Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamaas rookkeettii dhukaasuu hordofee Israa’el Raafaa haleelte
Ministerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu akka ibsetti, dho'insa dawoo baqattootaa naannoo Raafaatti argamutti qaqqabeen namoonni hedduun ajjeefamanii kaan mada'uu hin hafne.
Ministirri Fayyaa Gaazaa akka himetti, haleellaa xiyyaaraatiin namoonni 35 ajjeefamuun namoonni biroo hedduun madaa'aniru.
Waraanni Israa'el haleellicha mooraa Hamaas naannichatti argamurratti qiyyaafachuun haleellaa raawwachuu beeksise.
Taatee kana irra deebi'ee akka qoratu beeksisera.
Haleellaa sana dura Hamaas rokkeettii saddeet Raafaarrraa gara Tel Aviivitti kan dhukaase. Baatii Ammajjii 2024 asitti haleellaa rokkeettii fageenyarraa magaalicharratti raawwatamuun kan jlaqabati.
Viidiyoon kibba Gaazaa keessatti waraabame akka agarsiisutti, dho'insi gurguddaafi balaan ibiddi hammaatera.
Hamaas akka jedhutti, haleellaan xiyyaaraa Israa'el dawoo Filisxeemoota Kaaba- Baha Raafaarraa buqqa'anii rukute. Namoota haleellaan kanaan du'an keessatti daa'immanii fi dubartoonni akka argaman hime Hamaas.
Waraanni Israa'el hidhattoota naannichatti argaman haleelurratti qiyyaafachuu ibse. Haleellaan sun garuu balaa ibiddaa namoota nagaa ,miidhu kaasu gabaasni isaa qaqqabu ibse.
Waraanni Israa'el dhimmichaa akka irra qoratu ibsuun, meeshaalee waraanaa iddoo itti akeekame qofa rukutan gargaaramu ibse.
Waraanni Israa'el haleellaa kaaba- baha Raafaatiin qondaalota olaanoo Hamaas- Yaasin Raabiyaa Raabiyaa fi Kaalid Nagaar Nagaar jedhaman ajjeesu ibse.
Ministirri Fayyaa Gaazaa Hamaas hogganu akka himetti, haleellaa xiyyaaraatiin namoonni 35 ajjeefamuun namoonni biroo hedduun madaa'aniru.
Dubbi-himaan baatii diimaa Filisxeem lakkoofsi namoota Tal-al sulxaanitti du'anii wayita namoota miidhaman barbaadanitti dabaluu Asoosheetid Pireesitti himan.
Tal-al sulxaan magaalaa km 2 Raafaarraa fagaattee, gara kaaba-baha magaalichaatti argamtu.
Namni haleella sana arge Rooyitarsitti akka himetti, mandarri Tal Al-Sulxaanitti argamu guutummaatti ''gubate.''
Namni biraan Fadii Dukhaan jedhamu yeroo dho'insi sun qaqqabu balbala cina taa'ee akka ture ibse.
''Akka tasaa sagalee mnisaayilaa dhageenye'' jechuun Rooyitarsitti hime.
''Sana booda ni fiigne, karaan aaraan guutame. Homaa ilaalu dadhabne,'' jedhe.
Mana wayitan seenu jalqaba homaa hin argine, booda garuu ''muca durbaafi namticha qaamni isaanii cicciten arge'' jedhe.
Dilbata haleellaan Hamaas bakka Raafaatti dhiyaatuurra gara Israa'elitti dhukaase horodofee sagalee akeekkachisaa naannoo magaalaa Tel Aviivitti dhagahamaa ture.
Rokkeettiiwwan saddeet farraa misaayilaan rukatamaniiru ykn dirreerratti kufan.
Manni Murtii Haqaa idil-addunyaa Israa'el haleellaa Raafaatti raawwattu akka dhaabdu Jimaata murteessullee, Waraanni Israa'el haleellaa ittifufeera.
Dhukaas irokkeettii Hamaas kun ammayyuu hawaasa Israa'el akka yaaddessu akeeka. Haa ta'u malee haleellaa kanaan namni maada'uun hin gabaafamne.
Haleellaan kun Waraanni Israa'el kibba Gaazaa bakka'' maadhee ijoo Hamaas xumuraa'' jedhuun dhaquun Hamaas buqqisuuf tarkaanfii fudhachuurratti gufuun mudachuu akeeka.
Haleellaan rokkeettii kun marii dhukaasa dhaabuu Israa'eli fi Hamaas gidduutti torban ittaanu deebi'ee eegalama jedhamu dursuun raawwatame.
Dameen waraana Hamaas dhukaasa rokkeettii kana jumlaan ajjeechaa namoota nagaarraa qaqqabuuf deebii laachuuf'' jedhe.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka himetti, erga Israa'el Raafaa haleeluu eegaltee Filixeemonni 800,000 qe'eerraa baqataniiru. Gaazaa keessatti namoonni miliyoona 1.5 waraana jalaa dheessuun dawoo qubanna keessa jiru.