dhimmi dagannaa isa barame caalaa waan hin baramne akka jiru mul’iseera.

Waan tokko yaadachuu dandeessaa kan jedhu hagam sammuu keessa ta’eera kan jedhurra addadha.

Fakkeenyaaf maqaan maatii keenyaa yaadannoo kuufama cimaa fi deebisanii yaadachuu cimaa qabudha.

Ogeessotni xiinsammuu adda addummaa odeeffannoo kuufachuu fi yaadachuu jidduu jiru kan baran bara 1930’n keessa yeroo ogeessi xxinsammu Yunivarsitii Mizuurii Aleksaandar Makgooch qorannoo gaggeessedha.

Yeroo qorannaan akkanaa dhageettii argachaa deemetti, hikkaan dagannaa waliin jirus jijjiramaa dhufe.

Waa dagachuun akka waa suuta galaanatti dhidhimee baduu osoo hin taane caalatti akka mana bosona keessa dhokate argachuuf cimaa deemu ta’uu baramaa dhufe.

Yeroo waan dagatte tokko yaadachuun cimaa ta’etti, jabinna odeeffannoo kuufachuu fi gara fulduratti deebitee yaadachuukee cimsachaa deemta.

Akka qorannoowwan hedduu agarsiisanitti, guyyaa qormaataa irratti barattonnii qayyabannaa isaanii hunda yeroo gabaabaa keessatti taasisan, kanneen yeroo dheeraaf boqonnaa fudhachaa qayyabachaa turan irra caalaa bu’aa gaarii argatu.

Kanneen boqonnaa fudhachaa qayyabatan torbanoota fi ji’oota booda warra ariitiin qayyabatan caalaa bu’aa gaarii ni argatu. Ta’us garuu yeroo sanatti qormaatni darbeera.

Haa ta’uyyuu malee kun namoota waa qayyabatan ykn hojiif shakalan odeefannoo haaraa kuufachuu fi yeroo barbaadanitti deebisanii yaadachuu irrraa hamilee kaasuu hin qabu.

Odeeffannoo ykn beekumsi nu jalaa badeer jennee yaadnu sammuu keenya keessa dhokatee yeroo sirrii itti barbaadamutti deebi’e mul’achuuf eegaa jira.

 

Yeroo Ebingahuus’tti qorannoo xiinsammuu irratti herrega fayyadamuun waan addaa kan ture ta’us, dhaloota hedduu booda malli kun fudhatama argachaa dhufe. 

Kanneen mala kana fayyadaman keessaa tokko Yunivarsitii Kolombiyaatti oggeessa xiinsammuu kan ta’e Eedwaard L. Toorndaayikdha.

Qorannoon isaa sochii xiinsammuu cimaa Behaviorism jedhamu, kan amalli bu’aa nannoo malee gutummaatti dhibbaa sirna sammuun akka hin taane ibsuuf bu’ura ta’eera.

Qorannoo isaan seera barnootaa dhala namaa fi bineensotaa ijoo sadii ta’an uumeera.

Seerri kunneen akkaataa sammuun keenya odeeffannoo hidhata qabuun kaawwatu, Seera bu’aa, akkataa odeeffannoon itti barame Seera Qophii fi akkataa odeeffannoon itti qabatamu ykn dagatamu Seera Shakkallii, kan yaadrimee fayyadamuu fi fayyadamuu dhabuu of keessatti qabatu uumeera.

Yaadni fayyadamuu dhabuu salphaadha: Yaaddannoo tokko itti hin fayyadamtu ta’e, yaadannoon sun si jalaa bada.

Qorannoota badhaasa Nobeel mo’atan irratti Eerik Kandeel akka ibsetti, yaadannoon sammuu keenya keessa kan taa’u cimina hidhannoo nuuronii keenya irratti hundaa’uunidha.

Akka Ebingahuus jalqaba hubatetti, wanta tokko qayyabachuun ykn shaakaluun jiddu jidduutti yeroo boqonnaa kennuun yoo ta’e hidhannoon kun yeroo dheeraaf ni tura.

Ta’us garuu yeroo boqonnaa kennaa qayyabannu ykn shakkallu kanatti maaltu ta’aa jira?

Yeroo sadarkaa seeliitti ilaalamu, deebiin kanaa gariin sammuun keenya odeeffannoo tokko qabachuun yeroo boqonnaa akka barbaadu agarsiisuu mala. Yeroo itti nuuronotni keenya deebi’ani hidhannoo isaani jabeessu dura boqotanii of sirreessan jechuudha.

Qorannoowwan adda addaa akka agarsiisanitti, qayyabannaa jiddutti boqonnaa fudhachuun barbaachisaadha sababiin isaa akka waan barre sana dafne hin daganneef gargaaru.

Akkamiin waa dagachuun bu’a qabeessa ta’a kan jedhu hubachuuf, yaadannoon tokko salphaatti cimaa ykn dadhabaa akka hin taane hubachuun barbaachisaadha.

Kanarra, akka salphaatti odeeffanno