Itoophiyaatti namoonni humna hin qabne yoo dhukkubsatan attamiin wallaansa argatu?

Maxxanfame

Dr. Qidisit Malaakuu yeroo baayyee toora tiwitara isheerratti maallaqa walitti qabuuf yoo gaaffatu mul’ata. Darbee darbes milkofte beekti.

Kanas kan raawwattuuf, hospitaala Xuqur Anbassaa bakka keessa hojjattuutti dhukkubsattoonni ‘du’aafi jireenya’ jidduu jirantu dhaqa.

Namoota akkasii sana lubbuu oolchuuf wallaansi barbaachisu, kiniinii tokkotti ykn shiroppii fallaana tokkoo ta’u mala. Ta’us ishumaa bitachuuf kan humna hin qabne jiru.

Kanaafu Dr Qiddisit karaa toora tiwitara isheetiin namoonni akka maallaqa buusanii namoota akkasii gargaaraniif kadhatti.

Akka isheen jettuutti, namoonni birri 1o qabatanii hospitaala dhaqan jiru. Birriin 10 ammoo kaardiiyyuu ittiin baasuuf hin oolu.

Yeroo tokko tokko ammoo daa’imman daandiirra jiraatan dhukkubsatanii, namoonni kaasanii gara hospitaalaa geessu.

Yeroo kaan ammoo poolisoonni dhukkubsattoota keessattu daandiirra kan jiraatan erga du’atti dhiyaatanii hospitaala geessu.

‘‘Haala akkasitiin yoo dhufan yeroo baayyee balaa tasaatiin simanna’’ jetti Dr Qiddisit.

Lammiilee kanneeniif kaardii baasuun waan hin danda’amneefu, hospitaalicha keessatti hojjattoota dhimma hawaasaa (Social workers)tu simata.

‘‘Isaan waliin ta’uun dhimmota dallaa keessaa mallattoofi chaappaa taasisuun yeroof xumurra’’ jetti.

Rakkoo kan ta’u qorichaafi qorannoon laaboraatorii yoo ajajameedha. Hospitaala keessatti wanti hundi guutame hin argamu. Tokko yoo argame kaan ni dhabama.

‘‘Yeroo sanadha rakkoo keessa kan seennu. Namoota kadhachuu eegalla.’’

Yeroo sanatti hospitaala keessatti maaltu umama?

Waan akkasii wayita mudatuutti namoonni hospitaala keessatti argaman narsii, hakiima, hojjattuu qulqullinaa hundi buusaa jedhamuun walitti qabamee waa gochuuf yaalama.

Yeroo tokko tokkoos namoonni ciisanii wallaanaman osoo hin hafne yeroo itti buusaniitu jira.

Haata’u malee adeemsi akkasii yeroo baayyee hin baasu. Dhukkubsataan sirree irraa ka’ee anaafis walitti buusaa jedhu waan hin dhabamneefuu.

Dhukkubsataan gara laafaan qoricha isaafu gahaa hin taane osoo qabu adda qoodannee haa liqimsinu jedhus jira.

‘‘Rakkoon akkasii keessattuu halkan yoo mudatu rakkiisaadha, sababii halkan namoonni hin jiraanneefuu’’ jetti. Kanaafu dhukkusattoonni humna hin qabne halkan yoo dhufan gargaaramuuf baayyee rakkatu.

Meeqaaf walitti buusaa jedhamee danda’ama?

Dr. Qiddisti karaa toora tiwitaraatiin kadhattee milkoofte yeroo itti galateeffatte jira. Ta’u garuu hanga yoomiitti kadhatama jechuunshee hin oolle.

‘‘Rakkoon keenya daangaa hin qabu. Osoo rakkoo tokko furruu kan caalu dhufa. Kana gargaarera jettee as yoo garagaltu kan biraatu dhufa. Bitaa sitti gala’’ jetti.

Kanaafu namoota dahoo hin qabneef attamiin deeggarsa taasisuun danda’ama?

Hospitaaloonni hedduun xalayaa deeggarsaa barbaadu. Xalayaan sun mataansaa gandarraa barraa’ee ragaan deeggarame argamuuf sadarkaa hedduu keessa darbuu qaba.

Ofii ganda meeqatu ijoollee daandiirra jiraatan kanneeniif itti gaafatamummaa fudhatee barreessaaf? Ofii isaan waraqaa gandaa qabuu?

‘‘Dirqama yoo ta’e biyya alaatti erginee ni wallaanna’’

Obbo Hirqiyihun Ashannaaf Ittigaafatamaa sagantaa dhaabbata mit-mootummaa Hoppi For Jestiis jedhamuuti.

Dhaabbanni isaanii ijoollee daandiirra jiraatan irratti kan hojjatu yoo ta’u, sadarkaa biyyaatti jiddu galawwan jaha qabu.

Ijoollee araadaan miidhaman, kan dhukkubsatan, kanneen daandiirratti kufaniif dursa kennun simata. Kanneen reebaman, dhiiraafi dubartoota gudeedamaniifi kaantu isaan bira dhaqa.

Akkasumsa kanneen araadaan baayyee miidhaman, kan somba dhukkubsatan, HIV/ADIS'n kan qabaman fi kanneen dhukkuba sammuuf saaxilaman isaan bira dhaqu.

‘‘Rakkoo jiruun wal biratti yoo ilaalamu hojiin dhaabbata keenyaa baayyee xiqqaadha. Daa’imman daandiirra jiran garmalee hedduudha. Namoonni baayyee hirmaachu barbaachisa,’’ jedhu Obbo Hirqiyihun.

