Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itti-gaafatamaan Tikaa Humna Waraanaa Israa’el aangoo gadhiisan
Itti-gaafatamaan Tikaa Humna waraanaa Israa’el haleellaaa Onkoloolessa 7 Hamaas Israa’el irratti raawwateen walqabsiisuun aangoo gadhiisan.
Qondaalli waraanaa olaanaa kun haleellaa gaggeeffame sana dursanii dhaabsisuu dadhabuu isaaniitiin itti gaafatamummaa isaa fudhachuuni aangoo kan gadhiisan.
Humni waraanaa Israa’el qondaala aanga’aa kana bakka bu’u erga filateen booda Meejar Janaraal Haroon Haliivaa soorama akka bahan beeksisaniiru.
Itti-gaafatamaan Tikaa Humna waraanaa Israa’el kun, “Imaanaa nutti kenname sirriitti hin eegne” jechuun xalayaa hojii gadhiisuuf dhiyeeffatanirratti amananiiru.
Meejar Janaraal Haaron Haliivaa sababa haleellaa Hamaas seenaa Israa’el keessatti isa baayyee hamaadha jedhame kanaan aanga’aa olaanaa aangoosaanii gadhiisan jalqabaati.
Hidhattoonni Hamaas dhibbaan lakkaa’aman Onkoloolessa 7 daangaa Gaazaa ce’anii gara Israa’el seenuun, lammileen Israa’el naannawaa sana jiraatan, buufataawan waraanaafi namoota festivaala muuziqaarra turan irratti haleellaa gaggeessan.
Haleellaa kana dura aanga’oonni tikaafi basaasaa humna waraanaa Israa’el akeekkachiisawwan baayyee hin dhageenye ykn callisanii ture.
Akka Israa’el ibsitetti taanaan, Isaa’eloonniifi lammileen biyya alaa 1,200 ta’an yoo ajjeefaman, 253 ammoo butamanii gara Gaazaa geeffamaniiru.
Isaa’el ammoo Hamaasiin dhabamsiisuufi warra butaman gadhiisisuuf jecha Gaazaa irratti waraana cimaa bantee gaggeessaa jirtuun deebii kenniteetti.
Gaazaa keessatti garri caalaan daa’immaniifi dubartoota kan ta’an lammileen Filisxeem kuma 34 ta’an walitti bu’insa kanaan du’uu isaanii ministeerri fayyaa Hamaasiin durfamu beeksiseera.
Israa’el haleellaa Hamaas hordofee duula waraanaa lafoofi qilleensarraan Gaazaa irratti erga bantee ammo ji’a ja’a lakkoofsiseera. Israa’el haleellaa irratti raawwatmeef Hamaasiin Gaazaa keessaa balleessuuf, akkasumas lammileen butamanii jiran gadhiisisuuf kaayyoo ijoo godhachuunidha duula waraanaa kana gaggeessaa kan jirtu.