Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dooniin fe’umsaa misaa'el Huutiin haleelaman keessaa kan jalqabaa dhidhimte
Dooniin fe’umsaa Biritishiitti galmoofte erga miisaa'ela hidhattoota Huutiitiin haleelamteen torban lamaan booda Galoo Galaan Adan keessatti dhidhimte.
Mootummaan Yaman dooniin Riibiiymaar jedhamtu tunis osoo hin dhidhiimiin dura guyyootaaf bishaan irraa bolalii’aa turte jedhe.
Hidhattoonni Yaman, kan Iraaniin deeggaraman kunneenis erga Galaana Diimaa keessatti dooniiwwan fe'umsaarratti haleellaa raawwachuu eegalanii as dooniin yoo dhidhimu kun kan jalqabaati.
Dooniittinis xaa’oo feetee akka turte kan himamee yoo ta’u, dhidhimuun ishee kunis ‘‘naannoorratti miidhaa olaanaa’’ akka qabaatu himu ogeessoonni.
Dooniittiinis Galoo Galaana Adan keessa dhiheenya Baab al- Maandaab osoo jirtuu ture kan misaa’eloota hidhattoota Huutii kan Yaman keessatti bu’urreeffateen dhukaafameen lamaan haleellamte.
Guyyoota kudhaniin duras mootummaan Biritish doonittiin bishaan keessa seenuuf jennaan hojjattoonni ishee 24 hundu baraaramuu hime ture.
BBC suuraa doonii tanaa Guraandhala 21'tti kan argate ture yoo ta’u, isheenis gartookkeen bishaan keessa seentulleen, yeroos bishaaniirra bolalii’aa turte.
Abbootiin qabeenyaa doonitti yeroo sanatti gara Jabuutiitti harkifamaa turte garuu hanga yoonaatti dhidhimuu hin oollee jedhanii ture.
Akkasumas sababii namni doonittiirra jiru hin jirreef sadarkaa irratti argamtu mirkanneessuu akka hinndandeenye hime.
Dooniin dheerina 172 qabdu Riibiiymaar tunis alaabaa Beelizee qabachuun dhaabbata Leebaanoon waliin hojjataa turte.
Abbummaan ishee Doonii Fe’umsa Adenchar Gooldan jedhamun kan galmoofte yoo ta’u, teessoon isaas buufata Biritish Saawuzampitaniitti argama.
Doonittiinis wayita haleellaan irratti raawwatameetti xaa’oo amooniyeem naatiraate feetee imaalaa turte jedhameera.
Ministirri Mummee Yeman, kan addunyaan beekkamtii qabau, Ahimad Awaad Biin Mubaaraak, dhidhimuu doonittiin ‘‘balaa naannoo kana dura mudatee hin beekne’’ jedhan.
Dhaabbanni Gireenpiis gamasaatiin tamsaa’uun amooniyeem naayitireet sirna loceelloo bishaan keessaarratti dhiibbaa olaanaa qabaata’’ jedhan.
Akkasumas Yunivarsitii Joordaaniitti Qajeelchi Saayinsii Galaanaa, xaa’oo baayyeen gara galaanaatti seenuun isaa algee baayyeen akkabiqilii taasisan, innis oksijiinii bishaan keessa lubbu qabeeyyiin akka jiraatan dandeessisuu hedduminaan fayyadama jedhan.
Dursaan Qajeelchiichaa, Alii Al-Saawaalmiih, ‘‘tarsiinoo ittiin qulleefamu qabaachuudhaaf’’ karoora atattamaatu barbaachisa jedhan.
Dursaan garee Huutii, Mohaammad Ali al-Huutiin toora X isaaniirratti, Ministirri Mummee Biritish Riishii Sunaak fi mootummaan UK ‘‘konkolaattoonni deeggarsaa Gaazaa akka seenan hayyamuudhaan Riibiiymaar oolchuuf carraa qabu’’ jedhe.
Erga Muddee as, hidhattoonni Huutii dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaban jedhan irratti Galaan Diimaa fi Galoo Galaana Adan keessatti haleellaa jiru.
Tarkaanfiin isaan fudhatan kunis Filisxeemoota Gaazaa keessatti argaman deeggaruun akka ta’e himu.