'Morkii jabaa ta'a' - Artettaa, 'garaagarummaa jiru sadiitti gad butuuf taphanna'- Peep

Madda suuraa, Getty Images
Taphni Piriimiyeer Liigii Ingiliz torbee 31ffaa Sanbata, Dilbataafi Wiixata dhufu gaggeefmmu dursee leenjistootni gahuumsa garee isaanirratti yoo dubbatan leenjisaan Arsenaal Maayikil Artettaan morkii jabaan akka isaan eeggatu dubbate.
Liigii Ingiliz hanga ammaa jiruun qabxii 73 sassaabbatee Maachistar Siitii waliin garaagarummaa qabxii jahaan kan dursu Arsenaal dirree isaan ala Weestihaamiin morkata.
Leenjisaan Arteettaa taphni Dilbata Weest Haam waliin godhan jabaa akka ta'u hime.
''Tapha akkaan jabaadha. Yeroo muraasa garasitti imalleerra. Yeroo mara nutti jabaatu, tapha jabaa ta'a. Kanaafuu nuuf qabsoo fi tapha darbii isa guddaa ta'a. Injifachuuf gahumsa gaariirra jiraachuu qabna.''
Arsenaal ittisa isaa Salibaa malee Weest Haam kan falmatu ta'us, jifataan isaa Nikitihaan garuu miidhamaa deebi'ee hiriira.
Tapha tokko osoo harkaa qabuu Arsenaaliin durfamaa kan jiru Siitiin Sanbata xiqqaa Etihaaditti Leester Siitii kessummeessa.
Leenjisaan Siitii Peep Gardiyoolaa gahumsa garee isaanii ilaalchisee yaada kennaniin, Arsenaalitti aanee garee gahumsa itii fufinsa qabu agarsiisaa jiran ta'uu dubbatan.
''Liigicha keessatti gahumsa walitti fufaa qabaachuun garee lammataadha. Haala badaarra hin jirru; Rakkoon isaa Arsenaal hanga ammaatti ajaa'ibsiisaadha'' jedhan.
Gahumsi isaanii gaarii ta'uu kan himan Peep, Arsenaal isaanirra jabaa ta'uu isaa akka gaariitti kaasanii sana fudhatanii of fooyyeessaa akka adeeman dubbatan.
''Tapha garee cimaa liigichaa Biraayitan waliin hin taphanne qabna. isa Taphannee lakkoofsa taphaan Arsenaal waliin qixxee osoo taanee haala ilaallee gaariidhas'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garaagarummaa guyyaa sadiin taphachuun isaanii gahumsi, miirriifi xiyyeeffannoon isaanii akka walirraa hin cinne akka godhus dubbatan.
''Ni injifatamna yoo ta'e dorgommiin ala taana. Borus akkasuma. Yoo injifatamne Shaampiyoonaa hin taanu, Yoo injifannee dorgommii keessa turra.''
Maanchistar Siitii Kibxata darbe dirree isaatti tapha Chaampiyoonsi Liigiin Baayer Muuniikiin 3-0 injifatee gahumsa gaariirra jirachuu mirkaneesseera.
Leenjisaan Tootenhaam gareen isaanii arfaffaa ta'ellee xumuruf taphoota hafan saddeet akka tapha xumuraatti ilaalee falmee akka hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii argatu dubbatan.
Tootenhaam tapha Boornmaawuz aliin godhuuf jifataan isaa lammii Biraaziil Richaalsan guutummaatti akka deebi'u ibsameera.
Rakkoo goolii lakkkofsisuu jabaa keessa kan jiru Cheelsiin Sanbata xiqqaa Biraayitan waliin taphata.
Firaank Laampaard gareen isaa rakkoo goolii lakkoofsisuu qabaachuu hubachuufi sana furuun hojii isaanii ijoo ta'uu dubbate.
''Haala itti jifannu irratti si'oomina dabaluu qabna akkatti jifannu irratis yaaduu qaban.''
Liivapuul ammoo Wiixata dhufu Liids Yunaayitiid waliin morkata.












