Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buufata nuukilaaraa Raashiyaan to'atame keessatti dhohinsi dhagahame
Erga guyyaa Sanbataatii kaasee dhaabbatta nuukilaaraa Kibba Yuukireen kan Raashiyaan to'attee jiru keessatti dhoohinsii cimaa hedduun dhagahamuun gabaafame.
Hogganaan nuukilaraa UN, Raafaa'eel Girosi dhaabbata nuukilaraa guddicha Awurooppaa kan ta'e Zaaporizhzhiyaa keessatti waraannii akka dhaabbatuuf waamicha hatattamaa taasisan.
''Kana duuba eenyumtuu yoo ta'e battalatti dhaabbachuu qabaata'' jedhan. Itti dabaluunis, ''ibidaan taphataa jirtu'' jedhan.
Dhaabbatichi Laga Niproo irratti fuullee adda waraanaatti argama.
Waraanni Raashiyaa humnootii Yukireeniitu cinaa tokkoon naannoo to'annaa Raashiyaa jala jiruu irratti haleellaa raawwataa jira jechuun himataa jiru.
Gama Yukireen kan duraan Raashiyaan naannicha irratti haleellaa raawwataa akka jiru himan irraa ammaatti kan dhagahame homtu hin jiru.
Magaalaa Raashiyaan to'atamte Enerhodar dabalatee, naannoon dhaabatichatti argaman baatiiwwan darbaniif walitti fufiinsaan haleellaa irratti raawwatamaa jira.
Haata'u malee, hanga dhohinsi ammaa gaafa sanbataa dhagahameetti naannichatti tasgabbiin umamee ture.
To'attoonni dhaabbata UN, Ejensii Aannisaa Atomikii Idil-Addunyaa (IAEA) karaa foddaa isaanii dhohinsa muraasa arguu himaniiru.
Odeeffannoo qondaaltoota Rashiyaa dhaabbaticha to'atan irraa argame eeruun, gareen IAEA akka himaniitti, gamoowwan, sirnoonnii fi meeshaaleen bakkichatti argaman muraasni barbadaa'aniiru.
Haata'u malee, hanga ammaatti ''nageenya nuukilaaraa irratti yaaddeessaa miti.'' Dutii mudate jiraachuu ilaalchisees gabaasni dhagahame hin jru.
''Oduun garee keenya irraa kaleessaafi ganama kana dhagahame yaaddeessaadha'' jedhan Mr Giroosi. Dhaabbata nuukilaraa guddicha keessatti dhohiinsii dhagahamaa jira, kun haala kamiinuu fudhatama hin qabu jedhan.
Irra deebiinis gareewwan wal waraanaan lamaanuu akka waliigalanii nageenya eegumsa nuukilaraa naannichaafi dhaabbatichaaf hatattamaan taasisaniif waamicha taasisan.