Haal-dureen nagaa Putiin dhiyeessan yaa'ii Yukireen irratti qeeqame

Maxxanfame

Hoggantoonni Xaaliyaanii fi Jarmanii Vilaadmiir Putiin waraana Yukireen dhaabuudhaaf haala dhukaasa dhaabuu kaa’an cimsanii balaaleeffatan.

Kunis kan ta'e bakka biyyoonni hedduun walgahii guyyoota lamaatiif ISiwiizarlaanditti walgahuudhaan haala waraanni Raashiyaa- Yukireen itti dhaabbaturratti mari’ataniitti ture.

Ministirri Mummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin karoora pirezidaantii Raashiyaa kanaan ''olola'' jechuun, kunis Yukireen ''Yukireen keessaa bahuu qabdi'' jechuun yaada dhiyeessuu kan agarsiisuudha jedhan.

Chaansilarri Jarman Olaaf Schoolz akkasumas ''abbaa irree nagaa labsu'' jechuun yaadicha kuffisan.

Wixineen labsii walgahii kana irratti bahes walabummaa daangaa Yukireen irra deebi’ee kan mirkaneessu yoo ta’u, balaa niwukilaraa biyyattii irratti dhufu kamiyyuu ifatti kan didudha.

Jimaata darbe Putiin Yukireen naannolee afur Raashiyaan gartokkoon dhuunfatteefi ofitti dabalte jettu keessaa loltoota yoo baafte dhukaasa dhaabuudhaaf akka waliigalan himan.

Hogganaan olaanaa hojjettoota (Chief of staff) pirezidaantii Yukireen Volodmiir Zelenskii kan Andirii Yermaak, walgahii Siwiizarlaand irratti BBC'tti akka himanitti, ''walabummaa, abbaa biyyummaa ykn qulqullina naannoo irratti araaramni hin jiraatu'' jedhan.

Putiinis haal duree kana kan ibsan, Yaa'i Nagaa Yukireen keessaa guyyoota lamaaf, qajeeltoowwan bu’uuraa waraana kana xumuruu irratti mari’achuuf kaayyeffateen dura ture.

Sagantaa kana irratti biyyoonni fi dhaabbileen addunyaa 90 ol hirmaachaa jiru. Erga weerara guutuu Yukireen irratti raawwatameen booda kunis walga'ii isa guddaadha.

Haata'u malee Raashiyaan irratti hin affeeramne, akkasumas michuu ijoon Raashiyaa Chaayinaan walgahicharratti hin argamtu. Kanaaf walgahii kanarratti jijjiramni guddaan akka dhufu eegamu xiqqaadha.

Yaada Putiin dhiyeessan irratti yaada kennuun kan eegalan Aadde Melooniin, “Yukireen Yukireen keessaa akka bahuu qabdu itti himuun akka yaada marii tokkootti addatti bu’a qabeessa natti hin fakkaatu” jedhan.

Minstirri Mummee Biriteen Riishii Sunaak, pirezidaantiin Raashiyaa ''fedhii mari'achuuf qaban ilaalchisee seeneffama sobaa naanna'aa jiru'' jechuun himatan.

Itti dabaluudhaanis, biyyoonni dhiyeessii meeshaa waraanaatiin Raashiyaa gargaaran ''seenaa keessatti kan kallattii dogoggoraa irra jiraniidha'' jedhan.

Yukireen amma duras walga’ii bakka icciitaawaa Bürgenstock keessatti argamutti akka milkaa’inaatti dhiheessitee jirti, kunis addunyaa irratti qaqqabummaa ishee fi baay’ina biyyoota bakka bu’an kaasuudhaan.

Mr Zelensky akka jedhanitti, Yukireen ''dippilomaasiidhaaf carraa kennuu'' barbaaddi akkasumas ''tattaaffiin waloo'' waraana kana dhaabuu danda'u agarsiisuu barbaaddi jedhan.

"Yaa'ii kanarratti seenaan asitti hojjetamaa jiru ni argina jedheen amana. Yeroo gabaabaa keessatti nagaan haqaan haa bu'u," jedhan.