Haroon Haramaayaa deebi'ee jiraattotatti abdii horaa jira

Maxxanfame

Harargeetti haroon uumamaa guddaan ture Haroo Haramayaati. Haroon kun Godina Harargee bahaa Magaala Maayaa keessatti argama.

Magaalattiinuu Moggaafamni ishee maqaadhuma haroo kanaarraa akka ta’es ni himama.

Haroon dhangaggoorraa yeroo gara Magaala Hararitti imalamu seensa magaala Haramayaa gara bitaatiin diriiree argamu kun barootaaf miidhagina lafa Harargee ture.

Bishaan Haroo kanaa Baha Oromiyaatti waggoota dheeraaf bakka bashannanaa misirrootni suuraa fi bashannanaaf filatan akka tures warri yaadannoo bakkichaa qaban ni himu.

Wellistoonni hedduunis waa’ee miidhagina Haroo kanaa weedduu isaanii keessatti kaasaniiru. Isaa keessaa Abbabaa Abbashuu akkas jechuun kan weeddise niyaadatama.

“Bishaan Haroo Haraamayaa doonii malee Miilan seentee nan yaachiisin yaa jaalallee,” jechuun guddina Haroo kanaa jaalalatti qabee weellise.

Goguu Haroo Haramayaa…

Ta’iin kun waggoota 21 dura kan mudatedha. Akka jiraattonni naannoo Haroo kanaa jedhanitti Haroon Haramaayaa kun kunuunsa dhabuu, bishaan jallisiidhaaf fayyadamamu heddummaachuu fi bishaan haroo kanaa warshaaleef fayyadamuutu kana fidee ture jedhu.

Haroon Haramaayaa waggoota 17’tti siquuf badee dirreen bishaan isaa irra ciisus lafa loon irra dheedu ta’ee ture. Taateen kun guutummaa Harargeetti naasuu kan uumee fi waan namni hundi irraa dubbatus ture.

Wellistuu Faaxee Anniyaa waggootaa kudhan dura wallee ishiitin naasuu goguun haroo kanaa fide akkas jechuun ibsite.

“Yaa Bishaan Haramaayaa madda maaf hin burqine

Maalifi narraa Gogdaa nuti suma abdanne

Argaan tee tunuu sooraa yoo ijaan simiil’anne” jechuun goguun Haaroo kanaa hammam akka nama yaachise weelluun himte.

Obbo mohaammad Abdurahmaan jiraataa Magaala Maayaa Kutaa Magaala Haramaayaati. Isaan yeroo ijoollummaa isaanii ollaa bishaan kanaatti waan guddataniif bashannana Haroo tanaa akka gaariitti beeku.

Ijoollummaa isaaniitiin Haroo kana daakanii, bashannana bidiruu Haroo kanarraas sirritti yaadannoo qabu.

Gaafa Haroon kun goge isaan gara Biyya Jibuutii godaananii achi jiraachaa turan. waggoota saddeet erga jiraatanii deebi’aniis lafti haroo kuni irra ture loontu dheeda.

“Eegin Jabuutii deebi’ee jaartiikoo amma waliin jiraannu tana bakka Haroo kanaa teenyee waliin haasofnee walbarre. Gaafas lafti tuni gogaadha. Waggaa afur dura bishaan kuni deebi’uu jalqabe,” jedhu.

Deebi’uu Haroo Haramaayaa fi carraa fide

Haroon Haramaayaa amma erga deebi’ee waggoonni afur lakkaa’amuu jiraattonni naannichaa nihimu.

Bishaan Harichaa hanga qarqara magaala Haramaayatti guute kana ijoollee fi ga’eessonni heddummatanii yoo daakanii fi qaama dhiqatan arguun baramaa ta’eera.

Qarqara harichaatti ammoo kanneen qurxummii waadanii gurguranii fi tajaajila bashannanaa bidiruuwwaniin kennanis heddummaachaa jiru.

Obbo Mohaammad kan amma dura Haroo kana beekanii fi amma erga haroon kuni deebi’ee ammoo haadha Warraa isaanii waliin ta’uun qurxummii waadani namootaaf dhiheessu.