Dhaabbanni kunis ijoollee muraasa daandiirraa kaasuun wallaansisee, maatii isaanii waliin akka walitti makaman taasisan.

‘‘Ijoolleen erga nu biratti galanii booda wallaansa paakeejii guutuu argatu’’ jedhu. Jalqabuma irraa kaasee akkuma simatuun qorannoo fayyaa bu’uraa ni taasisa.

Uffatasaanii itti jijjiruun yoo qaama madaa’e qabaatan akka wallaansa argatan taasisa. Sa’aatii 24 keessatti ammo gara hospitaala guddaatti ergamun akka qorannoon tiruu, HIV fi dhukkuboota kaanii taasifamaaf.

Bakki ciisaa qofaatti qophaa’un alattis, haalli soorata isaanii ni sirreefamaaf jedhu. Erga tasgabbaa’aniin booda tajaajila gorsaatu kennamaaf.

Ijoolleen daandiirra jiraatan wallaansi hanga baqaqsanii wallaanu ta’ulleen yoo barbaachise hospitaaloota gurguddaa waliigaltee waliin mallatteessaniitti geessuun akka wallaanaman taasifamu jedhu.

Waaqni hin jedhiniitii daa’imtii daandiirraa kaafamte tokko dhukkubni cimaan qabamte yoo wallaansi biyya alaa barbaachise, dhaabbannisaanii baasii isaanii danda’a.

‘‘Biyyoota kudha irratti waan hojjannuuf baasii xiyyaaraa dandeenyee ni wallaansina’’ jedhu Obbo Hirqiyihun.

Kunis dhaabbanni isaanii kan yaadu baasii isaa osoo hintaanee lubbuu daa’ima sanaa oolchuu isaan booda geedaru akka ta’e dubbatu.

Ijoolleen daandiirraa maaliif inshuraansii fayyaan hin hammatamne?

Dhaabbaleen akka Hopp For Jestiis kanaa baayyee miti. Ijoolleen daandii irra jiraatan ammo hedduudha.

Ijoolleen kunneen wanti nyaatanii jiraatan rakkoo itti ta’us, yoo dhukkubsataniitti attamiin wallaansa argachu danda’u kan jedhu gaaffii ka’u qabudha.

Sirni inshuraanii fayyaa Itoophiyaatti dhiyoo eegale. Aaddee Firehiyiwoot Abbaba Daareektara Mummee Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaati.

Isheenis tajaajilli inshuraansii fayyaa bakka lamatti akka qoodamu kaasu. Tokkoffaan, kan inshuraansii fayyaa hawaasaa yoo ta’u, kan hojjattoota mootummaafi mindeeffamtoota hammatudha. Kunis ummata keessaa parsantaa 17 qofaa kan hammatu.

Inni lammaffaan ammo inshuraansii fayyaa hawaasa hamataa kan jedhamudha.

Kunis namoota diinagdee idilee hin taane keessatti argaman, kanneen akka qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, daldaltoota xixiqqaa, walumaagalatti lammiilee miindaa hin argannee hammata.

Kunis ummata biyyatii keessaa harka 83 qabata.

Kanaafu ijoolleen daandiirra kutaa kam keessatti argamu?

Aaddee Firehiyiwooti sababii sirni inshuraansiin fayyaa daandiirratti osoo hin taane sadarkaa maatiitti hojjatuufu, gaaffiin kun rakkoo ta’e akka ture kaasu.

‘‘Deemsa hanga ammaatti jirunis, galmeen inshuraansii fayyaa kan gaggeeffamu sadarkaa maatiitti ture’’ jetti. Kanaafu ijoollee daandiirra hin hammatu ture.

Amma garuu waan haaraan jira. Labsii haaraa baheen, ijoollee daandiirra dabalatee, lammiileen hiyyummaa keessatti argaman harki 23.4 ta’an inshuraansichaan ni hammatamu.

Baasii isaanii mootummaatu danda’a. Ta’us ammoo ammas galmeen namoota hiyyeeyyii malee ijoollee daandiirra jiraatan hin dabalatu. Seerri duraanii sadarkaa dhunfaatti miseensa akka ta’aniif hin hayyamu ture.

‘‘Kun hanqina ta’e waan argameef, sadarkaa dhunfaatti miseensa akka ta’amuf murtaa’eera'' jedhu Aaddee Firehiyiwooti.

Kanaafuu eenyuttu isaan galmeessa? gaaffii jedhuuf, itti gaafatamummaan kann naannooleeti jedhu Aaddee Firehiyiwooti.

‘‘Labsichi mootummooti naannoolee uwwisa inshuraansii fayyaa ijoollee daandiirraatiif akka bituuf dirqama qabu jechuun labsa‘‘ jedhu. Kana garuu gochaa hin jiran.

‘‘Seerri ijoollee daandiirra jiraataniif mirga keenneera. Hojiirra oolchuun garuu waan salphaa miti. Hojjataa jirra'' jedhu Aaddee Fireehiyiwooti.

Itoophiyaatti ALI bara 2023tti ‘lammiileen hundinu' osoo kiisii isaanii hin baasiin inshuraansii fayyaatiin hammatamuun wallaansa ni argatu jedhamee hojjatamaa jiraachun himame.

Ijoolleen daandiirra jiraatan jecha ‘lammiilee hindi' jedhu keessatti argamu laata?