Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan buufata anniisaa nikularaa lama Hangariitti ijaaruf
Raashiyaan buufata anniisaa nikularaa maddisiisu lama Hangaarii keesatti torbee lamaan booda ijaaruu akka eegaltu ministeerri dhimma alaa Hanagarii beeksise.
Buufata kana kan ijaara dhaabbata anniisaa nikularaa Raashiyaa guddicha Rosatom jedhamuun beekamuudha.
Walii galteen 'Buufata anniisaa Paaks' jedhamu kan duraan ture babal'isuu Raashiyaa fi Gamtaa Awurooppaa (EU) gidduutti kan gaggeeffame bara 2014tti ture.
Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante hordofee biyyoonni Gamtaa Awurooppaa Raashiyaa irra qoqqobbii garaa garaa kaa'anii turan.
Haata'u garuu, industiriin nikularii Raashiyaa irra qoqqobbii hin keenye.
Yeroo ammaa buufanni anniisaa nikularaa Paks irraa Hangariin anniisaa elektirikaa dhibeentaa 40 argatti.
"Anniisaan nikularaa kun dafee akka ijaaramu barbaanna!" jechuun ministeerri dhimma alaa Peter Szijjarto ibse.
Buufanni anniisaa nikularaa humna ibsaa maddisiisu ijaaramuuf jedhu kun lama yoo ta'u kan duraanii wajjin buufata bikularaa Raasiyaan ijaarte afur ta'a jechuudha.
"Kuni tarkaanfii guddaa fi bu'uura barbaachisaadha, "jechuun ministeerri dhimma alaa biyyattii fuula facebook isaa irratti barreesse jechuun AFPn gabaase.
"Bifa kanaan yeroo dheeraa keessatti Hangariin anniisaa barbaachisu argachuu akka dandeessu mirkaneessun lammiilee biyyattii baasii anniisaa ol ka'aa irraa oolchuu dandeenya," jedha.
Akka ministeerri dhimma alaa buufanni nikularaa kun bara 2030 tti anniisaa maddisiisun tajaajila kennuu ni eegala.
Bajatni pirojektii kanaa dolaara biliyeena 12.4 yoo ta'u irra jireessa isaa kan kaffalu Raashiyaadha jedhama.
Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante hordofee biyyoonni miseensa Gamtaa Awuroppaa ta'an hedduun isaanii anniisaa Raashiyaa irratti hirkachuu dhaabudhaaf hanga boba'aa Raashiyaa irraa fudhatan xiqqeessaa jiru.