“Ani jaartii kiyya waliin cidha keenyas bakkuma Haroo kanaatti raawwanne. Ammas hojiin keenya haruma kanarratti qurxummii waaddinee maamilootaaf dhiheessina. Haroo kanarraa yaadannoo guddaan qaba amma deebi’ee erga dhufeemmoo kunoo nujiraachisaa jira,” jedhu.

Obbo Iskindir Durrii ammoo ijoollee fi dargaggoota waaliin haroo kana keessa osoo daakuun bashannanuu argine.

“Ani magaaluma Haramayaa keessan jiraadha. Guyyaa boqonnaa kiyyaa asdhufeetin daakee qaama dhiqadheen bashannana. Qurxumii asitti waadamu kanas nyaadheen bashannanee gala. Duraan bashannanaa fi bishaan daakuuf magaalota fageenyarra jiran deemna ture,” jedha.

Daargaggoo Bilaal Nohaammad ammoo dargaggoota akka isaa faana hojii bidiruu irratti bobba’ee hojjeta. Innis deebi’uun haroo kanaa nama carraa hojii uumef akka ta’e hima.

“Ani manni keenya haruma kana bira. Hojii kana osoo hin jalqabne hojuma maleen taa’a ture. Haroon tun deebitee jennaan hojii bidiruu kana jalqabe. Amma carraa hojii argadheera. Gargaarsa maatii kiyyaa jalaa bahee ofdanda’een jiraachaa jira,” jedha.

Akkuma Bilaal dargaggoonni biroo hedduunis hojii bidiruudhaan Haroo Haramayaa kanarra nama bashannansiisuu hojjechaa jiru.

Bidiruuwwan haroo kanarratti tajaajila kennaa jiran hunduu garuu humna namaatiin kan socho’aniidha. Fuula duraaf bidiruuwwan motoraan hojjetan bitanii hojii jalqabuuf akka yaadanis himu.

Qarqarri Haroo Haramayaa kuni keessumaa guyyaa sanbata lamaanii wiirtuu bashannanaa ta’uu jalqabeera. Namoonni haroo kanarra bashannanuuf fageenyarraa dhufanis nijiru.

Shamarree Ayyaan Hamiid hiriyootashii lama waliin Haroo Haramaayaa kanaarra bashannaanuuf Dirree daawaa irraa dhufan. Hiriyootni kunneen haroo kanarra bidiruudhaan osoo bashannanaa jiranii arginee dubbisne.

“Karaa qaxxaamurree wanni dhufneef bishaan Haramaayaa kana daawwachuuf. Hedduu namatti tola. Bashannanaaf nama hawwata. Yeroo ijaan laaltuu qalbiintee hedduu nama gammada. Saniif bashannanuu dhufne,” jetti Ayyaan.

Akka itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu Kutaa magaala haramayaa Obbo Mohaammad Daaawud jedhaniti Haroon kun deebi’uu isaatiin dargaggoonni 300 caalan carraa hojii akka argataniif gargaareera.

“Bishaan kun erga deebi’ee haala addaatiin irratti dalagamaa jira. carraa hojii bal’aatu uumame. Kaan doonii oofa, kaan qurxummii kiyyeessee gabaaf dhiheessa. Waliigala dargaggeessa 300 ta’uuf carraa hojii uumeera,” jedhan.

Haroon Haramayaa kun erga deebi’ee hawaasni ganda Tuujii Gabbisaa jedhamuu tajaajila dooniiii qofaan imaluun magaala Haramaayaattiin walqunnama.

Yunvarsiiii Haramaayaa fi abbootii qabeenyaa waliin mari’achuun iddoowwan bashannanaa naannoo haroo kanaatti daran babal’isuuf hojjetamaa jiraachuus himu.

Eegumsa Harichaa kan ilaaleenis rakkoon amma dura haricha gogiinsaaf saaxile deebi’ee akka hin uumamneef eegumsii fi kunuunsi barbaachisaan akka godhamuufis dubbatan Obbo Mohaammad.